Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kutaan qaamaa yoo tumatan caalatti nama dhukkubu kami?
Barsiiftuun Saayinsii fi Baayoolojii lammii Biritish Naataalii Wiilsheer fakkii Albart Anistaayin irree ishiirratti tumatte. Tumaa biraas harkaa fi koronyoo miila isheerraa qabdi.
Tumaa qabdu hunda caalaa kan ishee dhukkube kan faana miilaa irra keessaa fi koronyoo gubbaa tumatte ta'uu himti.
"Dhukkubbiin akkaataa qaamni keenya ittiin of ittisudha. Dhukkuba namatti dhagaahamu ergaa kan dabarsan ammoo narvoota keenyadha," jetti barsiiftuun kun.
"Kutaa qaama keenyaa bakka coomni xiqqoon jiruufi bakka fiixee narvii jiru caalaatti dhukkubni nutti dhagaahama" jetti.
Miilaa fi koronyoon alatti irree lukaa jilbaa gadi jiru, bobaa jala akkasumas lafeen cinaachaa iddoowwan caalaatti dhukkubni namatti dhagaa'amudha jetti. Kun garuu namaa namatti adda adda tahuu akka malus himti.
"Narvoonni naannoo kutaa qaamaa tumatamuu jiran mallattoo dhukkubaa gara sammuutti ergu," jetti barsiistuu Wiilsheer.
Dandeettiin dhukkuba dandamachuu namaa gara namaatti gargar ta'uu irraa kan ka'e, qaamni caalaatti dhukkubuu danda'us namaa namatti gargar ta'uu himti.
Tumaan jalqabaa...
Tumaan umurii dheeraa lakkoofsise 'Iceman' jedhamuun kan beekamu Otzii irratti argame. Otziin qaama namaa waggoota 5000 oliif diilalleeffamee bara 1991 gaarren Italii keessatti argamedha.
Tumaan Otzii xixiqqoo yoo taatu bifa tuqaafi daashii qaba ture. Kunis sababa wal'aansa fayyaaf ta'uu akka hin oolle himti Wiilsheer.
Yeroo keessa Tumaan mala ittiin seenaa ofii himatan ta'e. Aadaa biyyoota gara garaa keessattis bakka guddaa qaba.
Jaarraa 19ffaa keessa maashinii maxxansaa Toomaas Edisan bu'uura godhachuun meeshaan tumaa tumu kalaqame.
"Bara 1875 erga kalaqamee booda hedduus hin jijjiiramne. Daqiiqaa tokko keessatti gogaa namaa yeroo 50 hanga 3000 tuttumatee tumaa tolcha."
Kutaa qaamaa isa guddicha
Gogaan kutaa qaamaa isa guddichadha. Ulfaatina qaama namaa keessaa dhibbeentaan 50 gogaa yoo ta'u, gogaan namaa marsaa guyyoota 28n of haaromsa.
Kun 'gaaf gogaan of haaromsu tumaan maaliif hin badu?' gaaffii jedhu kaasuu mala.
Barsiiftuu Wiilsheer yoo ibsitu gogaan qaama walirra keessa ykn (layer) sadii qaba jetti. Kan irra keessa jiru 'epidermis', kan jidduu jiruufi ujummoo dhiigaa, xannachawwan dafqaa, seelonni fi narviin keessatti argaman 'dermis' fi kan gajjallaa coomni itti heddummatu 'hypodermis' jedhamu.
Halluun ittiin tumaan tumamu 'dermis' bakka narvoonni dhukkubni akka namatti dhagaahamu godhan jiran keessa seena.
Kutaa gogaa kana irra keessaa 'epodermis' waan haguugee jiruuf tumaan achi keessa seene salphaatti hin badu jetti Wiilsheer.
Battala halluun tumaa ittiin tuman 'dermis' seenu qaamni namaa haleellaan akka irra gahetti fudhachuun seelii dhiiga adii itti bobbaasa. Seelonni kun halluu kana balleessuuf jecha nyaatanii gara kutaa gogaa irra keessaatti yoo ergan, halluuchi cimaa waan ta'ee balleessuu hin danda'an waan ta'eef achitti danqamee hafa.
"Kanaafi 'epidermis' keessatti tumaan kan mul'atuuf" jetti barsiiftuu Wiilsheer.