Elon Mask waa'ee waraana Yukireen Puutin waliin dubbachuu isaa haale

Elon Mask

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Dureesichi addunyaa kanaa Elon Mask weerara Raashiyaan Yukireen irratti gaggeessaa jirtu dhaabsisuu irratti yaada Tiwiitara irratti dhiyeesse maxxansuu dursee Vilaadmiir Puutiin waliin haasa'eera gabaasa jedhu haaleera.

Hogganaan dhaabbata gorsaa balaa siyaasaa Eurasia Group Mr Ian Bremmer, Mask Pirezidant Puutin waliin thaasaa taasisuu isaa dhuunfaatti natti himeera jedhe.

Haata’u malee, Elon Mask ammoo kun dubbi dharaati jechuun waakkateera.

"Puutin waliin yeroo tokko qofa haasa'eera, kunis gara ji'oota 18 dura ture. Dhimmi yeroo sana waliin dubbannes waa’ee hawwaa ture" jechuun Mr Mask tiwiitara isaarratti barreesseera.

Hoji gaggeessaa warshaa konkolaataa beekamaa, Teslaa kan ta’e Elon Mask, turban darbe hordoftoota isaa Tiwiitaraa miiliyoona 107.7 ta’an akkaataa waraana Yukireen ittiin furmaata argachuu danda’urratti sagalee akka kennan gaafatee ture.

Yaadonni inni dhiyeessee keessaa kutaalee Yukireen Raashiyaan qabatte keessatti murtee ummataaf sagalee kennuu kan jedhu tokko ture Yaadni isaa kun Moskoo biratti simannaa guddaa argatteera.

“[Yukireen] jalatti buluun fedhii ummataa yoo ta'e Raashiyaan ni deemti,” jedhe dureessi addunyaa kun.

Rifaraandamiin falmisiisaa warri Lixaafi Yukireen soba jedhan gaggeeffame hordofee Pirezidant Puutin kutaaleen bulchiinsaa Yukireen afur qama biyya koo Raashiyaati jechuun labsanii ture.

Haata’u malee, Raashiyaan kutaalee afran ofitti makachuu labsatte keessaa tokkollee guutummaatti hin to’anne.

Addunyaanis kutaa bulchiinsa  Kirimiiyaa jedhamtu Raashiyaan bara 2014 seeraan ala ofitti makatteef “seeraan” beekamtii akka kennuuf yaada dhiyeesseera Elon Mask.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Mr Bremmer barruu tokko irratti akka barreessetti, pirezidaantiin Raashiyaa Puutin, ''marii araraaf qophaa’a akka ta’e” garuu yoo Kiriimiyaan to'annoo Raashiyaa jalatti hafte, akkasumas Yukireen dhaabbataadhaan ejjennoo giddu galeessa ta'e yoo fudhatteefi, kutaawwan bulchiinsaa afran Luhansk Donetsk , Kherson fi Zaporizhzhia Raashiyaan fudhattee beekamtii kenitedha jechuun isatti himeera Elon Maask.

Abbaa qabeenyaafi hogganaa SpaceX kan ta’e Elon Mask, akka Mr Bremmer natti himeera jedhutti, Pirezidant Puutiin kaayyoowwan kunneen ''waan fedhes ta'u'' galma ga'u, Yukireen yoo Kiriimiyaa weerarte haleellaa niwukilaraa raawwachuu akka danda'u himaniiru.

Gabaasa kana hunda garuu Elon  Mask haaleera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministirri Dhimma Alaa Yukireen Dmytro Kuleba akka jedhanitti, namoonni Yukireen ummataafi lafa ishee harka kennachiisuuf “nagaa” maqaa jedhuun qabsoo godhamaa jiru xiqqeessuun yaada dhiyeessan 'Raashiyaan lammiilee Yukireen qulqulluu kumaatamaan lakkaa'aman akka ajjeestuufi gudeedanman, akkasumas akka lafa dabalataa qabattu gochuutu waan ta’eef qabu'' jedhan.

Dubbi himaan Raashiyaa Dimitry Peskov ammo yaada Mask kana simachuun akka jedhanitti: "Namni akka Elon Mask haala kana keessaa karaa nagaadhaan ba'uu barbaaduun isaa baayyee gaariidha."

Jalqaba waraana kanaa irratti dureessi kun Yukireen keessatti tarminaalota interneetii isaa Starlink hedduu gara biyyattiitti erga ergee booda jaalala bal'aa argatee ture.

Itti aansuunis pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zeleniskii akka daawwataniif affeeramaniiru.

Garuu tiwiitararratti  dhiheenya kana ergaa barreesseen hariiroon sun gara dhanga’aauutti deemeera; Pirezidanti Zeleniskiinis torban darbe yaada tiwiitaraa inni dhiyeesse harkatti dhahee ture.