Teessoo Al-Burhaan kan taate Port Sudan dirooniidhaan haleelamte

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Teessoo hoogganaa humna waraanaa Sudaan kan taate magaalaan handaara galaanaa Port Sudan jedhamtu guyyoota sadiif walitti aansuun dirooniidhaan haleelamte.

Waraanni waliinii Sudaan erga eegalee humni addaa RSF jedhamu magaalaa guddittii biyyattii Kaartuum yoo to'atu humni waraanaa biyyattii Jeneraal Abdel Fattaa Al- Burhaaniin durfamu ammoo teessoo isaa gara Port Sudan godachuun achi ture.

Torban dura humni waraanaa Sudaan humna addaa RSF irratti olaantummaa argachuun kutaalee magaalaa Kaartuum hedduu erga to'atee booda haleellaawwan diroonii hedduun Port Sudan irratti raawwataman.

Port Sudan teessoo humna waraanaa biyyattii ta'uun alattis lammiilee Sudaan sababa waraanaa waliiniin garmalee miidhamaniif ulaa gargaarsi ittiin seenudha.

Haleellaa guyyoota sadiif walitti aansuun magaalattiirratti raawwate ilaalchisuun humni waraanaa Sudaan morkataa isaa RSF kan himate yoo ta'u, gareen kun garuu hanga yoonaa haleellaa raawwatameef itti gaafatamummaa hin fudhanne.

Haleellaa diroonii Port Sudan irratti raawwatameen magaalattii keessatti sochiin geejjibaa gufateera.

Haleellaawwan diroonii kunneen buufata doonii fi buufata xiyyaaraa akkasumas madda anniisaa fi hoteelota irratti kan qiyyaafate ture.

Kanaan dura haleellaawwan diroonii kuusaawwan boba'aa fi buufataalee loltootaa irratti qiyyaafata ture.

Amma garuu jaarmiyaaleen garaagaraa dirooniidhaan haleelamaa jiru.

Guyyoota sadi dura, osoo haleellaawwan diroonii kunneen hin eegalamin, lammiileen Sudaan kuma dhibbaan lakkaa'aman magaalaa Port Sudan keessa jiraatu turan.

Waraana waliinii Sudaan waggoota lama lakkoofsisee fi ammallee hammaachaa jiru jiruu fi jireenya lammiilee biyyattii burjaajesseera.

Waraana aangoo qabachuuf RSF fi humna waraanaa biyyattii gidduutti waggaa lama dura eegaleen kuma kurnaan kan lakkaa'aman du'aniiru.

Uummanni miiliyoona 12 caalu ammoo qe'eesaarraa buqqa'eera.

Humna addaa- RSF irratti olaantummaa argachaa akka dhufe kan ibsu waraanni Sudaan, ji'a darbe keessa magaalaa Kaartuum gara caalu to'achuu ibsus waraanni ammallee itti fufeera.

Humni waraanaa Jeneraal Al-Burhaaniin durfamu masaraa mootummaa magaalaa Kaartuumitti argamu to'achuu booda mootummaa mataasaa hundeessuu ibsee ture.

Haata'u malee torbanoota darban loltoonni humna addaa, RSF, Jeneraal Daagaloon durfaman masaraa mootummaa kanarratti haleellaa diroonii raawwachaa turan.

Kaartuum keessaa kan dhiiban humni addaa RSF, Jeneraal Al-Burhaan mootummaa hundeessuu ibsuu booda isaanis mootummaa mataasaanii hundeessuu ibsaniiru.

Haalli kun biyya duraanuu walqoqqooddee waraanatti jirtu, Sudaan, qoqqoodiinsa hamaaf saaxila jedhamee sodaatamaa jira.