Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Magaalaan Finfinnee fi naannoleen uummata Amaaraa fi Raayyaa Ittisaa cinaa hiriirra jedhan
Naannoleen adda addaa Itoophiyaa keessaa nageenyi naannoo Amaaraa keessaa boora’uu ilaalchisee ibsa kennaniin mootummaa naanichaafi Raayyaa Ittisa Biyyaa cina dhaabbachuu isaanii himan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibsa kenneen, deeggarsa mootummaa naannoo Amaaraa fi uummata naannichaaf qabu ibsuun, ''maqa balleessii Rayyaa Ittisa Biyyaa irratti baname ni balaaleffanna,'' jedhe.
''Raayyaa Ittisaa tuquu jechuun birmadummaa biyyaa tuquudha,'' kan jedhe Mootummaan Naannoo Oromiyaa, naannoo Amaaraatti humni finxaaleyyii 'Jawwisaan' gaaffii ummataa naannichaa fakkeessuun hidhannoodhaan Raayyaa Ittisaarratti haleellaa raawwachuun naannicha dirree waraanaa taasisuuf socho’aa jira jedhe.
Tajaajilli Tikaa fi Nageenya Odeeffannoo federaalaa, naannoo Amaaraa koomandi Postii afuritti qooduun hojii oppireeshinii gaggeessuu jalqabuu ibseera.
Ibsi naannolee kunis yeroo labsii muddamaa mootummaan naannichatti hojiirra oolchuu jalqabetti dhagahame.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnees Naannoo Amaaraatti, boora’uu nageenyaan walqabatee ibsa laateen, ''gareen Hattoota'' gochaa seeraan alaa fi sirna mootummaa diiguu fi aangoo humnaan qabachuuf socho’u ''ummatarraan miidhaa bal’aa geessisaa jira,'' jedhe.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee fi jiraattonni magaalichaa akkuma kanaan duraa har’as mootummaa fi ummataa naannichaa cinaa dhaabachuun gochaa garee biyya digaa fi hannaa kana ni morma jedheera.
Gareen kun kaayyoo isaa raawwachiisuuf naannawaa walitti bu’iinsi hin jirretti baqataa fi buqqaatota sababa walitti bu’iinsaa fakkeessuun, fakkaattoota isaa magaalaa keessa galchuun magaala keessatti jibbiinsa, wal qoqqoodiinsaa fi hokkaraa tarkaanfachiisuuf osoo yaaluu to’atamaa jira jedhe.
Naannooleen Sabaa fi Sabalammoota Ummatoota Kibbaa, Beenishaangul Gumuz, Hararii fi Somaalee haala waktaawaa naannoo Amaaraa keessaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, duula jibbiinsaa Raayyaa Ittisa Biyyaarratti baname waloon balaaleffachuu qabna jedhan.
Humni afaan qawwee filatee socho’aa jiru rakkoo ummata naannichaa daran kan dabalu malee uummata naannoo Amaaraa kan bakka bu’u miti jedhan.
Humna naannoo Amaaraa keessa meeshaa waraanaa hidhachuun qaama nageenyaa mootummaan wal lolaa jirus ''Jaawusaa'' jechuun ibsan.
Naannicha keessa milishaa dabalatee qaamni Faannoo jechuun hidhatee mootummaa lolu socho'uu erga jalqabee ji'oota lakkoofsiseera.
Magaalota Baahirdaar fi Gondar dabalatee kutaalee naannoo Amaaraa garaagaraa keessatti walitti bu'iinsi hidhattootaa fi humnoota nageenyaa mootummaa gidduutti hammaachuu jiraattonni BBCtti himan.
Keessattuu Baahirdaar fi Gondar keessatti dhukaasi gurguddaan dhagahamaa jiraachuu himan jiraattonni.
Walitti bu'iinsi humnoota mootummaa fi garee hidhataa faannoo ofiin jedhu gidduutti kan hammaate, wayita mootummaan federaalaa naannoo Amaaraatti nageenya boora'e yeroo gabaabaa keessatti deebisuuf hojjechaa jiraachuu ibsetti.
Ajaji Waliigalaa Qajeelfama labsii yeroo muddamaa, dhuma torbee darbee labsame dursu, nageenya ''garee saamtotaa fi wanbadeen'' boora'e yeroo gabaabaa keessatti bakkatti deebisuuf tarkaanfii fudhachuu eegaluu ibseera.
Balaliin gara magaalota sadan Baahirdaar, Gondarii fi Laalibelaatti godhamus akkuma addaan citetti jira.
Televizhiniin mootummaa naannichaa akka gabaasetti humni nageenyaa guddaan naannoo buufata xiyyaaraa magaalaa Baahirdaaritti bobba’eera.
Walitti bu’insi Raayyaa Ittisa Biyyaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti mudate ji’ootaaf turuun dhiyeenya hammaachaa dhufe.
Mootummaan naannoo Amaaraas rakkoo nageenyaa isa mudate humna nageenyaa mootummaa idilee naannichaan tasgabbeessuuf ''humnakoon ol taheera,'' jechuun mootummaan federaalaa akka gidduu galuuf kan gaafate torban darbe ture.
Kana hordofee Manni Maree Ministeerotaa wal gahii ariifachiisaa taa’uun naannoo Amaaraatti Labsiin Yeroo Muddamaa akka labsamu murteesse.
Izziin waliigalaa labsicha hojiirra oolchuu fi itti waamani isaa ministira muummeef tahes hundaa’uun hojiitti kan galame guyyoota muraasa dura ture.