Tiraamp Giriinlaand 'hegere qaama keenya ta'uu malti' jedhan, bulchiinsittiin US balaaleffatte

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Pirezidant Doonaald Tiraamp Giriinlaandiin dhuunfachuuf yaada qabaachuu ibsuu booda namootni siyaasaa odolittii aanga'ootni olaanoon US garasitti daawwannaaf imaluuf karoora qabatan balaaleeffatan.

Haati warraa Pirezidantii Itti aanaa US Aashaa Vaansi torban kana keessa 'daawwannaa addaa' gochuuf karoora qabataniiru.

Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Tiraamp Maayik Waalizis akkasuma odola qaama Deenmaark taatee gariin ofiin bultu kanatti imaluuf karoorsaniiru.

Ministirri Muummee bulchiinsa kanaa aangoo gadhiisuutti jiran Miyuut Eged karoora kanaan balaafamaa jedhanii aanga'ootni US lameen walgahii kamiifuu hin affeeramnee jedhan.

Namni bakka Ministira Muummee haaraa kana qabachuuf jedhan ammoo US kabaja nama dhorkachaa jirti jechuun komatan.

Giriinlaand addunyaarratti odola ishee guddoodha. Garba Arkitikiifi Atilaantikii gidduuttis argamti.

Waggoota 300 ta'uuf buclhiinsi kun Deenmaark irraa fageenya 3,000km argamtuun bulaa jirti.

Haata'uyyuu malee odolli kun dhimma keessoo ishee ofumaan gaggeeffatti.

Dhimmi alaa fi imaammatni ittisaa garuu Koppenhaagenitti murtaahaaf.

US waggoota hedduuf odola kanarraa fedha qabachaa turte. Erga waraana addunyaa Lammaffaatiis odola kana gubbaatti buufata waraanaa hundeessitee qabdi.

Tiraamp ammoo fedha US amma dura naannicharraa qabdutti dabalataan miniraalota odolli kun qabdurraa fedha addaa qabu jedhameera.

Ilmi isaanii Doonaald Jr Tiraamp Amajjii darbe muudamuu dura gara Giriinlaand imalee ture.

Wayit Haawus haati warraa pirezidantii itti aantuu biyyattii gara Giriinlaand imaluun iddoowwan seena qabeessa daawwatuu jedheera.

Sagantaa biyyaaleessaa dorgommii fiigicha sarootaa ta'errattis hirmaatu jedhe.

Giifti dureen lammata kun ilma isaanii waliin gara Giriinlaand akka imalan ibsi bahe ni agarsiisa.

New York Times ammoo gorsaan nageenya biyyaalessaa Tiraamp vaansiin dursanii ministeera anniisaa waliin garas imaluuf karoorsuu maddeen waabeffachuun gabaase.

Ministirri Muummee Giriinlaand ''imalli Waalzi dubbii barbaachaa jedhan. Gorsaan nageenya biyyaalessaa Giriinlaandii maal hojjeta? ifatti humna isaanii nutti agarsiisuu barbaadan'' jedhan.

Ministira muummee haaraa bulchiinsichaa ta'uuf jiru kan jedhaman Jens- fireediriik Neelsen ammoo uummata isaaniif kabaja akka hin qabne agarsiisuu komatan.

Dubbii himaan mana Maree Nageenya Biyyaalessa Biriyaan Haags Yunaayitiid Isteets Arkitik irraa fedha horatteetti gorsaan nageneya biyyaalessaa garas imaluun raajii mitii jedhan.

Hogganaan damee anniisaa biyyattiis garas imaluu namoota isaanii achi jiran irraa qabataman odeeffannoo argachuuf akka gargaarus dubbatan.

Imalli kun hooggansa odolittii waliinis walta'iinsa ijaaruuf hiree uumas jedhaniiru.

Tiraamp odolittii dhuunfachuuf fedha guddoo qabaachuu marii barreessaa olaanaa NATO Maark Raate waliinis dubataniiru.

Jalqaba ji'a kanaatti koongireesiitti kan dubbatan Tiraamp hiree ofiin of bulchuu Giriinlaand cimsanii akka deeggaran dubbatan. Filannoo isaaniin gara Yunaayitiid Isteets of Ameerikaa yoo dhufan akka deeggaranis himan.

Yaada uummataa dhiyoo godhameen uummatni Giriinlaand 80% kan ta'an Deenaamrk jalaa bahuun biyya of danda'an ta'uu barbaadu. Ji'oota sadii dura yaada sassaabameen hedduun isaanii UStti makamuus mormaniiru.