Tiraamp Puutiin waliin osoo hin mari'atin dura 'qabxiilee heddurratti' waliigaluu ibse

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliigaltee nagaa Yukireen irratti gitasaanii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin bilbilaan ni taasisuu jedhamee eegamuun dura ''qabxiilee hedduurratti'' waliigaltee irra gahusaanii dubbatan.

Tiraamp Kibxata har'aa ganama Puutiin waliin akka mari'atan miidiyaa hawaasaa isaanii Tiruuz jedhamurratti barreessan.

Pirezidantiichi itti dabaluudhaan, qaamni waliigaltee irratti ''hojjatamuu qabaatan hedduun'' ni hafa jedhan.

''Torban mara gama lamaaniirraayyuu loltoonni gara 2,500 ni du'u. Kanaafu ammuma xumuramuu qabaata. Mariin bilbilaa Puutiin waliin taasfamus baayyee hawwii guddaadhanan eega'' jechuun ibsan.

Doonaald Tiraamp kanaan dura ammoo gaazexessitootaan ''waliigaltee nagaa irratti dhukaasa dhaabuu irraa kan geenyu ta'u, nagaa buusuu yoo dandeenyeef ni ilaala, akkasumas kana gochuu kan dandeenyu natti fakkaata'' jedhanii ture.

Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin haasaa Wiixata galgala taasisaniin waraanicha dheereesseera jechuun Puutiniin himatan.

''Yaad riimee kun yeroo dheeraa dura hojiirra oolfamuu danda'a ture'' kan jedhan, itti dabaluun ''waraanicha keessatti tokkoo tokkoo guyyaatti jireenya namaati jechuudha'' jedhan.

Gama bulchiinsa Tiraampiin hanga ammaatti marii dhukaasa dhaabuurratti sadarkaa maal irratti akka argamu odeeffannoo walfakkaataan hin turre.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiiyoo Jiddaatti erga aanga'oota Yukireen waliin wal arganii booda akka dubbataniitti, mariichi waliitti qabaadhumaan adeemsii marii maal fakkaachuu akka qabaatu'' irratti kan taasifame malee ''qabxii qabiixiidhaan'' kan gaggeeffame miti jedhan.

Mooskoo keessatti guyyaa Kamiisaa Puutiin waliin kan wal argan ergamaan Yunaayiti Isteeti Istiiv Wiitikoof gamasaanitiin dhimmicharratti odeefannoo muraasa kennan.

Gama biraatiin ammoo Ingiliziifi Faransaay Puutiin Yukireen waliin waliigaltee nagaa irra gahuu kan barbaaadan ta'uufi dhiisuu akka mirkanneessaniif akeekkachiisaniiru.

Pirezidantiin Faransaay Imaanu'el Maakiroon Zaleniskiin waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra gahuudhaaf waliigaluuf ''kutannoon agarsiisan'' dinqiifachuudhaan Raashiyaanis haaluma walfakkaatuun tarkaanfii akka fudhattu gaafataniiru

"Duutii haa dhaabatuu. Lubbuun badeera. Badinsi hedduun qaqabeera. Qawween calliisuu qabaata'' jechuun ture Maakiroon kan toora X isaanii irratti barreessan.

Ministirri DHimma Alaa Yunaayitid Kingidam Deeviid Laamii, ''Puutiin dhukasa dhaabuu guutuu fi haala duree hin qabne irratti waliigaluu qabu'' jedhan.

UK fi michoonishee Raashiyaan ''mamii malee'' akka waliigaltuuf dirqiisiisuudhaaf ''kaardiiwwan dandeessisaniitti fayyadamuu'' qabna jechuun akeekkachiisan.

Waayiit Hawuus Tiraamii fi Puutiin mariin bilbilaan taasisaniin dura nageenyi Yukireen ''akka ammaatti dhiyaatee hin beeku'' jechuun abdii isaa ibsee ture.

Sakreetariin Pireesii Waayiti Hawuus Kaarooliin Leeviiti kaleessaa gaazexessitootaan, Tiraamp waliigaltee nagaa irra gahuudhaaf kutataniiru jedhanii ture.

Mariin isaanii maala kka hammatu gadi fageenyaan osoo hin eeriin ''Buufanni anniisaa daangaa Raashiyaa fi Yukireen irratti argamu jira. Dhimmicha irratti Yukireenoota waliin mari'achuu qabna. Kanaafu boru Puutiin waliin marii karaa bilbilaatiin taasisan irra ni kaasu'' jechuun dubbatan.

Dhaabbanni madda anniisaa Awurooppaa keessatti guddiicha jedhame madda anniisaa niikulaaraa Zaaporizhxhiyaa ta'u danda'a jedhameera.