Lammiin Naayijeeriyaa fiigicha gufachiisaa meetira 100’n rikkoordii haaraa galmeessiste

Madda suuraa, AFP
Lammiin Naayijeeriyaa Toobi Amusan shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Origan irratti dorgommii fiigichaa gufachiisaa m100 sekondii 12.12 fiiguun seenaa hojjatte.
Dubartiin ganna 25 kun, dorgommii guyyaa xumuraa irratti injifannoo guddaa Naayijeeriyaa galmeessifte.
Sa’aatii Toobi Amusan galmeessite kun sa’aatii lammiin Ameerikaa Kendiraa Harisaniin sekendii 12.20 caalu yoo ta’u, bara 2016 sekondiin tokkoon Amusaan duubatti hafuun kan dorogommii xumurte.
Amusaan ''dorgommicha keessaa bahee deemuun barbaade ture, Waanin raawwachuu qabu raawwadheera,'' jette.
''Dorgommii addaa ture. Ani suuta fiige jedheen yaade ture. Toobiin nama aja’ibaati, Ani kana haaluu hin danda’u,'' jette Sember.
Sa’aatiin akkasitti gabaabbachuun sa’aatiirratti lakkaa’uurratti dogoggorri umamamu mala yaada jedhu kaaseera.
Oolimpikiirratti marroo sadii kan injifate Mayikil Joonsan ''ani sa’aatiiwwan kana amanaa hin jiru,'' jedhe.
Rikoordii fiigicha gufachiisaa addunyaa meetira 110’n kan qabatee ture Kooliin Jaaksan ''Atileetikisiin idil-addunyaa raggaasisuu qaba, waan hawwataa tu’uuf jira,'' jedhe.
''Atileetikisiin idil-addunyaa sirriitti mirkaneessuu qaba,'' jedhe












