Baqattoota Ertiraa biyya dhaqan hin qabne garuu buufata xiyyaaraatti eegataa jira

Maxxanfame

Baqattoonni kunneen dirree xiyyaara buufatanii eeggatu, garuu eessa akka deemanii fi maal akka eegan hin beekan. Guyyaadhaan dukkana keessa jiru.

Buufanni xiyyaaraa Sudaan Kibbaa- Paaloyich jedhamu kun baqattoota biyya ollaa taate Sudaan irraa garas imalan kumaatamaan lakkaa’amaniin dhuunfatameera.

Waraana Sudaan erga eegalee ji’a caaletu kanaan isaan ga’e. Manni fincaanii, bakki nyaata itti bilcheeffatan, bishaan dhugan, wanti nyaatan homaa hin jiru.

Baqattoonni korojoo harkaa qabatanitti hirkatanii taa’u, kaan ni ciisu- kanuma.

Sudaan irraa fageenya sa’aatii afurii imalanii as ga’an, asirraa yoomii fi eessa akka deeman ammoo hin beekan.

Ummanni kun baayyeen saanii kanneen waraana Ertiraa keessaa baqachuun Sudaan seenaniidha. Amma yeroo lammaffaaf muddama keessa seenan.

Waraannni Sudaan eegaluu dura baqattoonni Ertiraa 136,000 caalan Sudaan keessa turan turan ragaan Mootummaan Gamtooman (UN).

Baqattoota Ertiraa bakka deemanii wallaalanii buufata xiyyaaraa Sudaan Kibbaa jiran keessaa Tesfit Girmaay akkas jedha:

''Jireenya asitti nu simate dhala namaa dhiisii bineensaafiyyuu hin hawwitu. Tarii ani jireenya kana dandamachuu nan danda’a ta’a. Bakkee keessa rafuu, guyyaatti yoon argadhe al-tokko qofa nyaachuu, an nan dandamadha,’’ jechuun hedduun namoota kan hin dandamanne ta’uu ibse.

''Rakkoo hamaan ammoo, namoonni daa’imman qaban jiru. Daa’imman afur, shan qabatanii kan baqatanii dhufan nu keessa jiru,’’ jedhe.

Lammiileen biyyoota Keeniyaa, Yugaandaa, Somaaliyaa mootummaan saanii birmateefii biyyatti deebiifate, lammiileen Ertiraa 700 caalan garuu ugguramanii hafan, garam akka deeman- kallattiin harkaa bade.

Biyyatti deebi’uufis sodaatanii, fuuldurri isaaniinis dukkanaa’eera.

Aab Tasfish akka jedhutti, lammiileen Ertiraa akka gara magaalaa guddoo Sudaan kibbaa hin deemneef addatti qoodamanii xiyyaara irraa dhorkaman.

Mooraa baqattootaa beekamaa biyyattii seenuu ammoo isaantu dide.

Kallattii Kaabaan iddoon daangaa Sudaan irratti argamuu fi duraan namuu achi ga’ee hin beekne amma baqattootaan guutameera.

Dirreen huruufi Yuuniversitii Upper Nile jedhamuu, duraan namuu keessa hin qubanne, amma baqattoota 6,000 caalan qabateera.

Bosonni daandii haguugee ture ciramee mana baqattoota kumaatamaa ta’eera.

Baqattoonni Ertiraan biraan achiitti argamtu wayita yaada kana nuuf kennitu abbaan manaashee fi ijoolleeshee sadiif soorata barbaacha magaalaa deemee akka ture himte.

''Biyya koo keessa sababan jiraachuu hin dandeenyeef danuun qaba. Akka fedha kootti Waaqa koo galateeffachuuf mirga hin qabu. Biyya sana keessa jiraachuu hin danda’u,’’ jechuun Ertiraa, biyyasheerraa abdii kutachuu himte.

Dhiibbaa amantii fi dhiibbaa siyaasaa akkasumas rakkoo diinagdee dheessitee Sudaanitti kan baqatte lammiin Ertiraa maqaashee himuu hin feene kun, erga Kaartuum keessaas baqatanii gara magaalaa Sudaan Kibbaa deemuun qormaata itti ta’uu himte.

''Tokkoon keenyallee gara Jubaatti darbuu hin dandeenye. Daandiin lammii Ertiraa qofatti cufame. Waan itti aanee ta’u homaa hin beeku,’’ jette.

Ministira Dhimma Alaa Sudaan Kibbaa ta’uun hojjetaa kan jiran Deeng Daawu Deeng, biyyoonni hunduu lammiileesaanii akka biyyatti deebisaniif, kan Ertiraa dabalatee imbasiiwwan hunda quunnamuu BBCtti himan.

Qondaalli Sudaan Kibbaa kun haalli Ertiraa keessa jiru wal-xaxaa ta’uu ni hubatu, baqattoonni biyyattiis kanarraa ka’uun biyyasaanii akka lagatan himan.

Inumaa baqattoonni kunneen imbasii isaanii biyya sana jiru quunnamuu akka hin feene ibsaniiru.

Ministira Dhimma Alaa Sudaan Kibbaa ta’uun hojjetaa kan jiran Deeng Daawu Deeng, biyyoonni hunduu lammiileesaanii akka biyyatti deebisaniif, kan Ertiraa dabalatee imbasiiwwan hunda quunnamuu BBC'tti himan.

Qondaalli Sudaan Kibbaa kun haalli Ertiraa keessa jiru wal-xaxaa ta’uu ni hubatu, baqattoonni biyyattiis kanarraa ka’uun biyyasaanii akka lagatan himan.

Inumaa baqattoonni kunneen imbasii isaanii biyya sana jiru quunnamuu akka hin feene ibsaniiru.

Aab Deeng baqattoonni Ertiraa addatti fooyamanii Jubaa akka hin seenne dhorkamuun, buufata Paloich dirqamaan tursiifamuu hin haalle.

Imbasiin Ertiraa lammiileesaa kunneen fudhatee biyyatti deebisuuf fedhii waan hin qabneef, Jubaa keessa ammoo iddoon isaan buufatan waan hin jirreef, bakka dhibii deemuuf dirqamsiifamaniiru, jedhan qondaalli kun.

Pireezidantiin Ertiraa garuu lammiilee sababa waraana Sudaaniin baqatan kamuu simachuuf qophii ta’uu TV biyyattii irratti dubbatanii turan.

Misoomaawwan bu’uuraa Sudaan Kibbaa baqattoota jia’a tokko kana keessatti Sudaan irraa daangaa ce’uun biyyattii seenan kuma 60 ta’aniin dhiphataniiru.

Dirree xiyyaaraa Paloich keessatti lammiileen Sudaan Kibbaas buufatanii jiru, achirraa gara kutaalee biyyattii kaaniitti imaluuf abdii olaanaan eeggatu, garuu itti ulfaateera.

Saandii Maniiyeel ijoolleeshee shan qabattee torbee lamaaf dirree kana jirti.

"Nuti akka carraa tikeetii xiyyaaraa argannus, imaluun garuu carraa qabaachuu gaafata. Namni tikeetii argate hundi xiyyaara seenaa hin jiru,’’ jette.

Mootummaan Sudaan Kibbaa xiyyaara meeshaa fe’uun baqattoota dirree xiyyaaraa Paloich irraa fe’aa jira, hanga ammaa namoota 7,000 ol fe’eera.

Lakkoofsi kun garuu kanneen gara biyyattii seenan waliin yoo madaalamu akkaan xiqqaadha.

Baqattoonni iddoowwan lameen- Renk fi Paloich buufatanii jiran yoo xiqqaate bakka soorata fi qoricha argatanitti akka geeffaman kaayyeffachuu hime mootummaan Sudaan Kibbaa.

Garuu biyyattiin bara 2013 hanga 2018 waraana waliinii keessa waan turteef, misoomaawwan bu’uuraa ittiin karoora kana milkeessitu hin qabdu.

Waraanni biyya ollaa- Sudaanitti hammatee jiru ammoo baqattoonni biyyattii, akkasumas lammiileen biyyoota adda addaa gara Sudaan Kibbaatti baayyinaan akka baqatan dirqamsiisaa jira.