Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartoonni Sudaan gareen gudeedaman gidiraa irra gahe BBCtti dubbatu
Whiilee Kooltom Sudaan naannoo waraanni keessatti hammaate, Daarfuur keessatti miseensota humnoota addaa RSF afuriin gareedamuufi sababa sanyiisheetiif dararamni irra gahuu BBC'tti himte.
Akeekkachiisa: Barreeffamni kun qabiyyee isin jeequu malu qabaachuu danda'a.
''Baayyee gara jabeeyyii turan. Bakkan ho'a argachuuf jecha qoraan cabsuu deemeetti bosona keessatti dabareedhaan na gudeedan,'' jettee bilbilarratti sagalee kirkiruun.
Maqaa dubartoota miidhaan gudeeddii irra gahee barreeffama kana keessatti geeddarreerra.
Kooltom kan umuriin ishee waggaa 40man keessa jiru jiraattuu lixa Daarfur yoo taatu, miseensa hawaasa Maasaaliiti. Miseensoonni humna addaa Raappiid Saappoort Foors (RSF) ishee gudeedan garuu araboota.
Gareen humnoota milishootaa kunneenis waraanicha keessatti ajjeechaa baayyee raawwachuun kan himataman yoo ta'u, kunis Daarfur keessatti sabummaa fi loogiin sanyummaa akka cimu taasisuuu yaadama.
Kooltom El Gene'inaa keessa jiraatti. Eddoon kun seenaadhaan bakka aangoo Afriikaanoota gurraachaa Daarfuur keessaa fi magaala aadaa mummee Mootii Maasaaliti akka taateetti beekamti. Amma abbaa warraashee dhukkubsataa fi ijoollee ishee waliin baqatte.
Kooltom namoonni ishee gudeedan magaalattiin ''kan Arabootaa waan taatee" gadhiistee akka deemtu itti himuu dubbatti. Kunis gurraachoota Afriikaa heedduun akka humnoota RSFfi milishoota isaan waliin hiriiranii lolan Jaanjaaweed akka yaadda'an taasiseera. Humnooti kunneen naannoo sab-daneessaa ta'e akka warra sanyii Arabaatiin durfamtu barbaadu.
Sudaan wallakkeessa Ebla irraa kaasee gara wal waraanaatti seenteetti. Kunis sababii hoogganaa waraana biyyattii Janaraal Abdal Fattaah al- Burhaan fi hoogganaa RSF kan ta'e Janaraal Mohaammad Hamdaan Dagaaloo jidduutti wal dhabdee umameen kan jalqabe.
Wal dhabdeen isaanii kunis waraanaa Daarfur keessaa, kan jalqaba bara 2003 keessaa eegaluun naannichatti du'a namoota kuma 300 qaqabsiisee deebi'ee akka eegaluuf taasise.
Waraanni dhiheenyaas namoonni 160,000 ta'an akka hawaasa Maasaaliit keessaa gara Chaaditti baqatan dirqisiiseera. Naannichatti namoonni meeqaa akka ajjeeffaman ifa ta'u baatulleen, isa xiqqaan El Geene'inaa keessatti namoonni 5,000 ajjeeffamuutu tilmaamama.
Loltoonni RSF, akkasumas magaala guddoo biyyattii- Kaartum bulchiinsa namoonni baayyee keessa jiraatanitti ajjeechaa hedduu akka raawwatan himatamu.
Humnootiin RSF irra caalaa bulchiinsicha kan to'atan yoo ta'u, waraanaan gara booddeetti dhiibamaa adeeman. Waraanni kun erga wallakkeessa Eblaatii kaasee namoonni miliyoona lama ta'an akka baqatan taasiseera.
Kaartum keessatti waraanichi bifa sabummaa ykn sanyummaa hin qabanne. Arabootaafi namoonni saba gara biraas waraanaa gaggeeffamaa jiruun saaxilamtoota.
Ibtisaam kan umuriin waggaa 24, BBC'tti akka himteetti, yeroo loltoonni RSF daandiirratti ishee dhaabanitti ishee adaadaashee gafachuuf deemaa turte.
''Qawweesaanii natti qabanii eessa deemaa akkan jiru na gaafatan. Akkan mana adaadaakootii deemaa jiru yeroon itti himu, tajaajilawwan tika waraanaaf hojjatte jechuun na himatan,'' jette sagalee ishee kirkiruun.
Achinis loltoonni konkolaataa keessa akka seentu dirqisiisuun gara mana dhiheenyatti argamuutti geessaniin.
''Manicha keessatti nama biraatu ture. Innis uffatasaa jalaa baafate. Fiiguufan yaale. Garuu loltoota keessaa inni tokko baayyee waan na rukuteef lafan dhahe. Yoon socho'e ykn iyyee akka na ajjeessan natti himan,'' jetti bilbila keessa bohaa wayita dubbateetti.
"Isa malees sadan hafanis dabareedhaan na gudeedan. Achiin booda konkolaataa isaanii keessa na kaa'uun gara galgalaa daandii qarqaratti na darbatan,'' jette.
Erga yeroo muraasaaf caliifteen boodas, Ibtisaam maal akka itti dhagahame yoo ibsiitu, ''baayyeen qaama'ee gadde'' jette.
''Ofiikoos ajjeessuu barbaadeen ture. Garuu nan jabaadhe. Gara manaatti deebii'een waan na mudate omaattuu hin himne.''
Waajjiirri Mirga Namoomaa UN Sudaan keessaa jalqaba Adooleessaa irratti, gocha miidhaa saal-quunnamtii 21 dubartoota fi shamarran 57 irra qaqabuu gabaasni isa qaqabu himeera.
Dursaan mirga namoomaa dhaabbata UN Voolkar Tuurk himannaawwan waajjirasaaniitti dhiyaatan hunda keessatti ''RSF itti gaafatamoo'' ta'utu himamee jedhan.
Gareewwan mirga namoomaa UN fi biyya keessaa lakkoofsi kunis yakka raawwataman keessaa isa xiqqaa ta'uu himu.
Rogeettiin mirga namoomaa Sudaan Ahlaam Naasar gochaan gudeeddii kun ''ta'e jedhame'' ummata dararuudhaaf akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamu akka ammantu himti.
''Kana duras gudeeddiin Daarfur keessatti kan itti fayydamame yoo ta'u, waraana tibbanaatiinis Kaartum keessatti keessattuu humnoota RSFn itti fayadaman,'' jetti.
Amma rogeettiin kun biyyaa baqattee jirti. Mataan ishee dubartoota Kaartuum keessatti argaman irraa seenaa sukkaneessaa ta'an dhagahu dubbatti.
''Taateewwan muraasa keessatti ammoo, haadholiin ijoollee isaanii fulduratti gudeedaman,'' jetti Naasar.
Humnooti RSF garuu miidhaa kana duuba loltoonni isaanii jiraachuu ni haalu.
Waraabbii sagalee BBC'f ergameen, dubbi-himaan RSF Mohaammad al- Mukhtaar loltoonni isaanii ''ulaagaa naamusa waraanaa isa olaanaaf kan aboomanidha'' jedhan.
''Erga injifannoowwan waraanaa nuti galmeessineen booda maqaa gaarii loltoota keenyaa balleessuuf duula ta'e jedhee gaggeeffamudha'' jedhan.
Dubartii humnootiin RSF miidhaan irraan qaqqabsiisetti akka dubbannee wayita itti himamettis, Aab al-Mukhtaar, ajjeechaawwan hundaaf itti gaafatamtoonni miseensoota RSF akka ta'an fakkeessuu jedhan.
Waraanichi dubartoonni miidhaa saal-quunnamtiif saaxilaman akka deeggarsa gahaa hin arganne taasiseera.
Hospitaalonni baayyeenis hojii kan dhaaban yoo ta'u, kanneen jiran muraasa bira gahuu baayyee rakkiisaadha.
Dubartoonni BBCn dubbise kunneen lamaan, Kooltom fi Ibtisaam miidhaa bara jireenyaasaanii isaan waliin turu irra gahuu dubbatan.
''Waan narra qaqqabe yoomuu hin dagadhu. Godaanisi qaanii akkuma gaaddidduukoo yoomuu na hordofa,'' jette Koltoom.