Akeekkachiifni KFO'n tibbana waa'ee siyaasa Itoophiyaa keessaa irratti baase maal akeeka?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Paartii Koongirasii Federaalawaa Oromoo Abdiin jijjiramaa MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufan ture, projaktii itti yaadamee mootummaa abbaa irree ijaaruuf gaggeeffameen ganameera jedhe.

Kunis karaa filannoo humna waraanaa filachuun marii siyaasaa dhiibuutti akka geessee fi Oromiyaaniifi guutuun Itiyoophiyaa walitti bu'iinsa siyaasaa, nageenyaa, diinagdeefi sarbama namoomaa hamaachaa deemeef sababa ta'uu erera.

Paartii Koongirasii Federaalawaa Oromoo walga'ii koree giddu galeessa isaa guyyoota lamaaf Adoolessa 19 fi 20 taasise booda ibsa kana kan baase

Ibsa isaa keessatti rakkoolee siyaasaa, dinagdee fi nageenyaa biyyattii keessatti yaaddessoo ta'aa dhufan jedhe kan eere yoo ta'u kanaaf ''rakkoon hundaa maddisiise kan siyaasaati'' jechuun ejjennoo isaa ibseera.

Kufaatii Siyaasaafi Nageenyaa kun sirnaan dimookiraasii diigamee hidhamuu, ukkaamfamuu, fi ajjeechaa gaazexeessitoota, aktivistoota, fi hoggantoota siyaasaa mormitootaa lakkoofsa hin qabne irrattiakka raawwatu taasiseera jedhe.

Seeronni miidiyaa, paartilee siyaasaa fi Jaarmiyaalee siivilii ukkaamsuuf dhiyeenya kana ba'an, haaromsa fiduu mannaa, carraa banama diimokraasii uumamee ture ugguruun , paartilee siyaasaa, miidiyaalee fi dhaabbilee siivilii yaada mormii qaban cufuuf meeshaa ta'uun, mormiin siyaasaa akka laafu taasifameera jedha ibsichi.

Foyya'iinsi labsii miidiyaa fi filannoo irratti taasifame bara kana keessa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatiin raggaasifamuun ni yaadatama.

Kana malees, Labsiin Dhaabbilee Hawaasa Siivikii adeemsarra kan jiru yoo ta'u, fooyya'iinsi kun tumaa hirmaannaa dhaabbileen hawaasa siivikii "abukaatummaa siyaasaa" fi dhimmoota filannoo irratti taasisan kan daangessu kan hammatedha.

KFO'n dirreen siyaasaa guutummaatti akka cufamu taasisuun, humnoota mormitootaa hedduudhaaf waraanni filannoo tokkicha akka ta'utti akka ilaalamu taasisuu fi bu'aan isaas waraana biyyatti keessatti amma deemaa jiru akka ta'e eera.

Waraana itti fufee jiru fi hanqina nageenyaa hamaa naannoo Oromiyaa keessatti hawaasa miidhe, beelli fi hiyyumman akka babal'atu taasisera. Naannoo Amaaraa fi Tigraay keessaatti haalli nageenyaa yaaddessaa akka jiru ibsa.

Dabalataanis Mootummaan Itoophiyaa "imaammata alaa itti gaafatamummaa hin qabne kan gaanfa Afrikaa keessatti tasgabbii dhabuu babal'isu " hordofaa jira jechuunis himateera.

Paartichi " Ulaa Galaana Diimaatti ba'uuf carraaqqiin xiqiin taasifamu dubbii waraanaa guddachaa dhufe waliin walqabatee, waldhabdee Ertiraa waliin jiru daran hammeessee, balaa waraanaa kaase" jedhe.

Ityoophiyaan buufata galaanaa kana dhaqqabuun fayidaan biyyoolessaa haalamuu ta'uu baatus, tooftaan fayidaa kana itti mirkaneessuuf adeemame balaa guddaa kan biyyatti fidu ta'uu akeekkachiiseera.Koreen giddugaleessaa paartichaas "kufaatii dinagdee fi hawaasummaa" irraa kan ka'e rakkoowwan hedduu biyyatti irra ga'uu ibseera.

Mootummaan "fedhii bu'uura dhiisee pirojektoota miidhaginaa ijaaruu irratti xiyyeeffate" jechuun kan himatu paartichi "beenyaa gahaa fi adeemsa sirrii malee mana jireenyaa fi waajjiraaleen lammiilee kumaatamaan lakkaa'aman akka diigaman taasiseera, lammiileen hedduun akka daandii irratti hafan taasiseera" jedhe.

Dabalataanis maqaa 'bilisummaa diinagdee' jedhuun, mootummaan birmadummaa diinagdee biyyatti faayidaa alagaatiif dabarsee kennuu fi liqiif idaa biyyoolessaa kan dhaloota dhufuuf ba'aa ta'u kuuseera'' jechuun himate.

Rakkoon biraa tarkaanfii Sirna Federaalizimii Sab-daneessaaballeessuuf taasifamuudha kan jedhu KFO'n kaayyoon tarkaanfii kanaa mootummaa giddugaleessaatti aangoo walitti qabateefi abbaa irree deebisanii ijaaruudha jedhe.

Waamicha Paartichi Taasise

Paartiichi madaallii isaa keessatti " ijjennoo qajeeltoo qabu beeksisuun "waamicha tokkummaas" taasiseera.

Paartichi "waldhabdeen gidduu" beektota Oromoo fi humnoota siyaasaa gidduu jiru akka dhaabbatu, "harka tumsa humnoota dhugaa hundaaf diriirsuun" gamtaa waloo uumuuf waamicha dhiheessera.

Paartichi mootummaaf haal-duree "bu'uuraa" daandii ce'umsa dimokiraasii ta'us dhiheessee jira.

Kanaaf filannoo bara 2018 ALI tti gaggeefamu ilaalchisee of eeggannoo cimaan gama mootummaatin taasifamuu qabu jedhe irratti ibsa isaa baasera.

KFO'n biyyattiin filannoo dhufu kana ilaalchisee filannoo lama qabdii jedhe. Isaanis filannoo "jijjiirama dimokiraatawaa fidu yookiin ammoo kufiinsa biyyattii" jechuun akeekkachiiseera.

''Mootummaan filannoo bilisa, haqa qabeessaa fi amansiisaa gaggeessuun ce'umsa dimookiraasii dhugaa mirkaneessuuf ammumarraa akka of qopheessu akeekkechiifna'' jedhe.

Mootummaan dhimma kana irratti murteessaa isa duraa waan ta'eef, tarkaanfiiwwan ifaafi qabatamaa ta'an fudhachuun dirreen siyaasaa akka babal'atuuf akka carraa banu gaafateera.

Jijjiiramni bu'uuraa akkanaa yoo hin jiraatin garuu, ce'umsi dimookiraasii dhugaa gonkumaa hin danda'ama jennee hin amannuu'' jedha ibsi paartichaa

Kufaatii biyyattiif sababni guddaan haleellaa tarsiimoo sirna federaalaa irratti raawwatamaa jiruu fi filannoowwan siyaasaa karaa nagaa ta'an cufamuu akka ta'e ibseera.

Filannoo biyyoolessaa 2018 gaggeeffamu akka haqa qabeessa ta'uuf aangoo dursaa kan qabu mootummadhaa kan jedhee ibsi paartii kun amanamummaan filannoo kan mirkanaa'u daanda'u gaafa mootummaan ''bu'uurawwan kana sirreesse'' qofa jedhera.

Kaanfis ulaagaalee mootummaan dursaa mirakaneessu qaba jedhee keessaas ''lolli naannolee Oromiyaa fi Amaaraa jidduutti deemaa jiru hatattamaan dhaabatee ilaalchota idil-addunyaatiin mariin siyaasaa hunda galeessa ta'e eegalamuu akka qabu''.

''Hidhamtoonni siyaasaa hundi haalduree tokko malee akka hiikaman, araarri biyyoolessaaf bu'uura akka ta'uu'' fi wajjiraaleen paartichaa humnoota mootummaan cufaman akka banaman kan jedhudha.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa amanamummaa ummataa deebisuufi waliigaltee guutuu paartilee hunda gidduutti hundaa'uun irra deebiin gurmaa'uufa kanneen paartichi ibsa isaatin eeredha.

Mariin biyyalessaa sadarkaa biyyattii gaggeefamaa kan ture yoo ta'e Paartileen mormitootaa Oromoo lama KFO fi ABO'n hirmaata hin turre.