'Nyaataafi bishaan dhabnee suuta suutaan du’aa jirra, maaloo nu gargaaraa’

Magaala Kheresan
Maxxanfame

Lammiileen Yuukireen erga guyyaa Kibxataa hidhi guddaan jiguun magaala bishaaniin guutee booda gargaarsa malee baaxii manaarratti argaman, ''nyaataafi bishaan malee suuta du'aa jirra'' jechuun akka baraarmaniif waamicha taasisan.

Yukireen keessatti erga hidhi guddichi Kakhovko jedhamu Wax. 6, 2023 cabfamuun bishaan magaala keessa garagaleen booda lubbuu namoota baraaruuf hojjatamaa jira.

Haata'u malee, namoonni dhibba hedduun lakkaa’aman ammalleen App Telegraam irratti akka lolaa cimaan Kehersan keessaa barbaaramaniif nuuf qaqabaa jechuun waamicha taasisaa jiru.

‘‘Maaloo na gargaaraa!’’ jechuun kan barreessite dubartiin maqaanshee Svitlaanaa jedhamu tokko, namoonni 35 ta’an gama Laga Dniproo kan Raashiyaan to’atametiin bakka tokkootti walitti qabamuu jiraachu himte.

"Hundi saanituu baaxii manaa dhiheenyatti argamurra jiru. Daa’imman iyyaafi bo’aatii jiru,’’ jechuu kadhannaa barreessite.

"Guyyaa sadiif nyaataa fi bishaan malee jirra. Suuta suutaan du’aa jirra. Maaloo, maaloo nuuf qaqabaa,’’ jetti.

Namoonni irra jiraan nuuf qaqabaa jechuun iyyaa jiran irra jiraan kanneen hidha gama, bakka to’annoo Raashiyaa jala jiran keessa jiraatan irraayi.

Maqaa namoota yoo xinnaatee 150 akka bakka buteensaanii hin baramne gabaafaman maxxansa biyya keessaa tokko irratti maxxanfamee agareerra.

Aliyoonaan akka maxxanseetti ammoo, ‘‘Maanguddoo akkoon bara 1939 dhalataniifi dubartiin miidhaa qaamaa qabdu kan bara 1958 dhalattee tokko deeggarsa atattamaa gaafataa jiru. Baraaramu barbaadu. Maaloo gargaaraa!’’

Qondaaltoonni Khersan keessaa baraaroonni tola oltootaa akka dhaabbatu gaafatan, erga magaalatiin haleellaa cimaan kaleessa irratti raawwateen booda.

Miidiyaalee hawaasaa irratti, Yukireen guutuu irraa namoonni hedduun kanneen baraaramaniif bakka turmaataa kennuuf tessoo isaanii kennaa turan.

Hidha jigfamee saataalaayitii irraa

Madda suuraa, PLANET LABS PBC/Reuters

Ofii sababii hidha jigee maal beekna?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sababii diigamuu hidha Kakhovka hanga ammaatti ifa hin turre, amma garuu attamiin akka itti barbadaa’eerratti ragaa haaraan argamaa jira.

Bukovinaa Romaaniyaa keessatti, kan Nova Kakhovka irraa km 620 fagaatee argamu jidduugalli Seismic akka gabaaseetti, guyyaa Kibxataa sa’aatii 2:45 irratti dhohinsi mudachu hime.

Dhaabanni kirkira lafaafi dhohiinsa nikulaaraa to’atu Norsar, the Norwegian Seismic Array akka jedheetti, yeroon jedhame kunis yeroo itti hidhichi jigeen walfakkaataadha jedheera.

Dabalataanis dhootuu baayyee cimaa ta’e qofaatuu fageenya gara maayilsii 400 irratti adda baafamu danda’a jedha gabaasaan BBC Dhimmoota Addunyaa, Pool Admaas.

Jalqabumaa kaasee Yukireen hidhicha kan haleele Raashiyaadha jechuun himatte.

Amma himannaa saanii kana kan ittiin cimsa raga argataniiru. Tajaajilli tika biyya keessaa Yukireen haasaa bilbilaa qondaaltoota Raashiyaa lama jidduutti Raashiyaan haleellaa hidha kanaa keessaa harka qabaachu dhagahu hime.

Mooskoon himannichaa haalte jirti. Dubbi himaan Kirmilii Dimitrii Peskov kun gochaa ‚‚dabaati‘‘ jechuun, itti yaadamee kan Kirimiin kann Raashiyaan bara 2014 of jala galchite irraa dhorkuuf kann raawwatamedha jedhan.