Magaalaan guddoo Yukireen misaayilootaafi dirooniin garmalee haleelamte

Magaalaa guddoo Yukireen Kiyiiv

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Magaalaa guddoo Yukireen Kiyiiv keessatti dhoyiinsi gurguddaan dhaga’amuufi akeektuun haleellaa misaayilaa dhaga’amaa turuu gabaasaleen agarsiisan.

Viidiyoon miidiyaa hawaasaarratti maxxanfame akka agarsiisutti farri misaayilaa Yukireen, misiyaalota Raashiyaa ta’uu hin oolle jedhame shakkamu wayita dhahanii kuffisan mul'ataniiru.

Mootummaan Yukireen misaayiloonni kunneen samii keessatti dhahamanii wayita kufan akka isaan hin miine namoonni foddaarra akka fagaatan akeekkachiisan.

Kantibaan magaalaa Kiyiiv Vitaali Kilitsiko akka himanitti, rookkeettiwwan muraasni iddootti bineensonni kunuunfaman dabalatee mandara walakkeessa magaalichaatti kufaniiru.

Misiyaalonni kunneen kufuu hordofee namoonni madaa’uu gabaasaleen agarsiisan jiru.

Qondaalli magaalaa Kiyiiv tokko gama isaatiin akka himetti, haleellaan walxaxaa misaayilotaafi dirooniwwanii ‘’rukkina addaa kan qabu.''

Serhiv Popkoo, hoggganaa bulchiinsa waraanaa magaalaa Kiyiiv yoo ta’u, haleellaa boombii kana’’ haleellaa misaayiloota yeroo gabaabaatti qaqqabe,’’ jechuun ibse.

Serhiv Popkoon akkas jedha:’’ Ragaan ammaaf qabuun maadheewwan diinaa irra caalaan daangaa qilleensaa Kiyiiv keessatti adda baafamuun barbadeeffamaniiru,’’ jedhan.

Guyyoota muraasa darban Pirezedantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskiin gara biyyoota Awurooppaatti imalarra kan turan yoo ta’u, imalasaanii kanaan Ministira Muummee UK Rishii Sunaak fi gitasaanii kan Firaans Imaanu’el Maakiroon dabalatee biyyoonni Lixaa meeshaalee waraanaa doolaara biliyoonattii lakkaa'amu baasan deeggaruuf waadaa seenan.

Raashiyaan Guraandhala 24, 2022 erga Yukireen weerartee as namoonni sivilii fi loltoonni kumaatamaan lakkaa’aman du’aniiru ykn mada’aaniru.

Magaalonni Yukireen sababii waraana kanaan kan manca’an yoo ta’u, lammiileen Yukireen miliyoona 8.2 ta’an baqataa ta’uun galmaa’anii gara biyyoota Awurooppaatti baqatan.

Namoonni miliyoona 2.8 ammoo gara Raashiyaatti baqatan.