Pirezidantiin Kooriyaa Kibbaa seera waraanaa haaraa labsaniif dhiifama gaafatan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Jalqaba torbee darbee irratti seera waraanaa haaraa kan labsan Pirezidantiin Kooriyaa Kibbaa Yuun Suuk Yool gocha isaanii kanaaf dhiifama gaafataniiru.

Pirezidantichi dabaluun labsiin akkanaa kan biraan jiraachuu akka hin dandeenye waadaa seenaniiru.

Kibxata darbe manni maree biyyaalessaa biyyattii hatattamaan murteesaanii sana kan haqe yoo ta'u, pirezidantichis aangoorraa kaafamu jedhamee eegama.

Deebii dubbii pirezidantichi taasisaniif kennanme hordofee dursaan paartii biyyattii bulchaa jiruu [People Power Party- PPP], pirezidant Yuun hojiisaanii idilee raawwachuunuu itti cimeera jechuun ibse.

Haan Dong-hun ''dursanii aangoosaaniirraa kaafamuun waan hin oolle,'' jedhe.

''Baayyeen gadda, namoota murtee kanaan guddoo mufatanis dhiifaman gaafadha,'' jechuun Yuun karaa TV biyyattii ergaa gabaabaa dabarsuun dhiifama gaafatan.

''Biyyattiin bulchiinsa waraanaa jala akka galtu labsuu koo ilaalchisee waan mudateef ofii koo gaafatama seeraa fi siyaasaa jalaa of miliqsuu hin barbaadu,'' jedhan.

Pirezidantichi biyyattiin bulchiinsa waraanaan akka bultu erga labsanii booda dheekkamsa mudate hordofee aanga'aan kun haasaa jalqabaa wayita uummataaf taasisan aangoo gadhiisuus achumaan ni ibsu jedhamee eegamaa ture.

Haata'u malee pirezidantichi haala uumame tasgabbeessuuf hojii hojjetamu ilaalchisee itti gaafatama isaa paartii biyya bulchutti dabarsanii kennuu ibsan.

Akka aangoorraa kaafamaniif waa'ee himati irratti banamuus homaa hin dubbanne.

Mormitoonni pirezidanticha aangoorraa kaasuuf gaaffii dhihaateef sagaleen kennamee akka murtaa'uuf dhiibbaa gochaa turan.

Paarlaamaa biyyattii teessoo 300 qabu keessatti gaaffiin fudhatamuuf sagalee harka lama sadaffaa argachuu kan qabu yoo ta'u, yoo xiqqaate paartii Yuun keessaa miseensonni saddeet deeggarsa isaanii gaaffii kanaaf kennuu qabu.

Dursaa paartii mormituu Lii Jee Miiyoong Jimaata darbe yaadi pirezidant Yuun akkaan akka isa gaddisiise fi hawaasi mufannaa fi miira ganamuu keessa akka seenu akka taasise ibse.

Lii itti dabaluun pirezidantichi aangoorraa kaasuuf waan danda'an hunda akka raawwatan ibse.

''Yeroo ammaa Kooriyaa Kibbaatti sodaa guddaa fi yaaddessaa kan ta'ee jiru pirezidantichi aangoorra turuudha.''

Gocha Pirezidant Yuun kanaan kan mufatan namoota siyaasaa qofa miti.

Dubartiin umrii waggaa 50 Yaang Sonsil, magaalaa guddoo Kooriyaa Kibbaa Seoul keessatti gabaa Namdaemin Market jedhamu keessatti mana nyaataa qabdi.

Seerri kun yeroo labsamu sodaa guddaan akka itti dhaga'ame BBC'tti himteetti, kunbiyyattii bulchiinsa waraanaa jala galcha jettee guddoo yaaddofte.

''Akka pirezidantiitti [Yuun] irraa amantaa hunda dhabeera, kana booda pirezidaantii koo natti hin fakkaatu,'' jette.

"Hanga dhumaatti qabsaa'uu qabna; pirezidaantii ta'ee akka itti fufu hayyamuu hin dandeenyu."

Gabaa kana keessaa meeshaa bitaa kan fayyadamu Han Jungmo dhiifama gaafachuun Pirezidanti Yuun gahaa akka hin taane dubbate.

Pirezidantichi amantaa ummata waliin qabu waan cabseef "Yookaan fedhii isaatiin aangoo gadhiisuu qaba ykn seeraan aangoo irraa kaafamuu qaba" jedhe.

"Pirezidantii ta'ee itti fufuu yoo barbaade, haala baay'ee abdii hin qabne ta'a, sababiin isaas, miidhaa pirezidantiin kun raawwate seera waraanaa labsuu qofa miti."

Kooriyaan Kibbaa erga Yuun Kibxata galgala seera waraanaa rifachiisaa labsee booda jeequmsa siyaasaa fi hookkara keessa galtee jirti.

Pirezidantichi humnoota komunistii Kooriyaa Kaabaa irraa biyyattii eeguuf seerri waraanaa kun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru.

Haa ta'u malee labsiin waraanaa erga labsamee sa'aatii lama osoo hin guutin miseensonni paarlaamaa pirezidaanticha mormuun sagalee hatattamaa gaggeessuun murtee kana ugguraniiru.

Akka isaan jedhanitti, sababni Pirezidaantichi labsii kana labsuuf, doorsisa humnoota alaa osoo hin taane, rakkoo siyaasaa keessoo ta'uun isaa yeroo muraasa booda ifa ta'e.

Miseensonni paarlaamaa labsii Yuun erga haqanii booda labsii biraa ni baasu jedhamee sodaatamaa ture.

Kooriyaa Kibbaatti yeroo dhumaaf seerri waraanaa kan labsame bara 1979 yoo ta'u, mootummaan abbaa irree Pork Chung-hee waggaa hedduuf biyyattii bulchaa ture fonqolcha mootummaatiin ajjeefamuu hordofeeti.