Abbaan qabeenyaa haaraan Tiwiitar Eloon Maask hojettoota dhabbatichaa walakkaan hir'isuuf

Eeloon Maask

Madda suuraa, Geety images

Maxxanfame

Abbaan qabeenyaa haaraan tiwiitar Eloon Maask dhaabbatichi guyyaa guyyaan doolaara miiliyoona afur dhabaa jira jechuun karoora hojjettoota dhaabbatichaa walakkaan hir'isuu qabaachuu himan.

Hoogganaan safety and Integrity dhaabbatichaa Yo'eel Roth dhaamsa tiwiitara gubbaa maxxansaniin tilmaaman dhibbeentaa 50'tu kaampaanicha guutuurraa hir'ifama'' jedhan.

Abbaan qabeenya haaraan kun qabiyyee miidiyaa hawaasaa guddicha kanaa hordofuu irratti garuu wanti jijjiiramu hin jiru jedhan.

Dureessi addunyaa kanaa Maask tiwiitarii kan ofii godhachuuf doolaara biiliyoona 44 baasii godhan.

Namootni amma dhaabbaticha keessaa hir'ifaman seera taa'een olitti miindaa isaanii ji'a sadii fudhatanii akka bahan akka godhamu beeksisan.

Hojjettootni kumoota hedduun hir'ifamuuf ta'uun erga dhagaahame booda keessumaa qabiyyeewwan miidhaa qaban waltajjii kanarraa haquurratti qaawwi mudata yaaddoo jedhu kaaseera.

Namootni falmisiisoon akkaawuntiin isaanii ugguramee ture akka Doonaald Tiraamp fa'as deebi'uu malu jedhamee yaadama.

Yaada kanaaf sababa kan ta' ammoo haasaa abbaa qabeenyaa dhaabbatichaa isa haaraati. Gareelee rogeeyyii haquun galiin xiqqaateera yaada jedhu dabarsaniiru. Itti dabaluunis waltajjiin kun mirga bilisaan dubbachuu US keessatti miidhuuf yaalaa jira jedhan.

Hoogganaan safety and Integrity dhaabbatichaa garuu hojjettoonni 2,000 ta'an kan qabiyyee miidiyaa hawaasaa kana gubbaatti gadhiifaman hordofan hir'ifamuuf hin jiran jedhaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Odeeffannoo dharaa dhabamsiisuurratti xiyyeffannoon guddaan kenname ittuma fufaa jehdaniiru.

Eloon Maask dhaabata tiwiitar kan dhuunfachaa jiran wayita US filannoo walakkeessa bara filannoo tokkoo gagggeessa wayita jirtuttidha.

Pireezidantiin US Joo Baayidan tiwiitar harka Eloon galurraa yaadoo qaban ibsaniiru.

Kalifoorniyaa keessatti qofa hojjettootni dhaabbaticha keessaa hir'ifaman 983 akka ta'an gabaasaaleen bahaa jiru.

Hojjettootni 784 Saanfiraansiiskoorraa, 106 Saan Joos, 93 ammoo Lossaanjalas irraa akka ta'an BBC'n ragaa argateera.

Hojjettootni gariin laaptooppiiwwan dhaabbatichaa keessaa logout akka godhan taasifamuu himaniiru.

Gareen dhimma algoorizimii waltajjii kanaarratti qorannoo gaggeessanis warra hojiirra gaggeefaman keessaati.

Ammatti galiin dhaabbatichi argatu guutummaatti kan dhufu beeksisa irraa ta'su amma dhaabbilee akka Voolsiwaagan erga Eloon Maask dhaabbaticha bitanii baasii beeksisaa adda kuteera.

Dhimmicha dhiyeenyaan horofaa akka jirus ibseera dhaabbati biyya Jarman guddichi konkolaataa omishu kun.