‘Raashiyaan boombii niwukilaraatiin Yuukireen haleeluuf ka’uu waanti akeeku hin jiru’

Madda suuraa, EPA
Raashiyaan waraana Yuukireenitti, banterratti boombii niwukilaraa gargaaramuuf ka’uu waanti akeeku hin jiru jedhan Hogganaan Ejensii Basaasaa, Nageenyaa fi saayibarii Ingilizii (GCHQ).
Jeramii Fileemingi qondaaltoonni Ameerikaa fi biyyoota Lixaa tibbana akkuma ibsanitti, Raashiyaan boombii niwukilaraa gargaaramuuf ka’uu ammatti waanti akeeku hin jiru.
Fileemingi, waa’ee boombii niwukilaaraa gargaamuu haasa’uun ‘’waan hamtuudha,’’ jedhan.
‘’Raashiyaan boombii niwukilaaraa gargaaramuuf yoo karoorsite '’akeektuuwwan jiran’’ Ejensiin basaasaa, nageenyaa fi saayibarii Ingilizii ni arga jedhan Fileemingi.
‘’Waa’een boombii niwukilaaraa garmalee hamaadha, waa’ee isaa yeroo haasofnu of eeggachuu qabna,’’ jedhan.
‘’Puutin balaa waraanichi hammaachu qabutti yaadda’uusaa shakkii hin qabu’’ jedhan.
Itti dabaluun Aab Puutin waraanicha boombii niwukilaaraatiin hammeessuurra hin geenye jedhan.
Hogganaan Ejensii basaasaa, nageenyaa fi saayibarii Ingilizii kan kan himan Kibxata Yuukireen humnoota Raashiyaa ‘’dadhaban deebistee haleelaa jiraachuu wayita dubbachuu jiranittidha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Fileemingi murteen Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin murteessan sirrii akka hin taane mirkaneessa jechuuf jiru.
Fileemingi haasaa waggaa dhimma nageenyaa ‘Royal United Services Institute’ jedhamurratti dhageessiisuuf jiraniirratti ‘’ajajoonni Raashiyaa fi nutis beekna, dhiyeessiin meeshaalee waraanaa isaanii dhumaa jiraachuu quba qabna,’’ jedhan.
Siir Fileeming sagantaa raadiyoorratti akka himanitti, waraana Raashiyaa hanqinni meeshaalee waraanaa mudachaa jira.
Taatullee haleellaan misaayilaa Wixata darbe kana kutaalee Yuukireen irratti qiyyaafate Raashiyaan ammayyuu ''balaa qaqqabsiisuu akka dandeessuu agarsiisa'' jedhan Fileeming.
Itti dabaluun Fileeming meeshaaleen waraanaa Raashiyaa ammayyuu boombii tufuu ittuma fufu,'' jedhan.
Daarektarrii Ejensii basaasaa, nageenyaa fi saayibarii Ingilizii gatii Raashiyaa waraana Yuukireenirratti baaste himuuf jiru- Lubbuu namaa darbee fi meeshaalee mancha'ee kaasuuf jiru.
Siir Fileeming akka himanitti uummannii Raashiyaa balaaPuutin waraana filachuu isaa hordofee dhalate amma hubachuu jalqabaniiru jedhan.
Fileeming akkas jedhan:''uummanni Raashiyaa akka Puutin haalota akkaata sirrii hin taaneen hubatan amma argaa jiru,'' jedhan.












