Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Faayi birrii mil. 90 ol baasu akkamiin garaa namicha hatee liqimse keessaa baafame?
"Waan garaa koo keessa jiruuf himatamuuf jedhaa?" jedhee namoota gaafataa ture jedhan namichi faaya liqimsee ture.
Taateen kuni Ameerikaatti mudate. Kan kana bira gahemmoo poolisii Filooridaadha.
Faayi gurraa daayimandii ta'eefi inni liqimse kuni gatiinsaa doolaara 769,500 ol [birrii mil. 90 ol ] baasa.
Baay'ee qaaliidha. Erga inni torban lama dura hatee liqimseetii keessaa baasuuf qormaata ture. Boodarra garuu poolisiin irra gaheera.
Namichi umuriinsaa ganna 32 ta'e, Jaayitaan Gildar jedhamu, hojjattoota dhaabbata 'Tiffany & Co' kan mana daldalaa Filooriidaa keessatti argamuu jalaa lootii gurraa hatee liqimse.
Polisiinis dhimma kanaan isa shakkee Guraandhala 26 to'annoo jala oolche.
Namichi faaya liqimse kunis utuu umtuu garaa isaa keessatti hin argamin guyyoota 10 oliif hospitaala Orlaandoo keessatti qorattootaan hordofamaa ture jedha ibsi Poolisii kun.
Boodarra qorannoon raajii garaa nama kanaa keessatti wanta calaqqisu fakkaatu mul'ise.
Poolisiin akka himatetti namtichi kun taphataa kubbaa miilaa fi dureessa of fakkeessuun hojjattoonni dhabbatichaa kutaa VIP tti faaya gati jabeessa ta'e akka isa agarsiisan gaafate.
Sana boodas lootii gurraa liqimse kanaa fi qubeelaa yeroo fiigu harkaa bu'e biraa hatuudhaan mana daldalaa sana keessaa fiigee bahe.
Guyyaa sana gara boodaa keessa qondaaltonni poolisii yeroo isa to'ataniitti, Obbo Gildar ''wantoota hedduu lootiiwwan gurraa hatame ta'uusaanii amanaman liqimsaa ture'' jedhe poolisiin.
Obbo Gildar lootii gurraa lama kan gatiinsaanii gara doolaara 769,500 baasuu, akkasumas qubeellaa daayimandii doolaara kuma 587 baasu kan yeroo suuqii keessaa baqatutti harkaa kufee jedhame hatuuf yaaleera jedhame himatni itti baname.
Mana hidhaa keessa tursifamettillee "Waan garaa koo keessa jiruun himatamuu nan danda'aa ?" jedhee namoota gaggaafachaa akka ture bira ga'ameera.
Ragaa mana yaalaan deeggarameen faayi kun garaa namicha kanaa keessatti akka mul'atan poolisiin tibbana ifoomsee ture.
Kutaan poolisii Orlaandoo akka jedhetti, namichi kun gara hospitaala naannoo sanaa geeffamuun gara torban lamaaf hordofamaa tureera.
Amma meeshaaleen faayaa garaa namichaa keessaa baafaman kunneen dhaabbata 'Tiffany & Co' jalaa hatame kanaaf deebi'eera.
Yeroo faayi daayimandii gara mana Tiffany's deebifaman, ogeessi faaya mana daldalaa sanaa lakkoofsi tartiiba faaya kana irratti argamu isa hatame waliin akka walsimu mirkaneesseera jedhe Poolisiin.
Gildar yeroo ammaa mana hidhaa kutaa bulchiinsa Oreenji jedhamu keessatti hidhamee jira.
Akkasumas poolisiin Obbo Gildar kanaan dura bara 2022tti suuqii Teeksaasitti argamu, 'Tiffany & Co', irraa hataa ture jedheera.
Kana malees, nama kana to'achuudhaaf ajajni garaa garaa 48 naannoo Koloraadotti bahee jira.