Namni yakka ajjeechaan itti murtaa'e hidhaan waggaa 28 booda bilisaan gadhiifame

Maxxanfame

Namni Ameerikaa kun yakka ajjeechaa ittiin himatame osoo haaluu waggaa 28 mana hidhatatti dabarseera. Waggaa haga kana booda garuu bilisa jedhameera.

Manni Murtii Misuurii yakka ajjeechaa ittiin himatamerraa bilisa ta'uusaa ibseera.

Abbaan seeraa Deeviid Maason bilisa erga jedheenii booda namni umrii waggaa 50 Lamaar Joonsan walabummaadhaan mana murtii keessaa ba'e.

Abbaan seeraa kun akka jedhutti, murtee kanarra kan ga'an erga ragaaleen lama namni kun ''yakka ittiin himatamerraa bilisa ta'uu'' ragaa ba'anii booda.

Lamaar Joonsan bara 1994 nama Marcus Boyd jedhamu ajjeesuun himatamee hidhaan itti murtaa'e.

Aab Joonsan wayita bilis ajedhamuun mana murtii keessaa gadi ba'u gammachuun fuula isaarraa beekama, deeggartoonni isaa gammachuun simatan.

''Kun gammachuu addaati,'' jedhe erga mana murtii keessaa gadi ba'ee booda.

Bara darbe Abbaan Alangaa Kiim Gaardinar erga dhaabbata seeraa mit-mootummaa ta'e Innocence Project jedhamu waliin qorannoo gaggeessaniin booda, Obbo Joonsan akka gadhiifamaniif gaafachuun iyyata galfatanii turan.

Dhaddacha Kibxata kaleessaa (Guraandhala 14, 2023) hordofuunis, gareen seeraa Obbo Joonsan waajjira Abbaa Alangaa mootummaa, Joonsaniin waggootaaf mana hidhaa keessa akka ture taasise qeeqan.

Waajirichii ‘‘gonkumaa Obbo Laamaar Joonsan balleessaa qabaachuu saa kan hin dhaabneefi akka inni mana hidhaa keessatti dararamuufi du’uf barbaadu’’ jedhan ibsa abookaatoowwan Obbo Joonsan baasaniin.

Dubbii himaan Abbaa Alangaa Waliigalaa mootummaa akka imeeliin jedhaniitti, waajjirrisaanii kana booda tarkaanfii kamuu hin fudhatu.

‘‘Waajirri keenya olaantummaa seeraa ittisuu waan ta’eef murtee gareen seeraa Obbo Joonsan ragaa qabatamaa irratti hundaa’un mana murtiitti dhiyeessan ni fudhata’’ jedhan ibsichaan.

Marcus Boyd Onkolooleessa 1994 keessaa namoota fuulasaanii dhoksan lamaan itti dhukaafamun karra Obbo Joonsan fulduratti ajjeefame.

Obbo Joonsan irra dedeebiin wayita ajjeechaan sun mana akka hin turre himaa ture.

Abbaan Seeraa Maason murteesaanii kana kan dabarsan erga namni tokko Obbo Joonsan yakka ittiin himatamerraa bilisa ta'uu ragaa ba'ee fi namni mana hidhaa jiru tokko nama biraa waliin ta'uun Boyd ajjeesuu dhugaa ba'ee booda.