Kilaba haaraa K. Roonaaldoo, Chelsii v Maan Yuunaayitid-Maaltu eegama?

Maan Yuunaayitid Kiristaanoo Roonaaldoo bilisaan gadhiisuuf

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Maanchister Yuunaayitid kilabni K. Roonaaldoo bitu yoo dhibellee bilisaan gadhiisuuf.

Kontiraatni Roonaaldoon Maanchister Yuunaayitid waliin qabu waktii gannaa dhufu kana xumurama.

Haa tahu malee, wal dhabdeen leenjisaa kilabichaa Erik Ten Haagii fi Roonaaldoo gidduutti dabalaa dhufe akka taphatichi bahuuf dhiibuu mala jedhame.

Tapha Maanchister Yuunaayitid dirree isaa Oldi Tiraafordi irratti Tootenahaamiin 2 fi 0’n mo’ate irratti Roonaaldoon osoo taphni hin xumuramiin daqiiqaa 89ffaa irratti istaadiyeemicha keessaa bahee deeme.

Dabalataan jijjiiramee akka galuuf leenjisaan isaa gaafannaan Roonaaldoon akka dide gabaafama.

Maanchister dabalataan miindaa isaa torban lamaa paawondii miliyoona tokko [1000,000] tahu adabuuf akka tahes himama.

Erik Ten Haag Roonaaldoon adabbii isaaf malu argachuu qaba, gochaa isaaf jedhanii garee har’a Chelsii morkatuun alas godhan.

Roonaaldoon garuu fuula miidiyaalee hawwaasaa isaa Feesbuukii fi Inistaagiraam irratti yeroo kamiyyuu waayillan isaa wlaiin taphatan, leenjisaa fi namoota waliin hojjetu hundaa akka kabaju hime.

Dhaloota haaraaf fakkeenya tahuun fedha. Al takka takka garuu akkasuma miirri nama mo’uun waanuma jirudha. Maanchister Yuunaayitid waliin tokkummaan dhaabbanna jechuun barreesse.

Taphata akana kilaboonni gurguddoon akka Bayern Munik, Atileetiikoo Maadiridii fi  Chelsiin mallateesisuu akka hin barbaanne yeroo jijjiirraa darbe irratti ibsaniiru.

Umurii fi kaffaltiin miindaa Roonaaldoo kileboota isa barbaadanitti gufuu tahuu danda’a. Roonaaldoon Maanchister Yuunaayitid keessatti torbaniin paawondii walakkaa miliyoonaa 500,000] argata.

Roonaaldoon gara Liigii Ameerikaa Major League Soccer deemuu danda’a jedhama. Kana dura miindaa torbanii miliyoona tokko tahuun kilabni biyya Arabaa tokko gaafannan akka died himameera.

Roonaaldoon kan biyya isaa osoo hin dabalatiin galchii 700 ol lakkoofsiseera. Yeroo shan ammo badhaasa ballon dOr mo’ateera.

Chelsii Maanchister Yuunaayitid

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kilebootni lameen yeroo dhiyoo as taphni waliin gaggeessan ol aantummaa Maanchister Yuunaayitid ykn ammo qixaan xumurame.

Haa tahu malee Chelsiin leenjisaa isaa haaraa Giraam Pooter jalatti taphoota torba osoo hin mo’amiin jira. Taphoota sadii irrattis galchiin irratti hin lakkaa’amne.

Maanchister ammoo diree isaan ala taphoota sadii mo’achuun tokko qofa mo’ame. Garuu taphoota shan irratti yoo xiqqaate galchiin afur irratti lakkaa’ameera.

Maanchister bara kana kileboota gurguddoo akka Arsenaal. Liiverpuulii fi Tootenahaam mo’atee Maan Siitiidhaan qofa mo’ame.

Ha’a gama Chelsiin taphattootni akka Ngolo Kante, Riis jeemsi fi Wesilii Fofana sababa miidhamaan hin taphatan. Gama Man Yuunaayitidiin ammo Kiristaanoo Roonaaldoo murtee leenjisaatiin garee keessaa yoo hafu, Haarii Maguwer, Doonii Van de Biikii fi Bisakaan miidhamarra jiru.

Liiverpuul ammo Nootingihaam waliin morkata. Arsenaalii fi Maan Siitiin duraa duubaan liigicha dursaa jiru.