‘Namoonni ogummaa ittiin miiliyeenara ta’amu’ barsiisan ofiin sooreyyiidhaa?

Maxxanfame

Tibba kana keessa kan gorsuufi lallabaan baayyateera. Miidiyaalee gurguddaa hanaga miidiyaalee hawaasaatti, kitaabooleedhaa hanga waltajjiiwwaniitti kan gorsa kennu baayyeedha.

Ergaan namoota kanneenii irra caalaan walfakkaata. Innis ‘baabuurri badhaadhinaa dhiyaattee jirti itti dhiyaadhaa’ kan jedhudha.

Gama biraatiin wagga waggaan kumaatamni yunivarsitiiwwan irraa eebbifamuun hojii dhabu. Isaanis namoota ‘hojii uumaa’ jechuun lalabaniin simatamu.

Hojii rakkina meeqaan argame ‘dhiisaa bahaa’ jedhu. Har’uma hogganaa mataa keessanii ta’aa jechuun dadamaqsu.

Haala jireenya akka simbiraa afaan keessaa afaaniitti ta’e Kanaan ‘yoo qusattan dhiheenyatti miliiniyeera taatu’ jechuun lallabu.

Kitaaboleen onnachiisan jireenya geeddaruu? Lallabiwwan waltajji ni badhaadhomsuu? Tokko tokkoo ‘eeyyeen nutu ragaadha’ yoo jedhan dhagahamu.

 Kaan ammoo jireenyi kitaaboota onnachiisaniin geeddaru yoo jiraate kan barreesitootaafi kan warra lallabanii qofadha jechuun qoosu. 

Mee namoota gama lamaaninii muxannoo qaban waliin dhimmicharratti yaada haa kaafnu.

 Dr Warotaawu: ‘‘jireenya lammiilee Itoophiyaa miiliyoona tokkoo geedaruuf hojjataan jira.’’

Innis Quunnamtii diinagdee idil-addunyaatiin maastarsii qabu. Hojii isaanii garuu sammuu namootaa badhaadhiinaan wal simsiisuudha. Dargaggoota gara abbaa qabeenyummaatti geessuudha.

Sammuu nama kamiituu leenjiisuun gara milkaa’inaafi badhaadhinaatti geessuun ni danda’ama jedhanii amanu.

Akkuma eebbifamaniin Insitituutii Karoora Magaalootaatti mindeeffaman. Booda ammoo Yunivarsitii Yunitiitti barsiisaa ta’an.

‘‘Guyyaa tokkoo taateen jireenya koo geeddare umamee’’ jedhu Dr Warotaawu.

Yeroo isaas baatii Hagayya ALI bara 1992 ta’u kaasu. Guyyicha leenjiidhaaf yunivarsitichaatti ergaman.

Leenjiiftoonnis kan biyya Gaanaa irraa dhufan turan. Jidduugalli leenjichaas ‘Interpraayiz Itoophiyaa’ jedhama.

Erga leenjiicha xumuraniin booda jijjiramni ilaalchaa akka isaan keessatti umamee dubbatu.

‘‘Battaluma sanattin bilisumaa koo labse. Isaan boodas gonkumaa deebii’ee hin mindoofne’’ jedhu.

Mindeefamanii hojjachuu waan isin nufisiiseefii laata? Jedhamanii kan gaafataman Dr Warataawu, ‘‘Lakkii, battala sanatti abjuun jiraadhuf waanan argadheefiidha,’’ jedhan.

Waa’ee abjuu jiraatanii kan gaafatama oggeessi kunis, ‘‘leenjiisuufi badhaadhoota Itoophiyaadhaf uumuudha.’’

Kunis shakkii tokko malee akka milkaa’u kaasuun ‘‘Badhaadhoo miiliyoona tokko Itoophiyaaf ni uumna’’ jedhan.

Kana  wagga 20 booda, ALI Hagayya 2023tti akka milkaa’u dubbatu.

Kanas kan jedhan amantaa guutuun ta’u ciminni yaadasaanii ni hima. Ofii leenjii cimaa akkamii yoo ta’eedha kan jijjirama kana argamsiisuu?

‘‘… Leenjii sana booda ofiikoon bilisa baase. Abjuu koof amanamaa akkan ta’u, qabeenyaakoo ilaalcha koo akka ta’e, taatee waanan amanu hojjachaa akkan jiraadhu na taasise ture.’’

Jireenyi Dr Warataawu leenjii tokkichaan erga geeddaramee kan warra kaanii maaliif hin geedaramne laata?

Naatinaa’eel Faantaa: ‘‘Leenjiin onnachiisuu (motivational) liqiidhaan gammaduudha’’

Oggeessi kun tarii maqaa daldalaa ‘Natina’el Memory’ jedhamun beekama. Wallakkeessa jireenyasaas leenjii xin-sammuu irratti dabarse.

Naatinaa’el keessattuu ogummaa waa yaadachusaatiin, baroota 90moota keessaa buufata TV biyyaaleessaa irratti dhiyaachuun namoota ajaa’ibsiisaa ture.

Isaan boodas kallattiin gara haasaa onnachiisuu (motivation) taasisuutti ce’e. Walumaagalattis waggoota 21 darban keessatti namoota kumaan lakka’amiif leenjii kenneera.

Haasaa isaa onnachiisoo dhaggeeffachuufis baayyeen haalaan sagantasaa eeggatu ture.

Innis, ‘‘…Gumii guutuun raasa ture,’’ jechuun yeroo sana yaadata. Amma garuu faallaa sanaa haasawwan onnachisan hin deeggaru. Siriiyyuu yaad-rimeen kun hin hojjatu jedha.

“Baroota kanneeniin booda wantin mirkanneeffadhe tokko yoo jiraate, jireenya namootaa geeddaruuf karaa sirriin isa miti,’’ jedha.

Maaliif? Daandii sirriin hoo kam? Waggoota kanneen keessatti qorachuun bira gaheera kan jedhe akkasiin BBCtti hime.

Seenaa gabaabaa kitaaboota onnachiisoo

Kitaaboleen of gargaarsaa, lallabiiwwan ni danda’amaafi kaan walumaagalatti indastirii of aangeessuu (self-development) keessatti ramadamu.

Kunis Ameerikaatti  tibba tokkootti indastirii muziqaatti aanuun damee doolaara miiliyoonoota sochoosu ture.

Kitaaboota onnachisoo barreessuun kan haalaan maqaan ka’aa ture keessaa nama Chaarlis Haanaal jedhaman.

‘‘…Booda keessa garuu waldaan kitaaboota kanneen walitti qabuun gubde’’ jedha Naatinaa’eel.

Booda irra ammoo Abirhaam Maasiloow, ‘‘Sammuun namaa leenjiifamuu eenyumtu waan barbaade ta’u danda’a’’ jechuun ka’e.

Yaadni kunis suuta suutaan ammoo afurri ni danda’amaa kunneenis waajjiraalee bira darbuun waldaalee keessa seenuun, boqonnaa Kitaaba Qulqulluutiin deeggaramuun lallabdootaan himamuu eegale.

Kanaanis hedduun waldaalee dhiphisuun of qabuu tokko malee qabeenyaasaanii lallabdoota kanneeniif kennuu eegalan.

Waldaalee keessatti qofaa osoo hin taane karaa TVnis barsiisuu itti fufan.

Haala akkasitiin 80mootaafi 90mota keessa indastiriin onnachiisu kun baayyee dagaage. Warreen kitaaba akkasii barreessanis koppiiwwan miliyonotaan gurguratan.

Naatinaa’eel haala bara sana ture yoo yaadatuu, ‘‘kutaa keessatti muziiqaan ‘I believe I can fly’ jedhamu saaqamuun namoonni abdiin yoo bohan argeera’’ jedha.

Kanaaf ‘‘gammachuu liiqii’’ kan jedhuun.

Onnachiistoota (motivations) gabaan jaalattu

Kitaabooleen dhimma kanarratti barreeffamanis haaluma kitaaboota mata dureewwan biraatti gara Afaan Amaariffatti hiikamaniiru.

Gabaa Itoophiyaa keessatti kitaabooleen mata dureewwan gara biraa irratti barraa’an koppii kuma sadii darbuun akka guddaatti yoo ilaalamu, kanneen dhimma onnachiisummaa kanarratti barraa’an garuu yeroo gabaabaa keessatti koppii kuma 20 fi 30tu maxxanfama ture.

Amma amma garuu kitaaboonni kunneen lallabaafi haasaa waltajjiitiin bakka bu’aa jiru.                                                                                            

Ofii kanas ta’e sana, onnachiisuun akka Naatinaa’el jedhutti ‘‘gammachuu liiqiiti’’ immoo ykn akka Dr Wulataawu jedhan, daandiiwwan namoota gara sadarkaa olaanaa qaqabsiisaniidha?

‘Waggaa jaha keessattin ofiikoo diigee ijaare’

Sababii leenjii Yunivarsitii Yuniitiin daandiin kan saaqameef Dr Warataawu, isaan booda kitaaboolee dhimmicharratti barraa’an adamsanii dubbisu eegalan.

Wayita ijoollee turanitti kan maatiin yaadu ilmisaanii mindeeffamee hojii argachuun mindaa akka argatu kan jedhu ture.

Bara 1992 keessaa kitaabni dubbisees kan ‘Think and Grow Rich’ jedhu akka ture dubbatu.

Isaan booda kitaaba sana fakkaatan adamsanii bitachu eegalan. ‘‘Waggoota 6 leenjii sana booda turan keessatti ture ofiikoo akka haaraatti kanan of hojjadhe,’’ jedhu.

Onnachisuun (motivation) attamiin hojjata?

Sammuun nama tokkoo ijoollummaa kaasee yaada garaa garaa keessummeessa. Jidduugalaanis guyyaatti yaadanwwan kuma 60 ol akka keessummeesu himama.

Isaan keessa irra caalaan gaabbii fi abdii ykn waa’ee kaleessaafi boruti.

Sammuun namaa bakka tokkotti kan tasgabbaa’e osoo hin taanee kan darbe ykn waa’e gara fulduraa yaada.

Kanaaf, nama tasgabbaa’aa ykn qalbii qabu argachuun rakkisaadha kan jedhu Naatinaa’el.

Nama qalbii hin qabne jechuun maal jechuudha?

Haasawwan onnachisan yoo dhagahamuutti ykn dubbifamuutti miiraan kaka’umsaa keessa namoota galcha.

Adeemsa kana keessattis namootarraa barachuu, jaalala dubbisuu cimaa keessa galuu, ofitti amanummaa itti uumuu ni danda’a.

Bu’aa haasawwan onnichiisanii keessa tokko namoota gara disipiliinii cimaatti geessee jira,’’ jedha Naatinaa’el.

Rakkoonsaa onnachisuun mataansaa araada ta’u danda’a jedha. Kan hojiin hojjatamu yaada rime onnachiisuu irratti yoo ta’e, hirkataa isaa ta’un hin hafu. Kanaaf araada jedha.

Naatinaa’eel yaadni onnachiisuu kun hanga tokko bu’aa qabaatulleen rakkoo cimaa qabaachu kaasa. Innis ‘‘Gammachuu liiqii umuusaati’’ jedha.

Fakkeenyaaf ‘‘gara fuulduraatti konkolaataa akkasii, mana akkasii, gaa’ila akkasii yoon qabaadhe gammadaan ta’a…’’ kan jettu yoo ta’ee dabare gammachuu keessa jirta jechuudha jechuun ibsa.

Namoonni kaka’uun booda mukaa’u keessa kan seenan mataansaa waan gammachu ofiisaanii hin taanee keessa turaniifiidha jedhan Naatinaa’el.

Soorreessa osoo hin taanee iccitii soorreessummaa barsiisuun hin ulfaatu?

Ameerikaatti namoonni waa’ee badhaadhiinaa barsiisan hedduun ofiin badhaadhaniiru. Koppii kitaaboleessaanii miiliyoonaan gurgurataniiru. Namootas kakkaasaniiru.

Kun ammoo biyya keenyaatti baayyee hin mul’atu. Namoonni waa’ee badhaadhinaa barsiisan kan ofiisaaniitiifu itti beekan fakkatan jiru.

Dr Warataawu garuu dhimma kanarratti, namoota hunda haala walfakkaataan ilaaluun sirrii akka hin taane kaasu.

Kanneen muuxannoofi mudannoo jireenyaasniirra ka’un barsiisan jiru. Kaan ammoo ummata walitti qabuun muxannoo jireenyaa tokko malee kan ummata irratti diraamaa hojjatanis jiru jedhu. Kanaafu rakkoon leenjiicha irraa osoo hin taane liinjiiftoota irraayi jedhu.

“Fakkeenyaaf kan na leenjiisan waan yaaddee hunda bira akkasumaan ni qaqabda naan hin jennee. Milkaa’inaaf gatii olaanaan baasu jiraachus na barbsiisaniiru,’’ jedhu.

''Namni kutannoo qabaannaan wanti hin hojjannee homtu hin jiru. Fakkeenyaaf, namni tokko sa'aatii 8'f biiroo hojjattee, sa'aatii 8 biraa baajaajjii yoo oofe rakkiinsaa maali hanga jijjiramuuf kutannoo qabaateetti.''

Dhuguma namoonni waa'ee badhaadhiinaa fi qabeenyaa barsiisan ofiin qabeenyaa hin qabanii?

''Lakkii kun dogogora. Leenjiisaan Hayilee maaliif ofii hin fiigne isa leenjiisaa jedhamaa? Beekaan waan beekuun yoo barsiisee gahaadha.''

Dr Worotaawu, ''Ani miliiyoonara ta'eera, kitaaba yeroo 20 maxxanfame qaba. Kan biraa ammoo yeroo 12 kan maxxanfameen qaba. Aksiiyoonii baankii Hibrati keessaa miiliyoona 6.6 qaba. Mana kireessu qaba, Yutube maallaqa argamsiisuu eegale qaba,'' jedhan.

Kanaafu, ''ilma namaatiif qabeenyaa guddaan ilaalcha isaati. Sammuu keenyatti haalaan fayyadamu qafaatu barbaachisa.

''Ani leenjii sana osoo hin argannee ta'e amma soorama bahee daamaa osoon taphadhu na agarta turte. Waanan leenjiicha argadheef abjuu waggaa 30tiin qaba.''