Lammeechaa fi Hiruut Diyaamand Liigii Room irratti mirgaan galan

Maxxanfame

Dorgommii fiigichaa Diyaamand Liigii Waxabajjii 9, 2022 gaggeefameen Lammechaa Girmaafi Hiruut Mashashaa mo’achuun ibsame.

Dorgommiin Diyaamand Liigii magaaloota adda addaa keessatti marsaan qophaa’us kaleessa magaalaa Roomitti gaggeeffamee ture.

Dorgommii gufachiisaa dhiirootaa fageenya meetira 3,000n Lammeeshaan olaantummaan xumureera.

Lammeechaan dorgommicha xumuruudhaaf yeroon itti fudhates daqiiqaa 7:59:23 ture.

Kana malees, Lammeechaan dorgommiiwwan guyyoottan kurnan darban keessa Ostiraavaa, Raabaat fi Room keessatti taasiseen hunda daqiiqaa saddeetiin gadiin xumuruu danda’eera.

Haaluam walfakkaatun, dorgommii dubartootaa meetira 1,500n Hiruut Mashashaa dorgommicha daqiiqaa 03:97tti xumuruun olaantummaan gonfatte.

Aksumaayit Ambaayee ammoo sakandii tokkoon durfamuun dorgommicha sadarkaa lammaffaan xumurteetti.

Hiruut Taphawwan Guutummaa Afrikaa irrattis injifachuun warqee argatteetti.

Lammiin Keeniyaa Abirahaam Kiibwoot ammoo dordgommii dhiiraatiin lammaffaan xumureera.

Lammiin Itoophiyaa kan biraa Geetinnat Waalee ammoo sadarkaa sadaffaan xumureera.

Lammeechaan Olomphikii Tookiyoofi Shaampiyoonaa Addunyaa irratti meedaaliyaa meetii argateera.

Akkasumas, dorgommii Shaampiyoonaa Addunyaa mana keessaatiin lammaffaa bahuun xumureera.

Gama biraatiin ammoo dorgommii dhiirotaa meetira kuma shanitiin lammiin Keeniyaa Niikoolaas Kiipikoriir injifateera.

Atileetiin Keeniyaa kan biraa Jaakoop Kiroop ammoo lammaffaa bahuun xumure.

Atiileetiin Itoophiyaa Yoomiif Qajeelchaa dorgommicha sadarkaa sadaffaan xumure. Akkasumas, Salamoon Baaraggaa arfaffaa yoo bahu, Xilaahuun Hayileefi Muktaar Indiriis jahaffaafi torbaffaa ta’un xumuran.

Atileetiin Itoophiyaa fiigicha fageenya meetira 800 kan dorgomtee turte Firewayin Hayiluu ammoo dorgommicha shanaffaa bahuun xumurte.

Daayimad Liigiin dorgommii kanaan dura Gooldan Liig jedhamuun beekamu bakka bu’uun bara 2010tti eegaleedha.

Dorgommichis guyyaa tokkotti kan magaaloota adda addaa keessatti gaggeeffamudha.

Keessumeessituun dorgommii ittaanuu Noorwey yoo taatu, dorgommichi torbaniin booda Oslootti gaggeefama.