Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee gaara mirga namaan qixxee qabu kana beektuu?
Marii waggoota dheeraa booda gaarri kuni dhala namaan qixxee mirga akka horatu seera ta'ee bahe.
Taateen kuni Niiw Ziilaanditti mudate. Gaarri dhala namaan qixxee mirga akka qabu kan murtaa'e Gaara Taranakii Maawungaa jedhamudha.
Akkaataa seera kanaan tullichi of danda'eera. Bakka buutonni hawaasa naannoofi mootummaan waliin to'atu, bulchu.
Kaayyoon waliigaltee kanaa hawaasa Maaworii bara kolonii badii isaanirra gahe kiisuuf yaadameeti.
Ministirri mootummaa Niiz Ziilaand waliigaltee kana itti dhiheenyaan hordofan Pool Goldismiiz ''badii duriin miidhama gaheef beekamtii kennuu qabna,'' jedhan.
Wixineen seeraa kuni guyyaa Kamisaa paarlaamaa Niiw Ziilaandiin ragga'eera.
Akkaataa seera kanaan maqaan gaara kanaa bu'uura seeraa akka qabaatu ta'eera, akkasumas eegumsis taasifamaaf.
Akkasumas ilaalcha hawaasa Niiw Ziilaand ganamaa kanneen akka gaarreen fa'i 'hortee keenya', lubbuu qabu jedhanii yaadaniif beekamtii kenna.
Hoggantoota dhaaba hawaasa Maaworii keessaa tokko kan ta'an Deebi Nigaarewaa-Paakar, Gaarri Taranakii ''funcaa hacuuccaafi jibba jalaa bahe,'' jedhan.
Yeroo wixineen kuni ragga'u hawaasi Maaworii dhibbaan lakkaa'aman paarlaamaatti dhihaachuun gammachuu ibsatan.
Gaarri kuni jaarraa 18ffaa keessatti abuurtuu Biriiteen Jeemis Kuukiin Gaara Egmont jedhamee mogga'ee ture.
Akkaataa seera haaraa bahen maqaan kuni ni hafa jechuudha. Maqaan haaraa ragga'e maqaa afaan hawaasni Maaworii ittiin waamanidha.
Hawaasa Maaworii keessaa gartuun ijoo warra iwi jedhamu.
Hawaasa kana keessaa tokko kan taate Ayishaa Kaampeel gaarri kuni ''akka ummataatti waan walitti nu fidudha,'' jechuun miidiyaa 1News jedhamutti dubbatte.
Waliigalteen Waayitaangii waliigaltee Niiw Ziilaand akka biyyaatti hundeessedha, hawaasi ganamaas hamma tokko lafaafi qabeeya uumamaarratti mirga akka qabaatan eeyyama.
Waliigaltee cabe kana kiisuuf wantoota adeemsifamaa turan keessaa tokko waliigaltee Gaara Taranakii Maawungaa irratti dhihoo taasifamedha.
Mootummaan Gaara Taraanaakiifi lafa hektaara kuma dhibbaan lakkaa'amu bara 1860 keessa humnaan waan fudhateef akkaataa waliigaltee kanaan mootummaan dhiifama jedheera.
Gaarri kuni Niiw Ziilaand keessatti gaara jalqabaa mirga dhalli namaa qabu akka qabaatu taasifaman keessaa tokkodha malee kan jalqabaa miti.
Bara 2014 bosonni Ureweraa akkasumas bara 2017 Lagni Waangaanuyii mirga akkanaa argataniiru.