FIFA'n Israa'eliin miseensummaa irraa haquuf qorannoo seeraa gaggeessuuf

Madda suuraa, Getty Images
Waamicha Filisxeem akka Federeeshiniin Kubba Miilaa Israa'el Fifa keessaa haqamuuf dhiyeesseen, FIFA'n qorannoo seeraa gaggeessuun murtoo fudhachuuf jedha.
Kunis waraana Israa'el Gaazaa irratti bante hordofee gaaffii dhiyaatedha.
Federeeshiniin Kubba Miilaa Filisxeem kongireensii FIFA Jimaata har'aa Baangokitti taa'amu irratti Israa'el akka haquuf gaafate. Waamicha kana Federeeshiniin kubba Miilaa Joordaan deeggareera.
Pirezidaantiin FIFA Jiyaanii Infaantiinoo, qorannoo seeraa barbaachisu gaggeessuun murtoo fudhachuun gahee Mana Maree FIFAti jedhan.
FIFA'N akkuma dhimmoota kaan irratti godhu ariitiidhaan murtoo fudhachuuf maatiin kubba miilaa Filisxeem hangam miidhamuu qabu? jedhe pirezidaantiin Federeeshinii Kubba Miilaa Filisxeem Jibriil Raajuub.
''FIFA'n waraanni tokko tokko isa kaan caalaa barbaachisaa, miidhamni kaaniis kana caalaa kan gatii qabu godhee ilaalaa?''
.''Akka seenaa dhugaa [sirrii] waliin dhaabattan isini gaafanna. Taphattoota kubba miilaa kumaatama dabalatee Miidhama miliyoonotaa ilaaluun gaariidha. Amma yoo murtoo hin fudhanne yoom fudhattu?'' jedhan pirezidaantichi.
Waraanni Gaazaa keessaa Onkoloolessa 7 bara 2023 yeroo Hamaas Israa'el irratti haleellaa raawwachuun namoota 1200 ajjeesee namoota 252 ammoo ukkaamsee fudhatee deeme jalqabe.
Erga waraanichi banamee as namootni 35,000 ol Gaazaa keessatti ajjeefamuu ministeerri fayyaa Hamaas gaggeessu ibseera.
Pirezidaantiin Federeeshinii Kubba Miilaa Israa'el, Shiinoo, Moshee Zu'aares, ''Kubba miilaa Israa'el miidhuuf jecha yaalii siyaasaa hamaatu Filisxeem irraa nu mudataa jira,'' jedhan.
Guyyaa hamaa sanarraa amma ji'oota torba, yerootti kutaalee Israa'el hedduu keessatti kubba miilaa taphachuu hin dandeenyetti, Kaabaa fi Kibbatti, yerootti lammiileen Israa'eel 130 tahan ugguramanii jiranitti, qaama dorgommii FIFA tahuuf falmii keessa galuun keenya haqa qabeessa miti.''
Infaantiinoon ''himanni Filisxeem dhiyeessite xiyyeeffannoo itti kenname fudhatameera. Manni Maree Fifa xumura ji'a Hagayyaatti wal gahii taa'uun kan murteessu taha,'' jedhan.
''Kubbi miilaa yeroo kamiyyuu dirree siyaasaa tahuu hin qabu, madda nageenyaa, abdii, madda waan gaarii fi uummata qoqqooduurra madda tokkummaa uummataa tahuu qaba,'' jedhan.















