Paarlaamaan Tarkii humni galaanaa biyyattii gara Somaaliyaa akka bobba'u raggaasise

Doonii mootummaa Tarkii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Paarlaamaan Tarkii humni galaana biyyattii gara Somaaliyaa akka bobba'uuf yaada Pirezidantiin biyyattii Rasiip Xayyib Erdogaan dhiheessan raggaasiseera.

Miidiyaan mootummaa biyyattii Anadulu jedhamu humni waraanaa Tarkii ''hojii farra shororkeessummaa fi hojiiwwan nageenyaa deeggaruuf akkasumas sodaawwan jiran biroo qolachuuf'' waggoota lamaaf gara Somaaliyaa ni bobba'a jechuun gabaase.

Paarlaamaan Tarkii humni waraanaa biyyattii gara Somaaliyaa akka bobba'an haa eeyyamuyyuu malee loltoonni hagamii, yoom garas akka bobbaafaman hin ibsamne.

Humni galaanarraa Tarkii gara Somaaliyaa kan imalu biyyoonni lameen ji'oota muraasa dura waliigaltee waraanaa waliif mallatteessuu hordofeeti.

Ankaaraa fi Moqadishoon Guraandhala 9, 2024 waliigaltee humna ittisaa fi diinagdee waliif mallatteessanii turan.

Qabiyyeen waliigaltee kanaa guutummaatti ibsamuu baatus, keessattuu gama humna ittisaan Tarkiin humna galaanarraa Somaaliyaa cimsuu fi handaara galaanaa biyyattii eeguurratti bira dhaabbachuuf waliigalteetti.

Dabalataan Tarkiin humna galaanaa Somaaliyaa leenjisuu fi hidhachiisuuf waliigalteetti.

Yeroo waliigalteen kun mallattaa'etti Ministirri Muummee Somaaliyaa Hamzaa Abdii Baaree, waliigalteen Tarkii waliin irra ga'ame ''sodaa shororkeessummaa kamiyyuu, akkasumas gochoota seeraan alaa galaanarratti mudatan dabalatee doorsisa qaamolee alaan taasifamu kamuu qolachuuf kan fayyadu,'' jedhanii turan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waliigalteen kun mallatteeffamee guyyoota muraasaan booda, ALI Guraandhala 13, 2016 paarlaamaan Somaaliyaa waliigalticha raggaasisee jire. Kana hordofunis Dooniin humna waraanaa Tarkii buufata Moqaadishoo qaqabuunshee ni yaadatama.

Paarlaamaan Tarkii gamasaatiin Pirezidantii biyyatti Erdohaan irraa waraanni biyyatti gara biyya Baha Afriikaa kan taatee Somaaliyaatti boba’uuf gaaffii Jimaata Adooleessa 26, 2024 mana marichaatti erga dhiyeessanii booda, gaaffiichi kaleessa Sambata 27, 2024 paarlaamaa biyyattiin ragaasiifameera.

Mooshiniin pirezidanti Erdohaan dhiyyeessan kunis waggoota kudhanii oliif Somaaliyaa nageenyaafi tasgabbiishee akka mirkanneessituu, akkasumas shororkeessummaa akka loltuuf Tarkiin deeggarsa gochaa turtee jirti jedha.

Kana malees mooshinichi, waraanni Tarkii bara 2009 irraa kaasee galaana Somaaliyaarratti saamichaa fi shororkeessummaa galaanarraa ittisuuf yaaliiwwan addunyaa taasifaman deeggaraa tureera jedha.

Gama biraatiin ammo, Tarkiin humna galaanaashee gara Somaaliyaatti akka ergituuf paarlaamaan biyyatti hayyamuun kan dhagahame, dooniin Ankaaraa bishaan jala imaltu gaazii umamaa barbaacha gara Somaaliyaatti akka imaltu erga ibsameen boodadha.

Ministeerri Inarjii Tarkii, dooniin bishaan jala imaltu qaama bishaan Somaaliyaa keessaa boba’aafi gaazii barbaaddu dhuma bara 2024tti garas akka ergu beeksiiseera.

Waggoota muraasaan asitti walitti dhufenyi Ankaaraafi Moqaadishoo cimaa dhufeera.

Tarkiin biyyasheetiin alatti buufata waraanaa guddicha Somaaliyaatti hundeessiteetti.

Kanaan alattis, Tarkiin yeroo ammaatti miseensoota waraanaa fi poolisii Somaaliyaa leenjiisaa jirti.

Tarkiin Somaaliyaatti maneen barnootaa, hospitaalootaafi bu’uuraalee misoomaa garaagaraa ijaarusheetiin alatti, barattoonni Somaaliyaa hedduun Tarkiitti carraa barnootaa argataa jiru.