Tajaajila bishaan dhugaatii magaalaa Garba Gurraachaa eenyutu adda kute?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Haleellaa sarara ibsaa irratti raawwateen tajaajilli bishaan dhugaatii magaalaa Garba Gurraachaa guutummaan adda citee bubbuluu jiraattonni magaalittii BBCtti himan.

Magaalaan Garba Gurraachaa uummata kuma 100 ol qabu erga bishaan dhugaatii dhabee bubbuluu jiraattonni BBCtti himan.

Jiraataan magaala Garba Gurraachaa maqaan isaa akka hin dhahamneef gaafate sababa haleellaan tiraanisformerii irratti raawwate jedhamuun bishaan dhugaatii dhabnee rakkataa jirra jedhe.

''Rakkoon kun waggaa tokko lamaaf osoo hin taane irra deddeebiin kan nu mudataa turedha. Bara 2016 jalqabee garuu gara marsaa shanii ol tiraanisfoormerii haleelame jechuun dhiyeessiin bishaan dhugaatii adda ciccitaa ture.

Sababa isaa yoo gaafannu ''ABO Shaneetu'' tiraanisfoormerii haleele jedhu. Guyyaa sadan darban kana ammoo guutummaatti nurraa citeera. Inni ammaa akka deebi'ee suphamuu hin dandeenyetti haleelame nu jedhan'' jedhe iraataan kun.

Jiraataan kun lagni bishaan dhugaatii irraa argatan biraa akka hin jirre himee haroo barbaadee uummanni bakka argatee waraabbachuun kaan ammoo bitachuun jiraachaa jirra jedhan.

Jiraataan Garba Gurraachaa gara biraa A.L.Itti bara 2011 dura tajaajila bishaan dhugaatii hin qabnu ture.

Bara 2011 jalqabee garuu sa'a 24 tajaajila bishaanii nuuf kennamaa ture. Erga bara 2016 as garuu adda citaa ture. Gidduu kana ammoo rakkoo hamaatu jiraattota magaalichaa mudate jedhe.

''ABO Shaneetu sarara ibsaa cicciruun meeshaalee bishaan daddabarsan irrattis dhukaasuun adda cite odeeffannoo jedhu qabna'' jedhe jiraataan nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate tokko.

''Sababa dhibamuu bishaan dhugaatii qulqulluun jiraattonni magaalichaa dhibee akka jaardiyaa fi ameebaaf saaxilamaa jiru. Magaalaa kana keessa hospitaalli, manni hidhaa jira. Dhibamuu bsihaan dhugaatii kanaan rakkoo guddaaf saaxilamaniiru'' jedhe.

Fageenyarraa laga keessaa bishaan waraabamee dhiyaatu jaarakiinaa tokko hanga Birrii 25 bitaa jiraachuus jiraataan kun himaniiru.

Itti Gaafatamaa Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala'aa magaalaa Jaarsoo Kuyyuu Damee Olaanaa Obbo Tasfaayee Hirkoo rakkoon kun kan mudate hidhattoonni 'ABO Shanee' tiraanisfoormerii irratti haleellaa cimaa gaggeessuu hordofeeti jedhan.

''Gaafa 08/10/2018 halkan gara sa'a 2:30 keessa hidhattoonni kunneen tiraanisfoormerii barbadeessan. Tiraanisfoormerii abbaa boolla shanii, kan boollaa afurii kan humna 200 qabu fi buusterii rasaasaan barbadeessan.''

Obbo Tasfaayeen ''naannoo sana dhukaasni homtuu hin turre. Qaamni nageenyaa mootummaa isaanitti dhukaases hin turre. Qaamni hidhate kunii fi kan mootummaas wal barbaada garuu toora sana irratti walitti hin dhufne'' jedhan.

''Ani jaal abaluudha.... jedhee maqaa isaa dhahaa bireeniidhaan haleelee deeme. Itti yaadameeti bishaan kun magaalichaaf dhaquu hin qabu jechuun haleelan'' jedhe.

Eegdonni nama lama achi turan kan jedhan Obbo Tasfaayeen isaaniin bahaa jedhanii achii arii'uun haleelan jedhan.

''Abba bishaan jaarakiinaan tokko magaalichaaf dhiyaachaa hin jiru'' jedhan.

Gidduugalli dhiyeessii bishaanii haleelame bakka lama kan jedhan Obbo Tasfaayeen tokko ganda Dubbanaa Galoo jedhamu yoo tahu bakka afur rukutame. Inni biraan ammoo ganda Wuyyee Gosee jedhamu yoo tahu bakka lama haleelame jedhan.

Gidduugalli dhiyeessii bishanii kun magaalaa walakkaa irraa Km 5-7 fagaatu jedhan.

''Amma bishaan xabbitaan tokko uummataaf dhiyaachaa hin jiru.''

Qarqara magaalaa irraa bishaan boollaa qotametu jira. Achi irraati harkaan kan uummanni bishaan waraabbachaa jiru jedhan Obbo Tasfaayeen.

Humni nageenyaa mootummaa naannichaaf eegumsa godhu gara biraa akka hin jirres himan itti gaafatamichi.

WBO yeroo adda addaatti hidhattoonni isaanii bu'uuraalee misoomaa irratti haleellaa akka hin raawwanne waakkataa turan.

Haleellaa bishaan dhugaatii kana irratti raawwate jedhameef garuu deebii kennan hin qaban.

''Erga tiraanisfoormeriin barbadaa'ee ijoolluma keenya duraanis eegumsarra turantu achuma tura malee, qaamni mootummaa biraa achi gahanii ilaalanii deebu malee achi turuun kan eegu hin jiru jedhan.

Haleellaan akkasii kun marsaa sadii raawwachuu kan himan Obbo Tasfaayeen deebisanii suphuun waan hin danda'amneef tiraanisfoormerii gaafannee yoo arganne qofa tajaajila bishanaii kennuu dandeenya jedhan.

Humna ibsaatti beeksifnee biyya keessaa tiraanisfoormerii yoo argannes, furmaanni yeroo dheeraa yoo argame malee deebi'ee kan rukutamu yoo tahe hawwaasa irrattis mootummaa irrattis rakkoo hamaa fida jedhan.

Gidduugalli dhiyeessii bishaan dhugaatii kun bara 2010 ijaaramee xumuramuun tajaajila kennuu jalqabe.

Hojjettoonni 75 tahanis dhaabbaticha keessa hojjetu.

Godina Shawaa Kaabaa aanaa Kuyyuu fi kaan keessa hidhattoonni WBO bal'inaan akka socho'an himama.

Mootummaan bu'uuraalee misoomaa fi dhaabbilee uummataaf tajaajila kennan mancaasu jechuun isaan himata.