Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartii Baakkootti abbaa warraa ajjeeftee siree jalatti awwaalte manni murtii hidhaa waggaa 18n adabe
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Baakkoo Tibbeetti dubartii abbaa warra ishee muka tumaan reebdee ajjeesuun eegasii awwaalun himatamte Manni Murtii Godina Shawaa Lixaa hidhaa waggaa 18’n adabe.
Poolisin akka BBC’tti himetti, Aadde Suufanii Shantamaa abbaa warraa ishee Obbo Shuumaa Abarraa irratti ajjeechaa kan raawwatte baatii Fulbaanaa keessa ture.
Manni murtii dhimmicha erga ilaalaa turee booda gaafa Kibxataa ALI Onk 29, 2015 hidhaa cimaa waggaa 18’n adabuu Waajjira Poolisii aanaa Baakkoo Tibbeetti qorataan yakkaa Saajiin Ittaanaa Dooshaa Wayyumaa BBC’tti himaniiru.
‘’Osoon taa’ee buna tumu cubeedhaan na waraanuuf yeroo jedhu ilmoo mooyyee buna itti tumaniin saggoo isaafi morma isaa karaa duubaa si’a lama rukute,’’ jechun jecha ishee poolisiif kennuu himan.
Namoonni lamaan waggoota 11 bultiin akka jiraatan kana dura poolisiin BBC’f himee ture.
Maaltu raawwatee ture?
Shakkamtuun Suufanii Shantamaa jedhamtu abbaa warraashee ajjeesuun qorannoon irratti gaggeeffamaa ture, “lola natti kaasnaan ofirratti rukkute” jechuun poolisiif jecha akka kennite gabaafamee ture.
Namoonni lamaan gaa'ila waggoota 11 kana keessatti ijoollee sadii waliin horataniiru. Haa ta’u malee, gaa’elli isaanii waldhabdee darbee darbee gidduu isaaniitti uumamuun jeeqamaa turuutu himame.
Namoonni naannoo isaanis abbaa warraafi haadha warraa araarsaa waliin akka jiraatan taasisaa turaniiru.
Haata’u malee ALI Fulbaana 08 bara 2015 mana jireenyasaanii kan Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Amartii Gibee iddoo addaa Boree jedhamutti argamutti taateen gaddisiisaan tokko raawwatame.
Guyyaa kana tilmaamaan halkan keessaa sa’aa 8:00 irratti miidhamaan haatii warraasaa buna akka danfistuuf gaafata.
“Shakkamtuunis bakka ciistuu kaatee iddoo buna tumaa turteetti ‘abbaan manaa koo lola natti kaasnaan ilmoo mooyyee (muktumaa) buna ittiin tumuun morma isaa gara bitaa al lama dhahe” jechuun haala itti rukkitte jecha kennuushee Itti aanaa Saajin Doshaa Wayyumaa dubbatu.
Sana boodas abbaan warraa shakkamtuu lafatti kufuu isaa fi dhiigni afaanfi funyaaniin bahaa akka tures shakkamtuun jecha kennuushee himan.
“Erga kufee achumatti hafe; hin dubbatu, hin nyaatu, hin dhugu. Lubbuun osoo keessaa hin bahiin guyyaa sadi ture,” jedhan.
Haala kanaan guyyoota sadiif erga tureen booda miidhamaan Fulbaana 12, 2015 lubbuun darbuu isaa galmeen qorannoo poolisii agarsiisa.
“Lubbuunsaa darbuu erga argitee boodas manuma jireenyaashee keessa bakka ciisichaatti lafa qottee miidhamaa awwaalte” jedhan qondaalli poolisii BBCn dubbise kun.