Lolli Israa'el gaggeessaa jirtu akkamiin dinagdeeshee miidhaa jira?

Looltuu Israa'el yeroo misaa'elli dhukaafamu dhaabbatee ilaalaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Waggaa darbe keessa Israa’el loltoota kumaatamaan lakkaawaman Gaazaa fi boodan ammoo kibba Libaanositti bobbaaftee, diinashee irrattis haleellaa qilleensaa kumaatamaan lakkaa’amu raawwatteetti.

Kanaanis sirna ittisa qilleensaashee fayyadamuun misaa’elaa fi diroonii itti dhukaafaman qolachuuf doolaara miliyoonaan lakkaa’amu baasteetti.

Mootummaan Israa’el waraanni Hamaasii fi Hezbollaa irratti gaggeessuun dhumarratti doolaara biiliyoona 60 ol baasuu akka danda’u tilmaama. Waraanni kunis diinagdee Israa'el irratti dhiibbaa guddaa qaata geessisuu eegale.

Israa'el waraana gageessituun meeqa baasaa jirti?

Ministirri faayinaansii Israa’el Bezalel Smotrich waraanni amma gaggeeffamaa jiru kun Israa’el doolaara biiliyoona 60 ol baasuu akka danda’u dubbataniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri maallaqaa Israa’el, Bezaalel Smotrich, Fulbaana 2024 keessa gaazexaa Israa’el Knesset’tti akka himanitti, “Seenaa Israa’el keessatti waraana dheeraa fi qaala’aa ta’e keessa jirra,” jedhan.

Itti dabaluudhaanis, baasii tarkaanfiin waraanaa sheekel biiliyoona 200 hanga biiliyoona 250 (Doolaara biiliyoona 54 fi doolaara biiliyoona 68) gidduu) ta’uu mala jedhan.

Israa’el Libaanos irratti boombii dhukaasuuu fi weerarri waraanaa kibba biyyattii keessa seenuun, akkasumas misaa’ela haleellaa qilleensaa Iraan irraa dhufu qolachuuf furguggisituu hundi baasii waraana kanaa ol kaasuu itti fufa.

UK keessatti Yunivarsiitii Sheffield Hallam'tti ogeessi dinagdee Dr Amir Algaarhi, waraana erga babal’isanii booda, tilmaamuma shalphaatti yoo waraanni kun bara 2025 guutuu itti fufa ta'e, baasiin kun gara sheekeel 350bn ($93bn)tti ol guddachuu danda’a jedhan.

Sunis galii Israa'el waggaa biyyaalessaa ishee harka ja’a keessaa tokko ta'a. Yookan ammoo oomisha waliigalaa biyya keessaa (GDP) kan sheekeel tiriliyoonii 1.99 ($530bn) ta’a.

Israa’el waraanashee attamiin maallaqaan gargaaraa jirti?

Boondiin mootummaa Israa’el dabalataan maallaqa Istookii Tel Aviv fi jijjiirraa addunyaa irratti gurguramaa jira

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Baankiin Israa'el gurgurtaa boondii mootummaa dabaluudhaan, waraanichaaf maallaqa argachuuf liqaa fudhateera. Bitooteessa 2024 keessa yeroo tokkoon gurgurtaa boondii irraa doolaara biiliyoona 8 galmeessee ture.

Israa’el boondii liqeessitoota Israa’el keessaa fi biyya alaa jiraniitti gurgurti. Innis “boondii diyaaspooraa” kan dabalatu yoo ta’u, isaanis lammiilee Yihudoota Israa’el biyya alaa jiraniidha.

Ragaan Baankii Israa’el irraa argame akka agarsiisutti, lammiileen biyya alaa boondii mootummaa Israa’el bitachuuf fedhii gadaanaa agarsiisan. Baankichi akka jedhutti, %8.4 qofatu biyya alaa keessatti kan qabame yoo ta’u, ji’a Fulbaanaa 2023tti %14.4 ture. Kunis waldhabdeen Israa’el fi Hamaas jalqabuu saatiin ji'aan duradha.

“Kunis sababii bitattoota biyya alaaraa caalaa hawwachuuf jecha dhalli boondii mootummaa ol ka’uusaati'' jedhu Yunivarsiitii Teel Aviv keessatti ogeessi dinagdee Piroofeesar Maanuu’eel Traajlenberg.

Kana malees, “Baasiin liqii mootummaan kaffalu %1.5 dabaleera.”

Kana malees, dhaabbileen sadarkaa liqii idil-addunyaa gurguddoon sadan: 'Moody’s, Fitch fi 'Standard and Poor’s,' hundi isaanii jalqaba Hagayya 2024 irraa eegalee liqaa mootummaa Israa’el irratti sadarkaa isaanii gadi buusaniiru.

Ejensiiwwan kunneenis mootummaan boondii kana deebisuu hin danda’u jedhanii waan sodaataniif reetiisaanii hin hir'san jedhu Dr Tomar Faadlon, Inistiitiyuutii Qorannoo Nageenya Biyyaalessaa Teel Aviiv keessatti argamu irraa. Faayinaansii mootummaa Israa'el haala sirrii keessa jira jedhu.

Kanaa mannaas: “Ejensiiwwan sadarkaalrr liqii kennan hundisaanii gabaasa isaanii keessatti, tarsiimoon faayinaansii [kan gibiraa fi baasii] murtaa’aa mootummaa irraa baasii hanga bara 2025tti to'auuf gargaaru dhabuunsaaniitti yaaddoo akka qaban dubbataniiru.”

Bulchituun Baankii Israa’el duraanii Karnit Flug mootummaan hanqina mootummaa hir’isuuf gibira kaasuu mala jedhu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dureen Baankii Israa’el duraanii Karnit Flug mootummaan hanqina mootummaa hir’isuuf gibira kaasuu mala jedhu

Inistiitiyuutii Dimokiraasii Israa’el keessatti ogeettiin dinagdee fi bulchituu Baankii Israa’el duraanii kan turan, Piroofeesar Kaarnit Flug, mootummaan hanqina baajataa gadi buusuuf yaaluudhaaf baajata hir’isuu fi daballii gibiraa sheekeel biiliyoona 37 (Doolaara biiliyoona 9.9) yaadaa jira jedhu.

“Haata’u malee, tarkaanfiiwwan karoorfaman tokko tokkoos waldaalee hojjettootaa akkasumas miseensota gamtaa mootummaa muraasa irraa mormii ni mudata jedhamee eegama,” jedhan.

Ogeeyyiin dinagdee hedduunis mootummaan baajata bara 2025 amma akka maxxansu, baasii waraanaa olka’aa jiru kana ofirraa ittisuuf qusannoo murtaa’aa akka qabaatu gaafachaa jiru.

“Baasii waraana kanaaf maallaqa baasuuf hir'isuun baajataa kamiyyuu dursa kennuudhaaf karoorri cimaan hin jiru,” jedhu Yunivarsiitii Ibirootaa Yerusaalem irraa kan ta'an Prof. Estebaan Kiloor.

“Waraannii akka tarsimoon waraanaa maddii adeemuuf tarsiimoon diingadee hin jiru.”

Waraanni dinagdee Israa’el irratti dhiibbaa akkamii geessisee?

Diinagdeen Israa’el hanga Onkololeessa bara 2023tti haalaan guddachaa kan ture yoo ta’u, erga waraanni kun eegaleen booda garuu haalaan hir’ateera. Akka Baankiin Addunyaa jedheetti, Waggaa guutuutti GDP mataansaa %0.1n hir’ateera.

Baankiin Israa’el bara 2024 keessatti dinagdeen biyyattii %0.5 akka guddatu tilmaameera. Tilmaamni kunis kan ji'a Adooleessaa keessa kan yeroo itti guddinni dinagdeen bara 2024 %1.5 akka dalabu tilmaame caalaa hamaadha.

Waggaa darbe keessaa dhaabbileen baayyeen Israa'el keessaa hi'inni hojjattootaa mudatee kan ture yoo ta'u. kunis amma bizinas hojjachuu danda'anii daangeesseera.

Kunis sababii Raayyaa Ittisa Israa'el humna jalqaba waldhabdee Hamaas waliin ture irratti humna eeggataa kuma 360 ol waamuusaattidha.

Ergasii booda hedduusaanii kan deebiifte ta'ulleen, garuu lola lafoo amma Libaanos keessatti gaggeeffamaa jiruuf humna eeggataa 15,000 biroo waamteetti.

Dameen ijaarsaa Israa'el sababii hojjettoonni ijaarsaa lammii Filisxeem gara biyyattii akka hin seenne dhorkameetiin miidhameera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dameen ijaarsaa Israa'el sababii hojjettoonni ijaarsaa lammii Filisxeem gara biyyattii akka hin seenne dhorkameetiin miidhameera

Mootummaan Israa'eel lammiilee Filisxeem kanneen Gaazaa fi Weest Baankii irraa gara Israa’el qaxxaamuranii hojetaa turan kuma 220 ta'an sababii nageenyaatiif jecha akka Israa'el hin seennes dhorke.

Dhorkaan kunis keessumaa damee ijaarsaa kan duraan lammiilee Filisxeemoota gara 80,000 ta’an qacaruu miidheera. Hojjettoonni bakka Filisxeemoota kanneeniis bu’an kuma hedduun biyyoota akka Hindii, Siriilaankaa fi Uzbeekistaan ​​irraa amma qacaramaa jiru.

Prof. Fluug akka jedhanitti, yeroo waraanaa dinagdeen Israa’el gadi bu'uusaa hordofee, erga waraanichi xumuramee booda “carraan garmalee eddootti deebi’uu ni jiraata” jedhan.

Kunis sababa dameen teeknooloojii olaanaa Israa’el kan ammaan tana diinagdee biyyattii harka shan keessaa tokko ta’eeraa dagaagaa jiruutiin jedhan.

Haataʼu malee, “waraanni kun kan kanaan duraa turen caalaa baayʼee dheeraa sababii ta'eef akkasumas uummata baayʼee kan miidhe taʼuunsaatti, diinagdeen deebii'ee bayyanachuuf laafaa fi yeroo dheeraa akka fudhatu gochuu dandaʼa.”