Biyyoonni G7 Yukireeniif wabii nageenyaa kennuuf waliigalan

Dureewwan biyyoota G7

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Biyyoonni dureeyyii addunyaa G7 jedhamuun beekaman Yukireeniif wabii nageenyaa addaa kennuuf akka jiran beeksisan.

Waliigaltee wabii nageenyaa Yukireeniif kennuu kanas dhuma kora NATO Lituweeniyaatti gaggeeffamaa jirutti akka raggaasisan ni eegama.

Biyyoonni dureeyyin torban kun Yukireenif wabii nageenyaa ni kennina haa jedhan malee miseensonni NATO Yukireen yoom dhaabbata tika waloo ta'e NATOtti akka miseensa taatee dabalamtu yeroo murtaa'aa hin keenye.

Waliigalteen deeggarsa wabii nageenyaa biyyoonni G7 kun Yukireeniif kennuuf jedhan meeshaalee waraanaa, leenjii loltummaafi odeeffannoo tikaa Yukireeniif qooduu fa'aa kan of keessatti hammatuudha.

Ministeerri Muumee UK Riisii Sunaak deeggarsi biyyoonni dureeyyin kun Yukireeniif gochuuf jedhan Vilaadmir Puutinif "ergaa guddaa dabarsa" jedhan.

Biyyoonni dureeyyin kun Yukireenif wabii nageenyaa kennuuf kan walii galan Pirezidaantin Yukireen Voloodmir Zeleniskiin NATOn yeroo itti Yukireen miseensa NATO taatu ifa gochuu dide jechuun dheekkamanii boodadha.

Biiyyoonni michuu Yukireen ta'an "bifa ifa ta'een Yukireen yeroo dheeraf ittisuuf" tattaafataa akka jiran Riisii Suunak pirezidaantii Yukireenitti himan.

"Waanti Yukireen irrattik raawwate deebi'ee akka mudatu lammata deebinee arguu hin barbaannu, murteen goone kuni [Yukireen] haleellaa Raashiyaan irratti banteef saaxilamtee akka hin hafne gochuuf kutannoo keenya kan agarsiisudha," jedhan Muummeen Ministeera UK.

Waliigaltee wabii nageenyaa Yukirenif kennuu biyyoota G7: Kanaadaa, Faransaayi, Jarman, Xaaliyaanii, Jaappan, USfi UK hirmaachise kana keessatti UKn gahee guddaa akka taphatte himu angawoonni UK.

Modeelii walii galtee eegumsa nageenyaa Yukireniif kennuu kana kan kanaan dura biyyisaanii Israa'elif kenniteen akka wal-fakkaatu dubbatan Piresidant Joo Baayidan.

Walii galteen deeggarsa wabii nageenyaa USfi Israa'el taasisaniin US waggaatti deeggarsa meeshaa waraanaa biliyeena 3.8 Israa'eif kenniti.

NATOn kora isaa Lituweeniyaatti taa'aa jiruun "miseensonni gaafa walii galaniifi ulaagaalen guutaman" Yukireen miseensa NATO ta'uu akka dandeessu beeksisee jira.

Yukireen yeroo Raashiyaa waliin waraanatti jirtu kanatti miseensa NATO ta'uu akka hin dandeenye ni beekti. Garuu, akka waraanni xumurameen NATOtti dabalamuu feeti. Haa ta'u garuu, Yukiren guyyaa itti miseensa taatu NATOn jala muree itti himuu diduun Yukireen aarsera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yukireen yoom miseensa akka taatu NATOn lafa kaa'uu baatullee biyyattiin miseensa akka taatus karaan ciramee akka jiru himu dippilomaatonni.

Dippiloomatonni biyyoota miseensa NATO akka jedhanitti waraanni Yukireen sadarkaa NATOn kaa'u guutaa kan jiruufi Yukireenitti roformiin bifa barbaadamuun jijjiiramaa akka jiru himan.

Bifa haaran Kaawunsiliin NATO-Yukireen yeroo jalqabaaf hundaa'un ammoo Yukireen biyyoota michuu mara wal-gahii akka waamtuf mirga akka kennuufis eerame.

Biyyoonni miseensa gamtichaa tokko tokko garuu Yukireenif miseensummaa hatattamaan yoo kenname Raashiyaan haala jiru caalatti babal'isuufi waraanni akka dheeratu gochuu dandeessi sodaa jedhu qabu.

Kanaan dura biyyoonni lixaa weerara si'a lama Raashiyaan gaggeessite dhaabuu hin dandeenye. Marsaa sadaffarratti gamtoominni NATO ergaa Raashiyaan biyya namaan weerara yoo jette gatii akka ishee kaffalachiisu kan barsiisudha jedhu qaba.

Korri NATO kaleessa Adoolessa 11 Lituweeniyaatti yeroo eegalu deeggarsi garaa garaa Yukireenif akka kennamu beeksiseera.

Biyyoonni 11 wal-ta'uun paayileetonni Yukireen xayyaara waraanaa ammayyaa US omishte F-16 balaliisuu akka danda'aniif leenjii ni kennu. Leenjiin kunis Romaaniyaatti akka kennamu walii galanii turan.

US biyyoonni michuushee ta'aniifi xayyaara waraanaa F-16 US omishte fayyadaman xayyaaricha Yukireenif kennuu akka danda'an ji'a Caamsaa keessa beeksiftee turte.

Yukireen xayyaara waraanaa kana argachuuf jalqabaa kaatee biyyoota Lixaa kadhataa turte. Haa ta'u garuu paayileetonni Yukireen xayyaara waraanaa kana akka balaliisan leenjisuun yeroo fudhata jedhame.

Walii galtee wabii deeggarsa nageenyaa Yukireenif kennuu biyyoonni dureeyyin G7 mallatteesuf jiraniin alatti UKn konkolaattota sibiila uuffataniifi lojistikiif oolan dabalataa 70 ol Yukireenif kennuuf akka jirtu beeksifte.