Daa'imni waggaa 9 hambaa waggaa miliyeena 3 olii argatte

Maxxanfame

Bara haaraa faranjootaa torbee darbe kabajame irratti daa'imni waggaa 9 lammii Ameerikaaa Moolii Saamsan jedhamtu maatii ishee gaafachuuf gara Meerilaand imaltee turte.

Yeroo hedduu qarqara gaalaanaa deemun hambaalee garaa garaa barbaaduu jaalatti. Guyyaa tokko hambaa bara durii akka argattu haadha isheettis ni himti.

Akkuma jette abjuun ishee milkaa'ef.

Gaafa sana galaana Kaalvart cinaa bishaan keessaa ilkaan qurxummii isheen argatte kan gosa qurxummii guddicha shaark jedhamuuti.

Gosti qurxummii guddichi kun Otodas jedhama; sanyiin isaas erga badee waggaa miliyeena 3.5 guuteera.

Gosti qurxummii Moolii Saamsan hambaa ilkaan isaa argattee kun lafarraa meetira 20 ol guddata jedhama.

Gosa bineensota bishaan keessa jiraatan keessaa guddinaan kan ittiin gitu hin jirus jedhama.

Ilkaan qurxummii Mooliin bishaan keessaa argatte kun seentimeetira 12.5 dheerata.

Haati Moolii waan intalli ishee argatte kana karaa fuula miidiyaa hawaasummaa isheen beeksifte.

Haati Moolii akka jettetti, Moolifi obboleettin ishee Naataalin gara qarqara galaanaa kan deeman hambaa durii ni arganna jedhanii akka ta'eedha.

Kanaaf ammoo kan isaan gargaaru uffannaa ogeeyyin hambaa seenaa qotanii baasan uffatan godhatanii manaa bahuu dubbatti haati ijoollee kanaa Aliichiyaan.

"Mucaan koo qarqara galaanaa erga geessee booda bishaan keessa gadi lixxee waanuma ajaa'ibaa kan fakkaatu fuutee bishaan keessaa ol baate," jechuun CBS'tti himte.

Ergasii booda hambaa ilkaan qurxummii bara durii isheen argatte fuudhanii Muuziyeemii Galaana Kaalvartitti geessun qorattoonni qurxummii, hambaan Moolin argatte ilkaan qurxummii waggaa miiliyeena 3 lakkoofsise ta'uu mirkanaa'e.