Sababa hanqina boba’aan lammileen Naayjeeriyaa xiyyaara akka hin fayyadamne akeekkachiifaman

Madda suuraa, Getty Images
Abbaan taayitaa daandii qilleensa Naayjeeriyaa Jimaata irratti, sababa hanqina boba’aa xiyyaaraan imaltoonni xiyyaraan imaluu irraa akka of qusataniif akekkachiisan.
Dubbii himaan daanqii qilleensaa, Piroofesar Obiyoora Okonkiwoo, imaltoonni balaliiwwan haqaman akka jiraatan eeguu qabu jedhaniiru.
“Balaliiwwan karoorfaman haqamuu fi barfannaan hin barbaachisne buufataalee xiyyaaraa biyyattii guututti uumamuu dabalatee jeequmsa guddaan uumamuu mala,” jechuun Okonkiwoo ibsa baasan irratti ibsaniiru.
Abbaan taayitaa kun, erga Muddee 2021 as, gatiin boba’aa xiyyaaraa %400 dabaleera jedheera.
Hanqina boba’aan alatti, rakkoleen geejjiba qilleensaa qaqqabee jiru, Buufata Xiyyaaraa Murtaalaa Muhaammaditti daandiin xiyyarri irraa ka’u (runway) tokko cufameera, akkasumas xiyyaroota suphamuuf hojii dhaabaniif meeshalee bituuf doolarri US akka hin jirree Okonkiwaa ibsaniiru.
Daandilee qilleensaa 10 abbaa taayitaa kana jala jiran keessaa, lama balalii dhaabaniiru.
Abbaan taayitaa geejjiba qilleensaa biyyattii, daandii qilleensaa Dana Air sababa maallaqaa fi rakkoo balalii irra daddeebiin uumamuun cufeera.
Kontiraaktaroonni Aero ammo sababa baasii guddaa daandii qilleensaa hojjechiisuuf barbaachisuufi hanqina boba’aa xiyyaaraan yeroof tajaajila kennuu dhaabanii turani.















