Ajajaan duraanii humna galaanaa Raashiyaa osoo ispoortii dalagaa jiruu ajjeefame

Madda suuraa, STRAVA
Ajajaan duraanii humna galaanaa Raashiyaa kan qondaaltota bobbaasaa ture magaalaa kibba Raashiyaa Kiraasnodaar keessatti osoo ispoortiif imalaa jiruu itti dhukaafamuun ajjeefame.
Qondaalli waraanaa duraanii kunis Istaanislaav Rizhitiskii kan jedhamu yoo ta'u, nama waggaa 42 ture.
Miidiyaaleen Raashiyaa hedduun qondaalli kuni kara appii ispoortii Strava jedhamuutiin enyummaansaa bira gahame jechaa jiru.
Qorattoonni Raashiyaas ajjeechaa kanaan wal qabatee namni tokko hidhamu himan.
Shakkamaan kunis maqaansaa Serhiiy Deniyisenkoo kan jedhamu yoo ta'u, bara 1959 keessa Yukireen keessatti dhalate.
Chaanaaliiwwan Telegiraamii Raashiyaa hedduunis nami kuni hoogganaa duraanii federeshinii kaaraatee Yukireeni jechaa jiru.
Koreen qorattootaas waraabbii viidiyoo to'annoo jedhamee kan agarsiisee yoo ta'u, garuu fuulli namichaa waan ifatti hin mul'anneef eenyummaa isaa adda baasuun rakkisaadha.
Booda ammoo waraabbii kaameeraa CCTV yeroo ajajaan duraanii ajjeefame fiigiicha ganamaa isaarra jiruufi namni gara biraa bishikiliitiin duukaa imalu maxxansan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qondaalli humna galaanaa duraanii kuni dhiheenya paarkii jiddugala ispoortii Olimpitti karaa booddee fi lapheerraan itti dhukaafamuu, gaazeexaan Raashiyaa Kommersant gabaaseera.
Telegiraamiin Raashiyaa Beza jedhamu fi kan poolisii waliin hidhata qabus, ajjeechaan kunis tarii appii Strava jedhamuurratti daandii yeroo hunda qondaalli duraanii kun irra fiiguuf hordofu adamsuun kan raawwatame ta’u mala jedhe.
BBC'n seenaa ajajaa kanaa mirkanneeffachuu akka danda’etti, qondaalli kuni yeroo hunda karaadhuma amma itti ajjeeffame jedhamee kanarra fiiga.
Xinxalli danaa fuulaa BBC gaggeeffames seenaa Ajajaa Rizhitiskii kanuma isaa ta’u addaa baaseera.
Teessoon fi odeeffannoowwan isaa kunis marsariitii Yukireenotaa Myrotvorets (nagaa buuftota) jedhamurratti kanneen maqaan dhahame keessatti argama.
Marsariitii kanarrattis namoota diina Yukireen jedhamaniitu tarreeffama.
Marsariiticha irrattis qubee diimaadhaan suuraa isaa irratti jechi ‘‘ajjeefameera’’ jedhamee irratti barraa’eera.
Ibsa tiki waraanaa Yukireen baaseenis, sababii rooba cimaatiin paarkii keessa namni waan hin turreef, ‘‘kan ijaan arge waan hin jirreefu kan nama ajjeese adda baasu ykn odeeffannoo kennu hin jiru’’ jedhe.
Gorsaan Ministeera Dhimma biyya keessoo Yukireen Antoon Geraashichenkoo, toora tiwiitara isaanirratti akka jedhanitti, miidiyaaleen Raashiyaa Yukireenitu harka keessaa qaba jechaa jiru garuu shakkiin sun dhugaa ta’u mirkanneessuu hin dandeenye.
Ajajaan Rizhitiskiin, sa’aatiisaafi meeshaan sagalee ittiin dhaggeeffatu waan bakkichatti argameef, kunis ka’umsa ajjeechaa kanaa hanna akka hin taane agarsiisa jedha miidiyaa Raashiyaa Mash jedhamu.
Qondaalli kunis Humna Galaanaa Raashiyaa keessatti humna galaanaa Kiraasnoodaar kan maqaa magaalaatiin moggaafame akka ajaju gabaafame.
Adoolessa bara 2022 wayita haleellaan misaa’elaa cimaan magaalaa Yukireen Viniitisiyaa irratti raawwatameetti doonicha keessaa ajajaa akka ture dubbatu miidiyaaleen Yukireen.
Haleellaa sanaanis daa’imman dabalatee, namoonni 28 ajjeefaman.
Mootummaan Yukireen haleellaan misaa’elaa sunis Bilaak Sii [Galaana Gurraacha] keessaa humna galaanaa irraa kan dhukaafame ta’u dubbatu.
Haata’u malee, miidiyaan Beza jedhamu abbaa qondaala kanaa eeruudhaan akka jedhetti, ilmi isaanii Muddee 2021 irraa kaasuun waraana Raashiyaa keessaa hojii gadhiisee ture.
Kunis osoo weerarri Raashiyaan Yukireen irratti gaggeessite cimee itti hin fufiin ture.
Achumaanis qondaala gaggeessaa ittaanaa bulchiinsa Kiraasnodaar ta’e.












