Jarmaniin baqattoota ogummaa qaban hawwachuuf seera raggaasifte

Hakimii yaalii taasisaa jirtu

Madda suuraa, INA FASSBENDER/AFP

Maxxanfame

Biyyoonni guddatan kaan wayita baqattoonni biyyasaanii akka hin seenneef seera cimsaa jiraniitti, Jarmaniin ammoo seeraa haaraa baqattoota hojjattoota tahan hawwatu raggaasiifte.

Kana jechuunis baqattoota ogummaa qabaniifi Gamtaa Awurooppaatiin alaa gara sana dhaqaniif bu'aa bahiin ni salphataaf jechuudha.

Ulaagaaleen akka sirna Kaanaadaa fakkeenyaaf umuriin, ogummaan, gahuumsii fi hidhati Jarmanii waliin qabaatamu kamuu hubannoo keessa galfama.

Mindaa, sadarkaa barnootaa fi dandeettii afaan Jarmaniitiif ulaagaan ni hir'atas jedhameera. Kunis baqattoota carraa hojiin ykn carraa hojii malee gara Jarman dhaqaniif ni salphata jechuudha.

Kana malees jajjabeesituun haadha warraa ykn abbaa warraa qofaafi daa'imman garuu maatii fidachuus keessatti hammatameera.

Kunis Jarmanii keessatti jijjirama imaammataa isa guddaadha. Barootaaf mootummaan Jarmanii yaada Jarmaniin biyya baqattootaa ta'uu didaa ture.

Dhaloonni jalqabaa bara 1960mota keessa Tarkii irraa ''hojjattoota keessummaa'' jedhamuun biyyattii seenan akka ''keessummaa'' guddina diinagdee deeggaruun booda bahaniitti ilaallamaa turan.

Bulchiinsa Angeelaa Meerkel dabalatee keessattuu mootummaan warra Harbeessitootaa (Conservative), yaada hawaasaa hojjattoota baqattootaaf banaa ta'ee jedhu fudhachuuf baayyee rakkataa turan. Dhugaan isaa garuu hawaasni Jarmanii sab-daneessaa ta'aa dhufeera.

Jarman keessatti ummannii harka tokko arfaffaa ta'u kan biyya biraatti dhalatee ykn ammoo yoo xinnaate kan maatii biyya biraatti dhalate tokko qabudha.

Waggootaaf erga Jarman keessatti namni hin mindeeffamni baayyee gadaanaa ta'een booda, daldaltoonni hir'inni hojjattootaa jiraachuu kaasuu eegalan. Rakkoonsaas ummanni umuriin jaaree dabalaa adeemusaatti itti cime. Kanneen bara 1960mota keessa dhalatan dhiheenyatti gara sooramaatti imaluu eegalu.

Ministiroonnis bakkeen hojiin hojjattoota malee qaata guutamuun barbaachise jechuun akeekkachisaa jiru. Hir'ina humna hojjataa kanas balaa guddaa diinagdee Jarmanii mudataa jiru jechuun ibsaa jiru.

Paarlaamaa Jarmanii

Madda suuraa, EPA

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Olaaf Skoolzi kan Paartii SPD Dimokraasii Hawaasaa jidduugala-bitaa (centre-left Social Democrat SPD party) bara 2021tti Merkeel'n injifateetti, gamtaan Bilisa-Magariisa SPD (SPD-Green-liberal) seerawwan baqattuummaa salphiisuu akka imaammatawwan dursa kennaniif tokko taasifatanii ture.

Gamtaan kunis imaammatawwan jijjirama qilleensaa irratti warra garee Magariisootaafi walabaa michooma daldaltaa jidduutti gareedhaan miidhamee ture.

Garuu ammoo gareewwan lamaanuu baqattummaa irratti waliigalu. Warri libiraalii (walabaa) diinagdeef hojjattoota barbaadu. Warri magariisaa irra caalaa imaammata baqattummaa keessatti mirga namoomaaf falmu.

Garuu ammoo mariin paarlaamaa Jimaata Waxabajii 23, 2023 seericharratti ture baayyee cimaa ture. Warri harbeessitootaa seericha mormanii sagalee kennan. Kanaafis seerri haaraan kun koluugaltoota hayyamni didamuun biyyattii keessatti argamanis akka hojii hojjatan taasisa jechuun morman.

Akkasumas warri garee far-right AfD jedhaman, lakkii jedhanii sagalee kennan. Sababii isaas, Jarmaniin biyya ''baqattootaa'' osoo hin taanee ''biyya ganamaati'' jechuun, ilaalcha Jarmanii jechuun maal jechuu akka ta'e kaasuun paartiichi yeroo baayyee waa'ee sanyii ganamaa irratti kaasuu calaqisan.

Paartiin kunis ilaalcha Jarmaniin hojjattoota baqattotaatu barbaachisa jedhu sana hin calaqisiisan. Garuu kun jiraatus, ykn tarii sababii isaatiin, sagaleedhaan baayyee guddaa (%19) argate kenniinsa sagaleetiin. Garuu ammoo, paartiin biyya bulchu %17 argate.

Jarmanii keessatti haalli siyaasaa dhimma baqattootaa irratti kallattii faallaa qabateerra. Ta'us garuu, mootummaan ni barbaada, diinagdeenis waan barbaaduuf amma paarilaamaan irratti sagalee kenneerra. Ofii paartiilee hundi seera kana deegaruu laata?