Ameerikaan haleellaa 'hamaa' Raashiyaan Yukireen irratti fudhachaa jirtu balaaleffatte

Madda suuraa, Reuters
Raashiyaan misaa’eliin dabalatee haleellaa guutummaa magaalota Yukireen irratti raawwachaa jirtuuf balaaleffatamaa jirti.
Raashiyaan yeroo jalqabaatiif wiirtuu magaalaa guddoo Yukireen, Kiyeeviinis haleelteetti.
Ameerikaan haleellaan “hamaa” kun yunivarsiitiiwwaniifi oolmaa daa’immanii dabalatee bakkawwan xiyyeeffannaa loltummaa hin taane rukkute jechuun gargaarsa waraanaa taasisaafiif jirtu akka itti fuftu waadaa galte.
Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummaa Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez ''baayyee rifachuu'' dubbatan.
Vilaadmmiir Puutin haaloo haleellaa riqicha Raashiyaafi Kirmiyaa walqunnamsiisu Sambata raawwatmee ta'uu dubbate.
Yukireen miisaa'elooti 83 itti dhukaafamuufi isaan keeessaa 43 fashaleessuu himte.
Pirezidaantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii karaa waraabbii vidiiyootiin, ''Yukireen dorsiifamuu hin dandessuu. Caalaa tokkoomuu dandeessi malee.''
Haleellawwan ciccimooniiss magaaloota akka Lviv, Kharkiv, Dnipro fi Zaaporizhzhia bakkawwan Yukireen baatiiwwaniif waan cimaa keessa turteettidha.
Yoo xinnaate namoonni 14 ajjeeffamuufi hedduurra ammoo miidhaan qaqqabuu qondaaltoonni himaniiru.
Erga haleellaan miisaa'elaa bu'uuraalee misoomaa anniisaa rukuteen booda bulchiinsawwan hedduun anniisaafi bishaan malee afaniiru.
Jiraattoonni magaalaa Kiyiiv akka jedhanitti Raashiyaan bakka ijoolleen xabatan, yunivarsitiifi paartii beekamaa Taaraas dabalatee, bakkeewwan namoonni nagaa itti baayyatan irraatti xiyyeeffachuu himan.
Antooniyoo Gutireez haleellichaan ''taatee waraanicha cimsuu kan biraa kan hin fudhatamne'' jechuun ibsan. Haleellichaanis namoota nagaatuu gatii olaanaa baasaa jiras jedhan.
Gamtaan Awurooppaa ammoo yakki waraanaa raawwatameera yoo jedhu, pirezidantiin Komishinii Awurooppaa, Ursula von der Leyen ammoo Raashiyaan shororkaafi gara jabiinaan dhaabbattee jedhaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan hoggantoota addunyaa hedduu Zelenskii waliin haasa'an keessaa tokko yoo ta'an, isaanis ''sirnoota ittisa qilleensaa ammayyaa'oo dabalatee akka ittiin of ittistuuf deeggarsa barbaachisu Yukireeniif gochuu itti fufuuf waadaa seenuu'' Waayit Hawuus hime.
Baayidan haleellichi ''gara jabina dubbii waraanaa seeraan alaa'' Puutiin kan agarsiiseedha jedhan.
Chaayinaafi Indiyaan kan duraan waraanicha hin mormiin amma waraanichi akka qabannaa'uuf gaafatan.












