Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hariiroon Itoophiyaa fi Kooriyaa Kibbaa gumaacha loltootaan eegale amma maalirra jira?
Jilli aanga'oota mootummaa Itoophiyaa Ministira Muummee Abiy Ahmadiin durfamu wayita Kooriyaa Kibbaa daawwatetti yaadannoon loltoota Itoophiyaa birmadummaa Kooriyaa Kibbaaf wareegamanii sagantaa ijoo ture.
Pirezidantiin Kooriyaa Kibbaa Yoon Suk Yeol jila Ministira Muummee Abiy Ahamdiin durfamuuf simannaa taasisaniiru. Aanga'oonni mootummaa biyyoota lameenii waajjira pirezidantii Kooriyaa Kibbaatti dhimmoota dantaa biyyoota lameenii ilaallatan irratti mari'ataniiru.
Mariisaanii boodas waggoota afran dhufan keessatti doolaara biiliyoona tokkoon pirojektoota adda addaa hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Jila Itoophiyaa Kooriyaa Kibbaa daawwate keessaa tokko kan ta'an Ministirri Maallaqaa Itoophiyaa Ahmad Shidee waliigalteen mallattaa'e kun hariiroo diinagdee biyyoota lameenii daran kan cimsuudha jedhan.
Maallaqa kanaan misoomaawwa bu'uuraa, saayinsii, teeknooloojii, ijaarsa dandeettii, walitti hidhamiinsa daldalaa, misooma fayyaa fi magaalaatu hojjetama jedhan Obbo Ahmad.
Hariiroon Itoophiyaa fi Kooriyaa Kibbaa ''dhiigaa fi lafee goototaan kan ijaarameedha,'' kan jedhan jila kana keessaa tokko kan ta'an Ministirri Barnootaa Itoophiyaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa ''dhimmoota waliin hojjechuuf qabanne keessaa barnoonni isa ijoodha,'' jedhan.
Ministirri Muummee Abiy fi Giifti Duree Zinnaash Taayyaachaw magaalaa Kooriyaa Kibbaa iddoo seena qabeettii taate- Chunchiyon keessatti haala addaan simatamaniiru.
Achittis iddoo awwaalcha loltoota waraana Kooriyaa irratti wareegamanii daawwachuun ilillii kaa'aniiru.
Godambaa yaadannoo loltoota Itoophiyaa waraana Kooriyaarratti hirmaataniis daawwataniiru.
Waraana Kooriyaa irratti kanneen yaadataman fi godambaa yaadannoo kana keessatti seenaansaanii kuusamee jiru, humnoota Kooriyaa Kibbaa, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi Itoophiyaarraa ammoo kutaa waraanaa Qaanyaw jedhamuun beekamuun gurmaa'uun loltoota garas ergamaniidha.
Ministirri Muummee Abiy Ahmad daawwannaa kana ilaalchisuun karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii ergaa dabarsaniin, simannaa mootummaan Kooriyaa Kibbaa taasiseef galateeffataniiru.
Kaayyoon daawwannaa kanaa seenaa darbe yaadachuun, hariiroo gara fuulduraa jabeessuuf akka ta'es ibsan.
''Walittidhiheenyi Itoophiyaafi Kooriyaa Kibbaa waggoota 60 ol kan lakkoofsisedha. Walittidhiheenyi keenya yeroo dhufus caalaatti cimaafi damee hedduu godhatee akka itti fufu amantaa kooti,'' jedhan.
Itoophiyaan garee waraanaa tokko gara Kooriyaa Kibbaa kan ergite bara 1951tti ture. Garee waraanaa kanaan Qaanyaw jedhaniin.
Yeroo sana humni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan Ameerikaadhaan durfamu Kooriyaa Kibbaa tumsuun warra koministii- Kooriyaa Kaabaa fi michuushee- Chaayinaadhaan lolaa turan.
Waraanni Kooriyaa kun fageenya kiilomeetira kumaatamaan lakkaa'amu qaxxaamuree Itoophiyaarraas loltoota affeereera.
Bulchaan yeroo sanaa Itoophiyaa- Hayilasillaaseen loltoota kumaan lakkaa'aman Kooriyaa Kibbaaf erganiiru.
Loltoonni kunneen sadarkaa waraanaa olaanaarra warra turaniidha, hedduunsaanii eegdota mootii keessaa walitti qabaman.
Yeroo sana loltoonni Itoophiyaa caasaa waraanaa Ameerikaa Diviiziyoona 7ffaatti makamuun waliin lolaa turan. Ameerikaan yeroo sana akka ammaa kana waraana keessatti qaamolee kaan qoollifachuu hin eegalle.
Waraana Kooriyaa keessatti loltoonni Itoophiyaa 3,000 caalan hirmaataniiru. Kanneen keessaa 120 kan caalan yoo du'an 500 ol ammoo madaa'aniiru.
Kanneen lubbuun hafan akka goototaatti biyyasaaniitti deebi'an.
Dhihoo kana mootummaan Kooriyaa Kibbaa loltoota biyyasaaf lolan hundaaf mana jireenyaa akka kennu ibsee ture.