Kaarim Beenzemaan badhaasa Ballon dOr bara 2022 mo’ate

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan sarara duraa Riyaal Maadirid Kaarim Benzemaan badhaasa Ballon dOr bara 2022 mo'ate. Dubartootaan ammoo taphattuun Baarseloonaa Aleksiyaa Putelaas mo'atte.
Bara darbe Liiverpuuliif taphataa kan ture taphataan ammaa Baayern Munik Sadiyoo Maaneen lammaffaa tahuun xumure.
Kevin de Biriyuun Maan Siitii irraa sadaffaan yoo xumuru Rooberti Lewaandowiskiin kan amma Baarseloonaaf taphatu arfaffaan xumure.
Beenzeemaan Riyaal Maadirid waancaa Laaligaa fi Shaampiyoonsi Liigii akka mo'atuuf shoora olaanaa bahateera.
''Abjukoo ijoollumaatu dhugoome. Namota fakkeenya naaf tahan laman qaba. Isaanis Ziinadiin Ziidaanii fi Kiristaanoo Roonaaldoodha,'' jedhe Beenzemaan badhaasicha yeroo fudhatu.
Ziidaan leenjisummaan Roonaaldoo waliin ammoo taphachuun Riyaal Maadirid keessa turaniiru.
Bara darbe qofa taphoota 46 irratti galchii 44 lakoofsiseera. Isaan keessaa 15 Shaampiyoonsi Liigii irrattidha.
Beenzeemaan taphataa Faransaay shanaffaa badhaasicha mo’atedha. Beenzeemaan umurii wagga 34’n badhaasa kan yoo mo’atu erga bara 1856 as taphataa umurii ga’eessa akkasiin mo’ate jalqabaati.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
‘’Umuriin lakkoofsadha,’’ jedhe Benzeemaan badhaasicha erga fudhatee.
Dubartootaan taphattuun Baarseloonaa kan bara darbes badhaasicha mo'atte Aleeksiyaa Putellas bara kanas mo'atteetti.
Dabalataan Sadiyoo Maaneen badhaasa Ballon dOr lammaffaan xumuruun dabalata badhaasa Sooqiraaxes jedhamu mo'ate.
Badhaasni kun taphattoota deeggarsa namoomaa ykn hojii tola ooltummaan shaampiyoonaa tahaniif kennama. Bara darbe Liyonel Mesiin badhaasa Ballon dOr yeroo torbaffaaf mo'ate.
Gama biraan Rooberti Lewaandoskiin badhaasa Gerdi Muular injifate. Kunis taphataa cimaa sarara duraa [striker] adunyaa tahuun filamuun yoo tahu, bara darbe qofa galchii 57 lakkoofsise.
Isaan keessaa galchii 50 taphoota Baayern Munikiif taphate 46 irratti lakkoofsise.
Karra eegaan Riyaal Maadirid Tiiboo Koortohaan karra eegaa cimaa tahuun badhaasa Yaashin kana karra eegaaf kennamu bara 2022 fudhate.
Ballon dOr ammoo torbaffaa tahee xumure. Badhaasicha bara darbe kan mo'ate taphataa Chelsii Idwaardo Mendiiti.
Mohaammad Saalaan Liiverpuul irraa kan filame yoo tahu, sadarkaa shanaffaa argateera.
Sadiyoo Maaneen biyya isaa Senegaal waliin Shaampiyoonaa waancaa Afrikaa kan tahe sadarkaa lammaffaan xumure.
Maanchister Siitiin kilaba cimaa bara 2022 tahe
Maanchister Siitiin taphattoota cicimoo jaha tahan badhaasa Ballon dOr’f filachiisuun kilaba cimaa bara 2022 tahuun yoo filatamu Liiverpuul ammoo lammaffan xumure.
Maanchister Siitiin qabxii tokkoon qofa Liiverpuuliin caaluun waancaa Piriimer Liigii bara 2021/22 mo’ate.
Liiverpuul ammoo xumuraaf dhaqqabuun Riyaal Maadiridiin mo’amee waancaa Shaampiyoonsi Liigii dhabe. Riyaal Maadirid waancaa Laaligaa fi Shaampiyoonsi Liigii mo’atus kilaba cimaa bara 2021/22 sadaffaa tahuun filame.
Maan Siitii fi Liiverpuul badhaasa kanaaf taphattoota 12 filachiisaniiru.
Isaan keessaa Sadiyoo Maanee fi Kevin de Biriyuuntu lammaffaa fi sadaffaa argate.
Bara darbe waayila Maanee kan turee fi biyya Sadiyoo Maanee Senegaaliin mo’amuun waancaa Afrikaa fi hirmaannaa waancaa Afrikaa kan dhabe Mohmmad Saalaan shanaffaan xumure.
Kiliyaan Imbaappeen jahaffaan xumure.
Maaneen biyyi isaa Shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa akka taatu gochuun dabalata Senegaal waancaa Afrikaaf akka darbituuf shoora olaanaa bahateera.
Waggoota kurnan booda Liyonel Mesii fi Kiristaanoo Roonaaldoon yeroo jalqabaaf badhaasichaan ala tahan. Mesiin yeroo torba Roonaaldoon yeroo jaha badhaasa Ballon dOr mo'ataniiru.

Madda suuraa, Getty Images












