'Raashiyaan Olimpikiirraa dhowwamu qabdi'- Zeleniskii

Pirezedantii Yuukireen Volodmiir Zeleniskii

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Pirezidantiin Yuukireen Volodmiir Zeleniskiin biyyi Raashiyaan dorgommii Olompikii bara 2024'tti akka hirmaattuu eyyamuufiin ''shororkeessumaan ishee fudhatama qaba’’ jechuun walqixa jedhan.

Zeleniskiin dhimmicha Pirezidanti Faransaay Imaanu’eel Maakiroonitti himan.

Mooskoon Olimpikii hololaaf akka itti hin gargaaramne dhorkamuu qaba jedhan itti dabaluun.

Koreen Olimpikii Idil-Addunyaa(IOC) gama isaatiin atileetonni Beelaarus fi Raashiyaa Olimpikiirratti loogiiirra bilisa ta’anii dorgomuu qabu jedhe.

Haa ta’u malee, atileetonni Raashiyaa fi Beelaarus dorgommii Olimpikii Paarisirratti akka hirmaatan yoo eeyyamameef Yuukireen dorgommicha lagachuu akka dandeessuu beeksifte.

Yukireen, Raashiyaan sagantaa dorgommii ispoortii kamiyyuu weerara raawwattee ittiin hololuu akka itti hin gargaaramne dhorkamuu qabdi jedhani waamicha dhiyeessan.

Koreen Olimpikii Addunyaa torban kana keessaa atileetonnii Raashiyaa fi Beelaruus akka ‘’atileetota walabaatti’’ hirmaachuu danda’u jedheera.

Jaarmiyaan idil-addunyaa IOCA'n atileetonni kamiyyuu sababa paaspoortii isaaniif dhorkamuu hin qaban jedhe.

Zeleniskiin dorgommii Olimpikii kana kan bara 1936 wayita Naazii Jarmaniin aangoorra tureen wal madaalchisan.

‘’Dogoggorri guddaan Olimpikiirratti mudate tureera,’’ jedhan.

‘’Sochiin Olimpikiif  fi biyyoonni shororkeessitoonni daangaa walitti ce’uu hin qaban,’’ jechuun dubbatan.

Mootummaan UK atileetonni biyyasaaniif looguurraa bilisa ta’anii akka dorgoman karoorfamuu ‘’addunyaan qabatamaan kan mul’aturraa fagoo jirti’’ jechuun mormite.

Pirezidantiin Yuukireen Volodmiir Zeleniskiin qeeqa kana kan dhiyeessan wayita Raashiyaan naannoo Yuukireen Kersoon haleeluu itti fufte kanatti.

Raashiyaan naannoo Doneski keessattis Raashiyaan haleellaa hammeessuu Zeleniskiin himaniiru.

Itti dabaluun Zeleniskiin haleellaa kana falmachuuf meeshaalee waraanaa haaraatu humnoota Yuukireen barbaachisa jedhan.