Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp Jeneraala Waraanaa Olaanaaa Ameerikaa hojiirraa ari'e
Prezidaant Doonaald Tiraamp qondaala biyyattii keessatti sadarkaa olaanaarra jiru CQ Biraawuun hojiirraa ari'aniiru.
Braawuun dura taa'aa ajajoota waliigalaa humna waraanaa ture.
Tiraamp hoggansa waraanaa olaanaa jijjiiraa jira.
"Jeneraal Chaarlis 'CQ' Biraawuun dura taa'aa ajajoota waliigalaa humna waraanaa dabalatee waggoota 40 oliif biyya keenyaaf tajaajila kenneera, kanaaf galateeffachuu barbaada." Jechuun Tiraamp miidiyaa hawaasaa irratti maxxansaniiru.
Qondaaltonni olaanoo biroo shan namoota biraan bakka buufamaa akka jiran dubbateera.
Gen Biraawuun qondaala gurraacha lammaffaa kan seenaa Ameerikaa keessatti aangoo kana qabatan. Hojiinsaa pirezidaantichaa fi Ministira Ittisaa Nageenya Biyyaalessaa gorsuu ture.
Ministirri Raayyaa Ittisaa Piit Hegseet kanaan dura sababa Gen Braawuun waraana keessatti walqixxummaa fi sagantaa hammatamuu irratti xiyyeeffannoo kennuuf hojii irraa ari'amuu qaba jedhan.
Jimaata darbe ammoo Hegseet qondaaltota olaanoo dabalataa lama: Hogganaa Opireeshinii Galaanaa ADM Lisa Franchetti fi itti aanaa hogganaa olaanaa humna qilleensaa Gen Jim Slife hojiirra ari'uu ibse.
Adm Franchetti dubartii jalqabaa humna galaanaa hooggante.
Qondaaltonni olaanoo sadan Jimaata hojiirra ari'aman pirezidaantii duraanii Joo Baayiden muudaman.
Hegseet ibsa kennaniin akkas jedheera: "Pireezidantii Tiraamp jalatti, hoggansa haaraa waraana keenya ergama ijoo waraana ofirraa ittisuu, loluu fi mo'achuu irratti xiyyeeffatu kaa'aa jirra."
Tiraamp, Lt Gen humna qilleensaa Daan Keeyin kan balaliisaa xiyyaara waraanaa F-16 ta'ee fi dhiheenya kana CIA keessatti daayreektarri itti aanaa dhimma waraanaa ta'uun tajaajilan - dura taa'aa haaraa ajajoota waliigalaa humna waraanaa ta'uun muudamaniiru.
Gen Braawuun Jimaata darbe sa'aatii lama osoo Tiraamp ajaja ari'amuusaa hin labsin dura daangaa kibba Ameerikaa irratti loltoota daawwachaa ture.
Gen Braawuun bara 2020 du'a Joorji Filooyid hordofee waa'ee sanyiirraa dubbachuun ijoo dubbii ture.
Isa dabalatee namoota gurraacha murrasa kutaa isaanii keessa hojjetan irratti dhiibbaa gahuu fi yeroo baay'ee gaafiin sadarkasaa irraatti ka'uu ergaa viidiyoo humna qilleensaaf maxxansee.
Bara 2022, yeroo hogganaa humna qilleensaa ture, Gen Braawuun yaadannoo galmoota adda addaa kaa'uun iyyata qondaaltoota sanyii xixiqqaarra dhufan guddisee kan kaadhimamtoota warra adii gadi buusuu, The Air Force Times gabaase.
Kooliin Powell dura taa'aa gurraacha jalqabaa Hoggantoota Waliinii yoo ta'u, bara 1989-93tti tajaajilaa ture.
Ji'a darbe keessa yeroo aagootti deebi'uu gochii Tiraamp inni jalqabaa dubartii jalqabaa Ajajaa Eegdota Galaanaa hojiirraa ari'uu ture. Sababni inni kaasee garaagarummaa irratti ''xiyyeeffannoo garmalee'' kennan jedheera.
Peentaagoon torban dhufu baajata isaa kutuuf hojjettoota 5,400 akka gadhiisu Jimaata darbe beeksiseera.
Gama biraatiin ammoo manni murtii federaalaa Meeriilaanditti yeroodhaaf Tiraamp uggura sagantaalee adda addaa, walqixxummaa fi hammatamuu akka hin hojiirra oolchuu hin dandeenye uggure .