Gidiraan waraanaa Sooriyaatti na jalqabe Sudaanittis na biraa hin hafne

Maxxanfame

Kariim waggaa lama dura waraana waliinii Sooriyaa baqachuun qe'ee isaa dhiisee Sudaanitti baqate.

Waraanni inni qe'ee isaa Sooriyaatii baqate biraa hin hafne.

Waraana amma Sudaanitti gaggeeffamaa jiruun jireenya baqaa biraatif saaxilamee jira.

Kariim amma Poort Sudaanitti waraana baqachuun karaarra jiraata, amma Sudaanuma irraa baqate.

Kariim nama ganna 23 yoo ta'u magaala Kaartum keessatti kampaanii tokkotti qacaramuun mindaa ji'aan dolaara 500 argata ture. Ofiifi maatii isaa jiraachisuuf ni gahaaf ture.

Ji'a darbe keessa inumaayyuu intala beeku tokko kaadhimatee fuudhuf karoorsee ture. Intala kana fuudhuf akka karoora qabus haadha isaatti himee ture.

"Sudaan keessatti jireenya gaariin qaban ture," jechuun BBCtti himee ture.

Waraanni Sudaan Ebla 15 eegale Kaartum mancaasuu gaafa eegalu Kaarimis jireenyi isaa yaaddoo keessa akka gale bare.

Waraana kana baqachuun konkolaatadhaan daandii dur dolaara 40 kaffalchiisu sababa lolaan dolaraa 400kaffaluun gara Poort Sudaanitti baqate.

Kanarraa ka'uun nama carraa hin qabnetti of ilaala. Sooriyaattis waraana baqadhee, Sudaanittis waraanni na biraa hin hafne jedha.

'Nuti waan abaaramne natti fakkaata'

"Seenan irra deebin dalagamaa jira. Asittis waanuma Sooriyaatti keessa dabarretu nu mudataa jira," jedha Kariim.

"Nuti abaaramadha. Jireenya koo jiraataa hin jiru," jedha.

Amma Poort Sudaanitti danqamee jira. Akka namoota biroo xayyaaran deemuf qarshii hin qabu.

"Warri qarshii qaban yeroo hunda fala qabu," jedha haala keessa jiru yoo ibsu.

Bilbila isaallee masjiida keessatti charjii godhataa jira. Waraana waliinii Sooriyaa baqachuun namoonni 150,000 ta'an gara Sudaanitti baqatanii turan.

Amma ofii isaanituu baqataa ta'anii jiru.

Kariim Sooriyaa magaala Idliip keessatti guddate.

Waraanni Sooriyaa gaafa eegalu gara Aleeppotti baqate.

Achii ammmoo gara Sudaanitti baqate. Sudaanitti baqataa ta'us ogummaa qabuun hojii hojjaturraa maatii isaa gargaara.

Har'a innuu gargaarsaf harka namaa ilaalaa jira.

Amma dolaara 400 osoo qabaatee gara Jiddaa deemuf karoora akka qabu BBCtti hime.

"Gara Jiddaa deemee carraa koo yaalun fedha, ykn ammoo gara Itoophiyaas deemuu nan danda'a- dolaara 400 na gaafachuu mala," jedha.

Gara Itoophiyaa ykn biyya biraa imaluuf ammoo baqachuuf ammoo paaspoortin isaa guyyaansaa jalaa dhumaa jira.

"Dhuguma Waaqati, kana booda homtuu natti hin dhagahamu. Rifeensi koo gurraacha ture walakkaan harrii ta'eera amma. Kana booda sodaa malee gara Sooriyaatti deebi'uun mala. Kana booda waanti naa hafe kanin dhabu hin jiru."

Haala kanaan gara Sooriyaatti deebi'uuf abjootee hin beeku. Biyyuma bakkee jiraatee jireenya isaa fooyyaffachuu abootaa ture. Amma biyyuma isaattuu deebi'uun rakkisaa itti ta'aa jira.

"Osoon dolaara 3,000 qabaadhee waanti hundi naaf qajeela ture," jechuun gara Masirii deemuf dolaara 300 kaffalee paaspoortii isaa haareffachuu akka danda'u hima.

Masirii irraan ammoo gara Turkiitti imaluu ture abjuun isaa, sana booda gara Awurooppaa. "Garuu yeroo kana dolaara 3,000 eenyutu namaaf liqeessa?" jedha.