Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Hidhi [Haaromsaa] Itoophiyaan ijaarte rakkoo guddaa Masiriitti uumaa jira - Tiraamp
Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp Hidhi Haaromsaa Itoophiyaan ijaarte Masirii irratti rakkoo guddaa uumaa akka jiru dubbate.
Tiraamp kana kan dubbate wal-gahii biyyoota badhaadhanii G-7 Faransaayitti gaggeeffame irratti hirmaachuun pirezidaantii Masirii Abdul Fattaa Al Siisii waliin wal-arguun yeroo mariyataniittidha.
Wal-gahii biyyoota G-7 cinaatti Tiraamp fi Pirezidaant Al Siisiin ibsa waloon miidiyaaf kennaniin, Tiraamp hidha guddicha Itoophiyaan ijaarte qeequun Masiriin miidhamaa akka jirtutti dubbate.
Dhimma Hidha Abbaay Itoophiyaan ijaarte dabalatee dhimmoota akka daldalaafi kaan irratti Al Siisii waliin mariyachuuf akka jedhan kan ibse Tiraamp, hidha Itoophiyaan ijaarte ilaalchisee "Masiriin miidhamteetti" jedhe Tiraamp.
"Waliin hojjataa jirra. Pirojektii hidha [Abbaayaa] irrattis isa [Al Siisii] gargaaraa jirra. Akka natti fakkaatutti akka hin malletti qoollifatamtaniittu.
Masirii waliin biizinasii baay'ee hojjanna. Waa'ee bizinasiifi waa'ee Naayil ni mariyanna," jechuun hidhi Itoophyaan ijaarte bishaan Naayil akka gogu godhaa jiraachuu ibse.
"[Lagi] Naayiil duwwaa ta'aa jira. Tokko kanarratti mariyachuuf as jirra. Hidhi Itoophiyaa keessatti ijaarame Masirii irratti rakkoo guddaa uumaa jira. Kana quban qaba," jechuun "waliigalteerra akka gahamu ni ni goona" jechuun afaan guutee dubbate.
Tiraamp waa'ee hidha Abbaayaa Itoophiyaan ijaartee wantoota falmisiisoo ta'an dubbachuunsaa kun kan jalqabaa miti.
Kana duras "Masiriin hidha Abbaay ni mancaasti" jechuurraa hidhi "maallaqa UStiin ijaarame" jechuutti yaada "Masiriif loogu" kennaa ture.
Mootummaan Itoophiyaa garuu hidhi Abbayaaa humna biyya keessaa qofaan ijaaramuu ibsuun dubbiin Traamp dhara ta'uu beeksiftee ture.
Amajjii darbe ammoo Doonaald Tiraamp xalayaa Masiriifi Sudaanif ergeen dhimma hidha Abbaayaarratti "Itoophiyaafi Masirii araarsuu" akka barbaadu ibsee ture.
Tiraamp har'as Faransayi irraa pirezidaantii Masirii Al Siisii waliin ta'uun ibsa miidiyaalef kennaniin, Itoophiyaan hidha ijaarteen Masirii qoolliffachuufi kanarraa kan ka'e miidhaan cimaan Masirii irra gahaa jiraachuu dubbate.
Itoophiyaan garuu hidhi ijaarte biyyoota yaa'a gadii, keessumaa Masiriifi Sudaan kan kan hin miinefi hangi bishaan gadi lakkifamuus kan kana duraa irraa akka hin hir'anne irra deddeebiin ibsiti.