Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni maree US galmee gibiraa Tiraamp akka ilaaluuf manni murtii olaanaa murteesse
Manni murtii olaanaa US gabaasni gibiraa pirezidaantii biyyattii duraanii Donaald Tiraamp mana mareef dhiyaatee gaaffiin akka irratti ka'uuf murteessera.
Manni maree kun paartiin dimokiraatota kan olaantummaan to'atan ta'uun isaa Tiraampiif yaaddoo guddaa uumera jedhame. Ji'a Onkoloolessaa keessa manni murtii dhaddachi gajjalaa galmeewwan faayinsaasii Tiraamp mana maree bakka bu'ootatti dhiyaatee gaaffin akka irratti ka'uuf murteessee ture.
Murtoo kana fudhachuu diduun Tiraamp ol iyannoo dhiyeessus manni murtii olaanaan biyyattii iyyata Tiraamp kana kufaa gochuun galmeen kaffaltii gibiraa isaa akka ilaalamu murteessera.
Tiraamp waggoota hedduuf galii argatu irraa gibira meeqa akka kaffale dhoksee ture jechuun himanni irratti ka'aa ture.
Tiraamp yeroo pirezidaantii ta'ee filatame sana, yeroo itti duula na filadhaa gaggeessuu jalqabee qabeenya argatu irraa gibira kaffalu ifa godhee hin beekamu jedhamee himatama.
Kuni ammoo seenaa pirezidaantummaa US keessatti waggaa 40 keessatti gibira kaffaluu diduun kan himatame Tiraamp dha jechuudha.
Manni maree bakka bu'ootaa bara 2019 irraa kaasee galmee faayinaansii Tiraamp qorachuuf gaaffii dhiyeessaa ture. Doonald Tiraamp torbee darbe keessa filannoo pirezidaantummaa US itti aanuf akka dorgomu ifa godhee ture. Haa ta'u garuu, himannii fi qorannoon addaa addaa isarratti gaggeeffamaa jira.
Inni garuu himata irratti dhiyaatu kana hundumaa keessaa "harki koo qulqulluudha" jechuun falmata.
Akkaataa murtee mana murtii olaanaa US kanatti Biiron Qabeenyaa (treasury department) galmee gibiraa Tiraamp kan bara 2015-20 jiru Tiraampis ni kenna jechuudha.
Akkasumas biizinasiiwwan isaa muraasa mana maree dimokiraatonni itti baay'ataniif ni kenna.
Murteen kun warri rippaabikaanota filannoo walakeessaa dhiyeenya gaggeeffameen teessoo mana maree harka caalaa mo'atan dhufanii osoo aangoo hin fudhatin duraadha.
Dhimma Tiraamp kana qorachuuf warri dimokiraatotaa turtii ji'a tokko hin caalle qabu. Sana booda warra rippaabilikaanotaatu aangoo mana maree to'ata.