Namichi ashaangullitii of-fakkeessee hatuuf ture qabame

Maxxanfame

Dargaggoon ganna 22 Polaand magaalaa Waarsoowitti hanna raawwachuuf jecha foddaa suuqii faayaa keessa ashaangullitii of fakkeessee dhaabbachaa ture himatame.

Namni poolisiin maqaa isaa hinwaamne kuni manni daldalaa erga cufamee booda, foddaa dukkaana faayaa keessa korojoo baatee mataama ol qabatee dhaabbatee suuraa kaafame.

Foddaa abbaa daawwitii keessa dhaabbachuu dura, kutaa garagaraa keessa galee ''barbaadaa,'' ture jedhe poolisiin.

Namni kuni gamoo gara biraa irraa miyoota hatuun himatameera. Hannaafi saamichaanis kan himatame yoo tahu hidhaa waggaa 10'n adabamuu mala.

Hojjettoonni dukkaana sanaa ijaa namni kuni ashaangulliitiiwwan baayyee biroo waliin wal-fakkaatee dhaabbatee tureef waan addaa akka adeemaa ture hubachuu hin dandeenye jedhe poolisiin.

Hamma sa'aatiin suuqiin cufamutti dhaabbachaa turee, ''yeroo nagaadha,'' jedhee yaaduttii kutaa garagaraa seenee faayaa fudhachuu jalqabe jedhe poolisiin.

Dhumarratti hojjettoonni eegumsaa isa arganiiti to'atamuu danda'e.

Namni kuni mudannnoowwan biroo lamaanis himatameera. Mana nyaataa tokko keessatti sa'atii dabarsee nyaata ajajachuun hamma cufamutti eege.

Akka Poolisiin jedhutti, dukkaana uffataa gamoo achuma jiru keessa seenuun ''wayyaa uffate baasee haaraa keewwachuun, nyaata biraa ajajachuf gara mana nyaatichaatti deebi'eera.''

Namni kuni kaameeraa CCTV'n qabamuu kan hime poolisiin, taatee sadaffaa biraanis, gamoowwan keessatti saanduuqa qarshii keessaa maallaqa fudhataa akka tureefi meeshaalee biroos akka saamu himeera.

Poolisiin dhumarratti shakkamaan kuni yeroo qabamu suuraa agarsiisu gadhiise.

Kana booda ji'oota sadiif gaddisa seeraa jala tura jedhan abbootiin alangaa Waarsoo.