Gargaarsi hin daangeeffamne hangam Tigraay seenaa jira?

konkolaataawwan gara Tigraayi deemaa jiran.

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Walqaayit irraa kan buqqa'an Alaqaa Gabramadihin Gabirawaahid miseensa maatii torba qabu. Kaaba-Lixa Tigraayitti kaampii yeroo gabaabaa keessa qubatanii argamu.

Baatii Hagayyaa keessa miseensa maatii hundaaf midhaan kg15, zayiitii litiroo 1.5 fi atara kg1 kennamee ture.

Amma garuu gargaarsi nuu kennamu gahaa mitii jedhu.

Torbee darbe tokkoon tokkoo isaanii kg10 yoo guddate, yoo hammaate immoo qooda nama shanii ykn hamma maatii tokkoof gahu argatu ture.

''Kuni garuu hangam nu gaha? Kanumarraa daaksisan. Barbaree fi ashaboos kanumarraayi. Kuni maal jedhamuu danda'a? Kan baatii Hagayyaa keessa nuu kenname illee wayya,'' jedhu.

''Yoo iyyite eenyuyyuu sin dhagahu. Uummanni gadda keessa jira. Miirri keenya miidhamee jira. Soorataan jiraachaa hin jirru. Nama tahuu keenya adda baasuuf sadarkaa rakkisu irra geenyeerra,'' jechuunis ibsaniiru.

Namoonni dhukkuba hin fayyine qaban immoo dawaa argachaa akka hin jirres dubbatu.

Waggaa lama dura yeroo waraanni jalqabu magaalaa Humaraa irraa kan buqqa'an Gideeyi immoo Maqalee dahoo yeroo keessa buufatanii jiru.

Dahoo kana keessa namoonni buqqa'an 16,000 ol akka jiran kan himamu yoo tahu, deeggarsi nyaataa yeroo dhihoo eegaluu himuun akka itti fufu abdii qabu dubbatan.

Hanga yoonaa yeroo sadiif ji'atti midhaan kg15 kennameeraafi.

Gideey godina lixa Tigraayitti ijoollee lama, Adwaatti immoo intala tokko dhiisanii godaanuu BBCtti himaniiru.

''Yeroo buqqaane adda adda baanee ture. Amma garuu dhiphadheera. Ijoolleen koo waggaa lama guutuu achitti hafan deeggarsa hin arganne,'' jechuun yaaddoo kan himatan Gideey ijoolleesaaniitti kan yeroo jalqabaaf bilbilaan haasa'an dhihoo kanadha.

Sagalee isaanii dhagahuun isaan gammachiisuus bor maal nyaatanii bulu kan jedhu garuu isaan yaaddeessa.

Waliigaltee waraana dhaabuu mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti Afrikaa Kibbaatti mallatteefame irratti, ''deeggarsa namoomaa hin daangeeffamne,'' qaqqabsiisuun keessatti argama.

Waliigalteen kuni erga mallattaa'ee ji'ooti lama darbaniiru, hamma yoonaa tajaajiloonni bu'uuraa kanneen akka baankiifi bilbilaa kan jalqaban yoo tahu, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaas balalii garasitti taasisu jalqabeera.

Gargaarsi kallattii afuriin, Naannoo Amaaraafi Affaar irraan garas galaa akka jiru himamus, sababii rakkoo nageenyaan ammallee iddoowwan gargaarsi hin qaqqabne akka jiru hojjettoonni gargaarsaa ni dubbatu.

Gargaarsa gara Tigraay geeffame

Waraana waggaa lamaaf adeemsifamaa tureen naannoo Tigraayitti tajaajiloonni mootummaa hundumtuu addaan citanii kan turan yoo tahu, hakiimotaafi hojjettoonni mootummaa osoo hin hafiin beelaafi kadhaaf saaxilamuun isaanii gabaafameera.

Walumaagalatti naannicha keessa namoonni miiliyoona 5.4 tahan gargaarsi yeroo hatattamaa isaan barbaachisa jedha Mootummoonni Gamtoomanii.

Kanneen keessaa miiliyoona 2.3 kan tahan dahoo yeroo gabaabaa keessa qubatanii argamu.

Waliigaltee nagaa kana hordofee mootummaa Itoophiyaa fi dhaabonni idila addunyaa, Sadaasa 15 -Muddde 2022tti gargaarsa midhaanii meetriik toonii 100,000 naannichatti raabsuu isaanii UN'tti waajirri gargaarsa namoomaa (OCHA) beeksiseera.

Kana keessa kan meetriik toonii 15, 00o tahu mootummaa Itoophiyaa irraa kan argame tahuusaa Itoophiyaatti Qajeelchi Yaaddoo Balaa himeera.

Bakkeewwan gargaarsa qaqqabsiisuun rakkisaa ta'e

Hojjettoonni gargaarsaa BBC'tti akka himanitti, kutaalee Kaaba Dhihaa, Kibbaa fi Giddugaleessa Tigraay gargaarsa qaqqabsiisuun hin danda’amu, dhaabbileen gargaarsaa naannoo sanatti sochiin isaanii daangeffamaadha.

"Yeroo ammaa kana rakkoon inni guddaan naannoon Tigraay hedduun dhaabbilee gargaarsaaf banaa ta'uu dhabuu isaati," jechuun hojjetaan gargaarsaa maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate tokko BBC'tti himeera.

Kanneen dhaabbileen gargaarsaa bira ga’uu hin dandeenye keessaa kutaaleen Kaaba Dhiha Tigraay fi Giddugaleessa Tigraay to’annoo Raayyaa Ittisa Biyyaa, loltoota Ertiraa fi hidhattoota Amaaraa jala kan jiran.

Miidiyaaleen mootummaa akka gabaasanitti mootummaan magaalaa Adwaa, Aksum fi Shiree dabalatee magaalotaaf gargaarsa raabsaa jira.

Zoonii kibbaatti aanaaleen daandii gurguddoo fi naannoo bira ga’amuu hin dandeenyeen ala jiran ammallee gargaarsa geejjibsiisuuf qormaata ta’uu OCHA'n ibseera.

Gargaarsa hanga yoonaa gahe

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara darbe yeroo waraanni hin jirretti marsaan tokko Bitootessa irraa hanga Adoolessaatti kan kenname yoo ta’u, dhiheenya kana marsaan lammaffaan Sadaasa irraa hanga Muddeetti kennameera.

Namoonni gargaarsa eeggatan- keessattuu kanneen da’oo baqattootaa keessa jiran ji'a ji'aan gargaarsa argachuu kan qaban yoo ta'u, hanga ammaatti marsaa ja'a argachuutu irra ture jedha hojjetaan gargaarsaa tokko.

Waraana kana hordofuun naannichatti beelli cimaan akka ture kan dubbate yoo ta’u, bara darbe garuu rakkoon kun xiyyeeffannoo gahaan akka hin kennamneef eere.

Raabsa nyaataa marsaa lammataa Tigiraay keessatti jalqaba baatii Onkoloolessaa eegale irratti ragaan OCHA akka agarsiisutti lammiileen miiliyoona 3.3 ol jechuunis dhibbeentaa 61 ta’an dhaabbilee gargaarsa namoomaatiin deeggaramaniiru.

Akkasumas, boba’aan gara liitira miliyoona tokkootti dhiyaatu naannichatti akka seene ibseera.

GIdayiifi Alaqaa G/Medihin lamaan isaaniiyyuu gara qe'eetti deebi'uun yoo danda'ame gammachuu qabaachuu ibsan.

''Haala baayyee hamaa keessa jirra. Osoo 'Har'a deebi'uu dandeessa' jedhamee guyyaa tokko hin bulun turre.

''Boru imallee guyyaa boruu mana keenya seenna. Sababni isaas haalli nuti keessa jirru baayyee hamaadha,'' jedhu Alaqaa Gebre Medihin.

"Nagaadhaan gara ganda keenyaatti deebi'uu barbaanna. Rakkina waliin wal'aansoo qabaa jirra. Garuu gara manaatti deebinee maatii keenya waliin walitti makamuu barbaanna.

''Sammuu fayyaa, harkaa fi miila hojjetu osoo qabnuu waan kadhannuuf hin qabnu," jedhan Obbo Giday.