Itoophiyaan dubbii barbaacha Somaaliyaafi daddabarsa meeshaa waraanaa daangaa biyyattiin yaadda’uu ibsite

Gocha mootummaan Somaaliyaa yeroo garagaraatti himannaa dharaa dhiyeessuun itti jiruufi meeshaaleen waraanaa to’annaa tokko malee karaa daangaa biyyattiin Gaanfa Afrikaa seenaa jiru akkaan ishee yaaddessuu Itoophiyaan beeksifte.
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa, dubbii-barbaaduu irra deddeebiin mootummaan Federaalaa Somaaliyaa dhiyeessaa jiru itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu himee, "faallaa himannaa dharaa mootummaa Somaaliyaa dhiyeessaa jiruu Itoophiyaan nageenyaafi tasgabbii ummata Somaaliyaa obbolaatiif jecha waggoota soddomaaf aarsaa kaffalaa jirti," jedheera.
Ministeerichi ibsa har'a Adoolessa 26, 2024 baaseen, dubbiin dharaafi itti-gaafatamummaa malee aanga'oonni olaanoo Somaaliyaa yeroo garagaraatti gargaarsa murtessaa Somaaliyaan deebitee akka biyyaatti akka ijaaramtuuf Itoophiyaan taasisaa jirtu waakkachuuf dubbatan baayyee akka isa gaddisiise himeera.
Dhiiga ummanni biyyoota lamaanii wal keessaa qabaniifi walitti dhufeenya aadaafi seenaa dheeraa gidduusaani jiruuf, akkumasuma ejjennoo cimaa walabumma qaxanichaa kabajamuu akka qabuuf qabduuf jecha Itoophiyaan himannaa sobaa mootummaa Somaaliyaa kanaaf deebii osoo hin kenniin turuu filatteetti.
Kana malees, meeshaaleen waraanaa xixiqqan seeraan ala karaa daangaa Somaaliyaatiin to'annoo tokko malee Gaanfa Afrikaa seenaa jiran baayyee yaaddessaa ta'uu ibsi Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa eereera.
Itoophiyaan duula shororkeessummaarratti gaggeessituufi daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa taasiftu ammas cimtee akka itti fuftu ibsi Ministeera Dhimma alaa biyyattii kun addeesseera.
Somaaliilaand torban darbe ibsa baasteen, mootummaan Somaaliyaa meeshaa waraanaa seeraan ala daddarbuufi kuusaa biyya keessaa qabdullee to’achuu waan hin dandeenyeef naannichaaf yaaddoo uumaa jira jechuun himattee ture.
Ministirri Dhimma Alaa bulchiinsa Somaalilaand ibsa baasen baatii sadan darban qofa hidhattoonni al-Shabaab ''meeshaa waraanaa guddaa jedhamu’’ giddugala Somaaliyaa keessatti humnoota mootummaarraa fudhachuu eeraa jira.
Ibsi Somaalilaand kun erga jalqaba torban dura meeshaan waraanaa mootummaa Somaaliyaa milishotaafi jiraattotaan saamame booda dhagahame.
Dhimma saamicha kanaas kan eere ibsi Somaalilaand, dhimmichi ‘haala nageenyaa yaaddessaadha’ jechuun ibse.
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomani uggura meeshaa waraanaa Somaaliyaarratti kaa’e ture waggoota dheeraa booda barana kaaseera.
Murtee kanarraa mufiifi komii kan qaban keessaa tokko Somaalilaandidha.

Akkaatuma kanaanis, UN fi hawaasi idil-addunyaa uggura meeshaa kaasan ''atattamaan’’ irra deebi’anii akka itti ilaalan gaafatteetti.
Itoophiyaan Somaalilaand buufata humna waraanaa galaanarraa itti ijaarrattu bifa kiraatiin argachuuf, bakkasaa ammoo Somaalilaandiif beekkamtii dippilomaasii kennuuf waliigaltee wal hubannoo waliin mallatteessuusaanii hordofee Muddama dippilomasii Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu jiru hammaacha adhufe.
Waliigaltee Itoophiyaafi Somaalilaand kanaan kan dheekkamte Somaaliyaan dhimmicha hanga Mana-Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti geessun Itoophiyaa himattee turte.












