Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Somaaliilaand Israa'el irraa beekamtii argachuun booda Yeruusaalemitti embaasii banatte
Bulchiinsa walabaa jechuun kan of waamtu Somaaliilaand Israa'el irraa beekamtii biyyummaa erga argattee ji'a jahaan booda Yeruusaalemitti embaasii banatte.
Israa'elitti daawwannaa dippiloomaasii taasisaa kan jiran Pireezidant Abdiraamaan Mohaammad Abdullaahii lixa Yeruusaalemitti embaasii eebbisanii bananiiru.
Pireezidantichaa waliin kan dubbatan Ministarri Mummee Beenjaamiin Netaaniyaahuu ''uummattoota keenya gidduutti hariiroo hafuuraa jabaatu jira,'' jedheera.
Tahus Somaaliyaan Somaaliilaandiidhaan ammallee qaama biyyaatti waan ilaaltuuf ''bulchiinsa kaaba Somaaliyaa foxxoqee jiru waliin hariiroo taasifamu mara akka walabummaa biyyaa sarbettin ilaala,'' jetteetti.
Mudde darbe Israa'el Somaaliilaandiif beekamtii kennuun falmisiisaa tahee ture.
Chaayinaa, Turkii, Saa'udii Arabiyaafi Gamtaan Afrikaa akkasumas biyyooti baayyeefi dhaaboti beekamtii kana qeeqaniiru.
Tahus Israa'eliifi Somaaliilaand hariiroo isaanii jabeessuu itti fufaniiru.
Amajji darbe Ministarri Hajaa Alaa Israa'el Geediyoon Saar magaalaa guddoo Somaaliilaand Haargeessaatti daawwannaa hojii taasisanii ture.
Somaaliilaand magaalaa Teel Aviiv kan embaasiiwwan biyyootaa kaanii baayyeen keessatti argamanirra embaasiishee Yeruusaalemitti banuuf murteessuu Netaaniyaahuun jajeera.
Israa'el bara 1967 ture waraana Baha Gidduugalaan Baha Yeruusaaleem kan qabatte.
Naannicha bara 1980tti foxxoqsitee kan fudhatte yoo tahu tarkaanfiinshee kuni hawaasa addunyaa biratti deeggarsa hin arganne.
Israa'el naannolee Yeruusaaleem hunda ''magaalaa guddoo hin qoodamneefi yomiyyuu jiraattu,'' akka taatetti ilaalti.
Warri Filisxeem baha Yeruusaaleem hundeessuun magaalaa guddoo biyyasaanii akka taatu barbaadu.
UK dabalatee biyyooti baayyeen embaasiin isaanii Teel Aviiv keessa kan jiru yoo tahu Ameerikaan garuu bara 2018tti yeroo bulchiinsa jalqabaa Tiraamp gara Yeruusaaleemitti geeddarteetti.
Guuwaatemalaa, Hoonduuraas, Kosoovoo, Paappaa Niiw Giinii, Paaraaguwaayiifi Fijiin fa'a biyyoota magaalattii keessatti embaasii qabanidha.
Ministarri Hajaa Alaa Falasxiin ''Yeruusaaleem weeraramte keessatti 'Somaaliilaand' biyya jedhamuun embaasii baname'' balaaleffateera.
''Tarkaanfiin kuni seera idil addunyaafi danbii kan cabsu dha,'' jedhe
Garuu Netaaniyahuun Yeruusaaleem ''magaala keenya durii'' jedhan keessatti embaasiin banamuu galateeffataniiru.
Haalli Yeruusaaleem waamicha beekamtii Somaaliilaand wal-fakkeenya qaba jechuun eeraniiru.
''Biyyooti walabummaa keessan, mirga keessaniifi beekamtii akka isinii kennaniif eegaa jirtu. Nutis magaalaa guddoo keenyaaf kanuma eegaa jirra.
Mootii Daawwit irraa jalqabee magaalaan guddoo keenya ishuma qofaa dha. Kuni egaa waggaa 3,000 as jechuu dha. Kanaaf beekamtiin kuni kan ture dha. Isiniif garuu battalaan taheera,'' jedhe.
Pireezidanti Abdullaahii gamasaaniin Netaniyaahuu Somaaliilaandiif beekatii kennuuf kutannoo agarsiisaniif leellisaniiru.
Keessumaa leecelloon Somaaliilaand funyaan Galaana Diimaarra jiru diyaamandii fi boba'aa misoomsuuf waloomaan hojjechuuf hariiroo ''tarsiimawaa'' beeksisaniiru.
Israa'eliif kuni naannichattii michooma tasgabbaa'aa akka argattu godhaani.
Daawwannaa kana ilaalchisuun deebii kan kenne ministeerri hajaa alaa Somaaliyaa tokkummaafi tasgabbii Somaaliyaa kan salphise dha jedhe.
Somaaliilaand bara 1991 mootummaan Gidduugalaa Somaaliyaa erga kufee as of bulchaa jirti. Filannoo, maallaqaafi nageenya ofii kan qabdu yoo tahu Somaaliyaarra tasgabbii fooyya'aa qabdi.
Haa tahu malee fedhii biyya tahuushee Israa'eliin alatti hawaasni idil-addunyaa beekamtii kenneef hin jiru.