Liivarpuul vs Yunaayitid: Morkiin har'aa Ten Hag caalaa Kilooppiif maaliif murteessaa ta’e?

Maxxanfame

Barana Liivarpuul arfaffaa ta’ee xumuuruun qabxii olaanaadha. Kanaafiidha egaa Dilbata taphi Anfiildi irratti gaggeeffamu Yuunaayitidi caalaa Liivarpuuliif barbaachisaa kan ta’uuf jedha Daanii Maarfiin.

Maanchistar Yunayitidis hanga arfaffaatti xumuuruuf sadarkaa isa dandeessisurratti argama kan jedhan Daanii Maarfiin, ejjannoon amma qaban gaarii ta’usaatiin alattis sadarkaa sadaffaa dhorkaa malee to’achusaaniti jedhu.

Maanchistar Yunaayitidi bara kanatti waancaa tokko injifateera. Waancaa dabalataa ammoo argachuuf karoorfateera.

Qabxiin har’a galgala galmeessan yoo badaa ta’elleen, deeggartoonni isaanii kan akka yeroo biraa hammattaan natti hin fakkaatu jedha Mariifiin.

Haata’u malee dhugaansaa Liivarpuuliif kan biraati.

Ejjannoon gareen Yargan Kiiloop kan Liivarpuun dorgommiiwwan bara kanaarratti amnsiisaa miti.

Keessattuu ammoo injifannoo cimaan Riiyaal Maadriidiin Liigii Shaampiyoonsii irratti irra qaqqabe, abdiin qaban tokkichi Piriimiyer Liigii sadarkaa arfaffaa ta’un xumuuruu qofaa ta’u agarsiiseera.

Liivarpuu sadarkaa hanga afurii jiruun ni xumurumoo ykn hin xumuran kan jedhus yeroon dhufaan maal fakkaatu akka malu kan murteessuudha.

Liivarpuul ganna dhufaatti deebiisanii of ijaaru cimaan kan isaan barbaachisu fakkaata.

Taphaattoonni shan ykn jaha gaddiisuunis fuulli haaraan dhufuu qabu.

Eenyuus haadhufu eenyuu taphattoota liigii shaampiyeenii taphachuu barbaadan fiduutu sababii isaaniif ta’a.

Kanaafiidha bara dhufaatti Liivarpuuliif carraa gara fuulduraa Liigii Shaampiiyeensi keessatti hirmaachuufi dhiisuuf barbaachisaa kan ta’uuf.

Liivarpuul bara darbeeti xumura Liigii Piriyemarii qaqabuun Yuroo miiliyoona 100 ta’u argachu danda’eera. Bara kanatti ammo kuffiisanii darbuudhaan qaqabusaaniitti yuroo miiliyoona 40 hammaarrateera.

Maallaqni kunis baayyee barbaachisaadha. Liigii Awurooppaa keessa taphachuun maallaqa hanga kanaa hin argamsiisu.

Carraa Beeliinghaam

Liivarpuun liigii Shaampiyeensii bara dhufuu taphachuu yoo hin daneenye carraan taphattoota gurguddaa hawwachuu gadaanaa ta’a.

Yeroo dheeraadhaaf maqaansaa Liivarpuul waliin ka’aa kan ture lammiin Ingliizii fi taphaataan Boorusiyaa Dortimandi, Juudi Beeliinghaam, kanaan kan madaalamu natti hin fakkaatu jedha Mariifiin.

Juudi Beeliinghaam gara Liivarpuul dhufuunsaa jijjirama uuma jedhee kan yaadu yoo ta’e, oso garicha wanti fe’e mudatee jijjiramni dhufuu danda’a.

Waxabajjii darbe wagga 20ffaa isaa kan kabaje Juudi Beeliinghaam dargaggoo waan ta’eef wagga tokkoof liigiin shaampiyeensii jala bahus kan gaabbisiisuu hin ta’u jechuun tilmaama Marifuun.

Kilooppi Beeliinghaamiin ykn taphaa biraa guddaa fidhuudhaan dadhabulleen garuu hanga ammaatti waan Liivarpuul keessatti hojjateen boonuu qabaata.

Yurgaan Kilooppi bara 2015tti erga Liivarpuul qabateen booda dorgommiiwwan liigii shaampiyeensii hunda irratti hirmaateera.

Wanti Dilbata Anfiild irratti umamu jijjirama omaatu fidhuu dhiisuu danda’a. Sababiinsaas liigiichi xumuramuuf ganaa taphawwan 13tu hafa waan ta;efiidha.

Liivarpool waliin sadarkaa arfaffaa qabachuuf dorgomaa kan jiran Totinhaamiifi Niiwkaasiil ejjannoo jijjiramaa agarsiisaa jiru.

Har’a Liivarpuul injifatamus sadarkaa arfaffaa argachuuf carraan kan dhumaati jechuu miti. Taphni Totinhaam waliin Anfiildi irratti qaban murteessaadha.

Haata’u malee ammo Manchistar Yunaayitidin injifachuu yoo danda’e kaka’umsa haamilee olaanaa ta’ufii danda’a jedheen yaada.

Yunaayitid dorgommiiwwan darbaniin taphawwan 22 keessaa tokko qofaan injifatame. Innis dursaawwan liigichaa keessaa tokko kan ta’e Arseenaal waliin taba dhumaa Imireetsi taasifameen ture.

Yunaayitidsi taphawwan ejjannoosaanii dadhabeera jedhamanii irratti osoo hin hafne durfamuurraa ka’un wayita miira injifannoo agarsiisan mul’ataniiru.

Maarkiis Raashifoordiifi Kaazeemiiroon kilabichaaf taphattootaa baayyee barbaachisoodha.

Liivarpuul bara taphaa qabannee kanatti Anfiildi irratti yeroo tokkicha qofaa injifatame. Onkolooleessa darbe keessa ture Liidsi Yunaayitidiin kan injifatame.

Kanaafu dorgommiii Dilabaa ha'raa eenyutu innifata kan jedhuu kan hordoftootaan haalaan eegamuudha.