Balaa bidiruu Naayjeriyaatti mudateen namoonni 76 du’an

lolaa Naayjeeriyaa

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Bulchiinsa kibba-lixa Naayjeeriyaa, bulchinsa Anambiraatti bidiruu erga dhidhimee booda, yoo xiqqaate namoonni 76 du’uun isaanii himameera.

Bidiruun yoo xiqqaate namoota 80 fe’ee ture kun Jimaata bulchiinsa Anambiraa naannaa Ogbaaru keessatti dhidhime.

Namoota lubbuun isaani darbe keessaa hedduun isaani dubartootaa fi daa’imman yoo ta’an, isaanis balaa lolaan naannawa isaaniitti mudate baqachuun lafa nagaatti osoo imalaa jiranu jedhameera.

Pirezdant Muhaammadu Buhaarii balaa hamaa kanaan namoota maatii isaanii dhabaniif gadda isaaniitti dhagahame ibsaniiru. 

Dabalatanis sirna geejjiba bishaanii biyyattii guutuutti adeemsi eegumsaa akka irra deebiin ilaalamu ajajuun, qaamoleen lubbuu baraaran namoota ammallee achi buuteen isaanii hin baramne argachuuf waan hunda goochuu qabu jedhaniiru. 

Pirezdant Buhariin, “gara fulduraatti balaan akkanaa akka hin uumamneef geejjiba akkanaa irratti qajeelfama nageenya irra deebiin akka ilaalanif'' dhabbilee mootummaaf waamicha dhiyeessaniiru. 

Miidiyaan biyyatti akka gabaasetti, bidiruun kun utuu Ogbakubaatti hin dhidhimiin dura gara gabaa Nikwootti imalaa ture. Aangaa’onni tokko tokko bidiruun kun dhidhimuun dura sababa rakkoo inginiin riqichatti rukutamee akka ture himaniiru.

Eejansii To’annoo Balaa Biyyaleessaatti hogganaa dame kibba-lixa kan ta’e Tiikman Tanimuu, “bishaanni waan baayyee ol ka’ee jiruuf hojii lubbuu baraaruu fi barbaachuu gaariitti gaggeessuuf sodaachisaadha,” jechuun AFP’tti himaniiru.

Bulchaan Anambiraa Chaarlas Soluudo, gadda isaanii maatilee miidhamtootaaf ibsuun balaan kun jiraattootaa fi mootummaa akka rifaasiseeru himaniiru.

Balaan bidiruu Naayjeriyaa keessatti baramoo too ta’an, hedduun isaanii sababa garmalee fe’uu fi hojii nageenyaa badaa ta’een uumamuun himatamu.