Buqqeen kiiloograama 1,200 ol ulfaatu riikardii addunyaa cabse

Madda suuraa, SAFEWAY WORLD CHAMPIONSHIP PUMPKIN WEIGH-OFF
Buqqeen maqaan Maayikil Joordaan jedhu kennameefi ulfaatinnisaa kiiloograama 1,200 ol madaale, riikardii addunyaa yoo cabsu, namni buqqee kana magarsan ammoo badhaasa doolaara kuma 30 argatan.
Ameerikaa bulchiinsa Minisootaa keessatti buqqeen barsiisaa damee oomisha qonnaa ta’an Taaraaviis Jiinjiir jedhamaniin oomishame kunis, buqqee kanaan dura guddaadha jedhamuun galmaa’e fi kiiloograama 21 ulfaatu kiloogiraama baayyeedhaan caaluudhaan riikadsii addunyaa cabse.
Buqqeen guddichi addunyaa kun kiloograama 1,247 kan ulfaatu yoo ta’u, buqqee hanga ammaatti dachee tanarratti oomishaman hunda caaluudhaan riikardii haaraa addunyaa kanaa qabachuu danda’eera.
Shaampiyoonaa ulfaatina buqqee idil-addunyaa Kaaliiforiiyaatti gaggeeffame irratti badhaasicha kan fudhatan Jiinjiir miirri injifachuu isaaniitti uume ‘‘baayyee cimaa’’ ta’uu dubbatan.
Barsiisaan kunis buqqee kana sadarkaa sanarraan gahuudhaaf kunuunsa taasisaafii akka turan kan ibsan yoo ta’u, guyyaatti yeroo 12’f bishaan obaasaa akka turan himan.
Ragaaleen akka eeraniitti yoo ta’e, Jiinjiir buqqee Maayikil Joordaan jechuudhaan moggaasan Ebla darbee kan dhaaban yoo ta’u, oomisha isaanii kana kunuunsuudhaaf doolaara kuma 15 baasaniiru.
Achiinis konkolaataatti fe’udhaan gara Kaaliiforniyaatti imalan.
Gaheessi umuriin waggaa 43 kunis ijoolluummaa isaanii irraa qabee buqqee kan dhaabaa turan yoo tahu, yeroo sadii shaampiyoonaa ulfaatina buqqee injifataniiru.
Dorgommiin kunsi akka Taphaatti ture bara 1974tti kan eegalame. Jalqabbiin isaas magaaloota bulchiinsoota Ohaayoo fi Kaaliiforniiyaa keessatti argaman jidduutti nuti argama buqqee addunyaatti jedhuun ‘‘dorgommii’’ eegalame.
Qopheessitoonnis amma dorgommicha gara dorgommii ulfaatina buqqee idil-addunyaatti ol guddisan.
Barsiisaan amma dorgommicha injifatan kunis maaliif maqaa Maayikil Joordaan jedhu buqqee isaaniif akka maggaasan gaafatamnaan, Joordaan taphataa kuphaa kaachoo cimaadhaadha. Buqqeen kunis buqqee isa guddaa yeroo maraati jedhan.
Dabalunis Joordaan uffata dambii lakkoofsa 23 akkuma uffatuufi bara ammaa 2023n wal fakkeessuuf akka ta’e dubbateera.
“Fuula namootaarratti gammachuu uumuuf kana hojjadheera’’ jechuun ture kan AFPtti himan.












