Lolaa Paakistaan: Biyyattiin harka sadii keessaa tokko bishaaniin liqimfamte

Madda suuraa, Getty Images
Paakistaan guutummaa biyyattii harka sadii keessaa tokko bishaaniin liqimfamuu Ministirri Jijjiirama Haala Qilleensee hime.
Balaan lolaa seenaa keessatti baayyee hamadha jedhame daandii, manneeniifi midhaanirra lola'uun guutummaa biyyattiitti balaa uumeera.
"Amma lafti hafe hin jiru, garbadha. Lafti gogaan bishaanicha irraa itti dhangalaafnullee hin jiru," jedhe Sherii Rehaamaan balaa akka malee yaaddeessaa ta'e yeroo ibsutti.
Ministirri Karooraa Paakistaan gama isaatiin balaan lolaa byyattii mudate qabeenya doolaara biiliyoona 10tti tilmaamamu mancaasuu beeksise.
Lafti harka tokko sadaffaan biyya Kibba Eeshiyaa kanaa bishaaniin liqimfameera jechuun aanga'aan biyyatti biraan dubbataniiru.
Rooba jabaa walitti aansee roobaa baheen lolaan mul'atee hin beekne Paakistaan kan mudate yeroo ta'u kanaanis namootni 1,136 du'aniiru.
Lammiileen miiliyoona 33 ta'anis balaa kanaan miidhamanii deeggarsa barbaaduuf dirqamaniiru.
Balaa kanaan daandiin konkolaataa, midhaan, manneen jireenyaa, riqichootaafi bu'uuraalee misoomaa fudhateera.
Dhaabbatni Maallaqaa Idila Addnyaa Wiixata darbe biyya lolaan lammiilee ishee dhibbeentaa 15 ta'an miidhee kanaaf maallaqa bayyanachisaa biiliyoona 1.1 hayyameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministirri karooraa biyyattii Ahsaan Iqbaal Rooyitarsitti yoo dubbatan ''Akkaan guddaadha. Tilmaama isa jalqabaan miidhaan qaqqabe doolaara biiliyoona 10 oliidha'' jedhan.
Hanqinni nyaataa guddaan torbanootaafi ji'oota dhufan keessatti mudachuuf jedhas jedhaniiru.
Balaa lolaa hamaan bara 2010 mudate seenaa biyyattii keessaatti isa hammaataa jedhame lubbuu namoota 2,000 olii galaafate ture.
Hanqina nyaataa sababa lolaa kanaan mudate dandamachuuf biyyattiin masaanuu ishee Indiyaa irraa kuduraafi muduraa baayyinaan akka galchitu kan taasisu ta'uu Ministirri Maallaqaa biyyattii Miftaa Ismeel dubbataniiru.
Qondaalli Raaga Haala Qilleensaa biyyattii balaa hamaa dhiibbaa haala qilleensaan mudatee ta'uu ibseera.
''Tokko sadaffaan Paakistaan bishaan keessa jira, wanta hanga ammaa argineen oli'' jedhan Sherry Rehmaan.
Biyyi qaalayinsi gatii 25% irra gahe kun sharafni maallaqaa qabdu midhaan ji'a tokkoof gahu caala akka alaa galchitu hin gargaaru.












