Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pireezidantiin Somaaliilaand daawwannaa hojii jalqabaan Israa'el galan
Pireezidantiin Somaaliilaand Abdiiraamaan Mohaammad Abdulllaahii Dilbata har'aa Buufata Xiyyaaraa Teel Aviiv, Been Guuriyoon qaqqaban. Hogganaan Somaaliilaand Israa'el daawwachuun kan jalqabaati.
Imalli kuni Israa'el miseensota UN keessaa biyya jalqaba Somaaliilaand bulchiinsa walabaatti of ilaaltuuf Mudde 2025 beekamtii kennuun booda dhagahame.
Israa'elitti ambaasaaddaarri Somaaliilaand Mohaammad Haagii pireezidantichi Izaak Heerzoog, pireezidantii Israa'el waliin walgahii idilee taasisu jedhe.
Beenjaamiin Netaaniyaahuu dabalatee qondaalota olaanoo biroo waliin walgahiin akka jiraatus ni eegama. Mariin adeemsifamu walooma siyaasaa, nageenyaa, daldala, inveestimentiifi guddina diinagdee akka dabalachuu mala.
Ambaasaaddar Mohaammad akka jedhanitti pireezidantichi namoota biiznasiifi inveetaroota Israa'el 200 ol waliin marii bal'aa taasisuuf karoorri qabameera. Kana malees wiirtuulee teeknolojiifi iddoowwan seenaa qabeessa murteessoo tahan ni daawwatu.
Gama biraan pireezidantichi Embaasii Somaalilaand jalqabaa Yeruusaaleem keessatti akka eebbisan karoorri qabamee jira.
Somaaliilaand biyya akka addunyaatti yeroo jalqabaaf beekamtii keeniiteef keessatti embaasii banuuf jettu kana keessatti sagantaaleen dippiloomaasii biroos akka jiraatan ibsameera.
Amajji 2026 Ministarri Hajaa Alaa Israa'el Geediyoon Sa'aar Hargeessaa daawwatanii ture.
Israa'elitti ambaasaaddarri Somaaliilaandis beekamtiin kennamuufin booda daawwannaan kuni oduu miilana dhagahame dha.
Pireezidant Mohaammad Israa'el akka michuu ijootti ibsuun dabalataan waloomni bal'aa albuuda irratti geeddaraa ogeessota Israa'eliin taasifamu akka jiraatu himan.
Waloomni kuni Israa'eliif Gaanfa Afrikaafi naannoo Galaana Dimaatti michuu tarsiimawaa kennaafi.
Somaaliilaand biyya bara 1991tti walabummaa labsiteefi hamma yoonaa hawaasa idil-addunyaa irraa beekamtii hin arganneef tarkaanfii murteessaa beekamtii dippiloomaasiifi carraa diinagdee argachuu bakka bu'aafi.
Somaaliyaan hariirii jabaachaa dhufe kana jabeessite kan balaaleffatte yoo tahu, Gamtaa Afrikaa dabalatee, Liigii Arbaafi dhaaboti Islaamaa kaanis ejjennoo Somaaliyaa deeggaru.
Daawwannaan miilanaa kuni beekmatii kennuurra darbee gara michoo gama lamee qabatamaattii geeddarame taheera.