'Puutin misaa'elaanin si haleela naan jedhee ture' -Booris Joonsan

Booris Joonsanfi Zeleniskii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Waraanni Yukireen osoo hin eegalin dura Puutin misaa'elanin si haleela jedhee akka isa sodaachise Booris Joonsan dubbate.

Osoo waraanichi hin eegalin dura gaggeessitonni biyyoota garaa garaa Puutinitti bilbiluun Yukireen akka hin weerarreef gaafata turan.

Yeroo sana Ministeera Muummee UK kan ture Booris Joonsanis Raashiyaan Yukireen akka hin weerarreef Puutinitti bilbile. Haa ta'u garuu "waan kana dura hin baramne" akka isa mudate dubbata Booris.

"Daqiiqaa tokko qofa [natti] fudhata," jechuun Puutin akka deebiseef dubbata.

Booris Joonsan akka jedhetti Puutin misaa'elaan kan isa sodaachise Raashiyaan waraana yoo eegalte baay'ee hamaa akka ta'u Booris Puutinitti himuu hordofeeti.

Waa'en haasaa isaanii akkasumas deebin Puutin gaggeessitota biyyoota garaa garaaf deebise dookumentarii BBC Amajjii 30, 2023 tamsa'u keessatti ibsameera.

Puutin yoo Yukireen weerare qoqqobbiin biyyoota lixaa akka irra kaa'amuufi loltoonni NATO danuun daangaa Raashiiyaarra akka qubsiifaman itti himuu dubbata Booris.

Akkasumas, Yukireen "yeroo dhiyootti miseensa NATO hin taatu" jechuun Puutin akka weerara hin gaggeessineef yaada jijjiirrachiisuf yaalee ture."

Booris Joonsan Puutin maal jedhee akka sodaachise akkana jechuun ibse: "Haasaa keessa iddoo tokkotti na sodaachise, "Booris, si miidhuu hin barbadu, garuu misaa'elaan daqiiqaa tokko qofa ykn waanuma akkasii fudhata."

Yeroo kaan yeroo bilbilaan haasa'an Puutin nama "amala gaarii agarsiisu" ture jechuun ibse.

Haata'u garuu sodaachisni Puutin kun dhugaa ta'uu waanti beekame hin jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Booris Joonsaniifi Puutin kara bilbilaa erga haasa'anii guyya sagal booda aafa Guraandhala 11 Minisitirri Ittisaa UK Been Waalas gita isaa Sargee Shooguu arguuf gara Mooskoo imalee ture.

Dookumentarii BBC PutinVs Western jedhu akka ifa godhuti, Ministirri Ittisaa UK Been Waalas Mooskodhaa gaafa deebi'u Raashiyaan Yukireen akka hin weerarri iti himameeti. Garuu garri lachuu dubbiin soba akka ta'e ni beeku.

Dubichi akka "humna agarsiisuu ykn humna agarsiisudha: si sobaan jira, akkan sobaa jiru atis beekta anis beeka, akkan sobaa jiru akka ati beektu nan beeka, ammas ittuma fufeen si soba akka jechuut.

"Akka natti fakkatutti 'humnan qaba' jechuudha," jedhuun Raashiyan Yukireen akka weerartu akka beeku dubbate Been Waalas.

Been Waalas akka jedhetti, walgahii [Mooskotti] godhatan irraa akkuma baheen gaggeessan walii galaa humna waraana Raashiyaa Janaraal Valeerii Geraasimov "kana booda tasumaa hin tuffatamnu" jedhee itti hime.

Torbee lama booda gaafa Waxabajjii 24, 2022 Raashiyaan gaafa Yukireen weerartu halkan walakkaa Volodmir Zeleniskiin halkan walakka akka bilbileef dubbata Booris Joonsan.

"Zeleniskiin baay'ee tasgabbaa'aa ture. Karaa hundaan haleellaa nurratti bananan naan jedhe,"jedhe.

Sana booda Booris Joonsan pirezidantii Yukireen Volodmiir Zeleniskiibakka nageenyi isaa eegamu geessuu akka danda'u waadaa galeef Booris Joonsan.

"Affeerraa koo hin fudhanne. Gootummaadhan iddoo isaatii osoo hin socho'in achuma ture," jechuun ibse Ministeerro Muummee UK duraanii Booris Joonsan.