Haleellaa Israa'el Iraan irra raawwatteen iddoowwan miidhaman suura saatalayitiin kaaserraa mul'atan

Suuraalee saatalaayitii
Ibsa waa'ee suuraa, Suuraaleen saatalaayitii haleellaan Israa'el buufataalee waraanaa Iraan irra miidhaa qaqabsiisuu akeeke
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Suuraaleen saatalaayitii BBC Verify'n xiinxale akka agarsiisanitti, haleellaa qilleensaa Israa’el Onkololeessa 26, 2024 raawwateen eddoowwan waraanaa Iraan hedduu irra miidhaan qaqqabeera.

Eddoowwan kunneenis bakkeewwan ogeeyyiin lafa oomisha misaa’elaa fi ittisa qilleensaaf oola jedhan kan dabalatu yoo ta’u, kanaan dura sagantaa niwukilaraa Iraan waliin kan walqabatu ture.

Bakkeewwan Israa'el tibbana Iraan keessa haleelte
Ibsa waa'ee suuraa, Gamoo waraanaa Paarchiin

Suuraaleen saatalaayitii haleellaa Israa’el raawwatte hordofee argame kun akka agarsiisutti, ogeeyyiin dhaabbiileen meeshaa waraanaa gurguddaan itti misoomuu fi oomishamuu kan Paarchiin, kan Tehraan irraa gara bahaatti fageenya kiilomeetira 30 (maayilsii 18.5) ta'urratti argamu irratti miidhaa qaqqabe agarsiisa.

Akka ogeeyyiin Inistiitiyuutii Qorannoo Tarsiimoo Idil-addunyaa (IISS) jedhanitti, eddoon amma haleelame kun oomisha rookkeetii waliin walqabatee akka ture ibsaniiru.

Suuraalee saatalaayitii qulqullina olaanaa qaban kanneen Fulbaana 9 kaafamanii fi suuraalee Onkoloolessa 27 kaafaman wal bira qabnee yoo ilaalluu, yoo xiqqaate caasaaleen afur miidhaa guddaa irra gahe fakkaata.

Caasaalee kanneen keessaa tokko, Taleghan 2 kan jedhamu kan beekamu yoo ta’u, innis kanaan dura Ejensii Annisaa Atoomikaa Idil-addunyaa (IAEA) tiin sagantaa niwukilaraa Iraan waliin kan walqabatee ture.

Bara 2016tti erga IAEA'n ragaa paartiikilii yuuraaniyeemii bakka sanatti argateen booda sochii niwukilaraa achitti akka hin gabbiifamneef dhorkamee ture irratti gaaffii kaaseera.

Buufata waraanaa Iraan
Ibsa waa'ee suuraa, Buufata waraanaa Koojiir Iraan keessaa

Bakki gara biraa haleellaa qilleensaa Israa'el tibbanaatiin irratti xiyyeeffate kan fakkaatu ammoo, Khojiir, bakka kaaba- lixa Paarchiin irraa gara kiilomeetira 20 fagaatee argamudha.

Ogeessi Inistiitiyuutii Qorannoo Tarsiimoo Idil-addunyaa (ISS)Faabiiyaan Hiinz, “Khoojiir Iraan keessatti naannoo bu’uuraaleen misoomaa misaa’ela baalistikii waliin walqabatan baay’inaan itti argamu ta’uun beekama,” jedha.

Bakki kunis eddoo bara 2020tti dhohinsi guddaan dhoksaa itti mudate tureedha.

Suuraaleen saatalaayitii akka agarsiisutti, yoo xiqqaate gamoowwan naannoo kana keessa jiran lama irra miidhaa cimaan gahuu agarsiisu.

Buufata Shahruund
Ibsa waa'ee suuraa, Buufata waraanaa Shaahruud

Buufanni waraanaa Shaahruud jedhamuu fi kan magaalaa guddoo biyyattii Tehraan irraa gara bahaatti kiiloo meetira 350 fagaate argamus miidhaan irra gaheera, akka suuraan saatalaayitii haleellaa Israa’el booda kaafame agarsiisutti.

Naannoon kun kaaba bulchiinsa Semnaan keessatti kan argamu yoo ta’u, oomisha qaamolee misaa’ela fageenya dheeraa irratti hirmaachaa waan tureef iddoo guddaa qaba jedha ogeessii IISS, Faabiyaan Hinz.

Dhiyeenya isaatti ammoo Giddu-galli Hawaa Shaahruud kan Korporeeshinii Eegdota Warraaqsaatiin to'atamu kan argamu yoo ta'u, Iraan bara 2020tti saatalaayitii waraanaa gara hawaatti furguggiste jirti.

Lafa oomisha bobabaa Abaadaan
Ibsa waa'ee suuraa, Warshaa oomisha bobabaa Abaadaan
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

BBC Verify buulchiinsa kibba-lixa Khuzestaan keessatti kan argamu Warshaa Boba’aa Abaadaan kan keessa buufateetti kutaa kuusaa irratti miidhaan qaqqabuun adda baheera.

Haata’u malee maaltu miidhaa kana akka qaqabsiisee hin beekamne. Haata'u malee guutuu Iraan keessatti naannoo tokko tokkotti miidhaan caccabaa ykn sirna dhukaasa ittisaa dogoggoraatiin uumamuu hin oolu jedhameera.

Gaazexaan Niiw Yoork Taayims qondaaltota Israa’el wabeeffachuun akka jedhetti, warshaan boba’aa Abaadaan bakkeewwan haleellaa qilleensaa Sambata ganama raawwatameen irratti xiyyeeffataman keessaa tokko ta’uu ibseera.

Angawoonni Iraan Sambata darbe bulchiinsi Khuzestaan Israa’eliin irratti xiyyeeffatamuu isaa mirkaneessaniiru.

Warshaan boba’aa Abaadaan dhaabbata boba’aa qulqulleessu biyyattii isa guddaa yoo ta’u, guyyaatti barmeela kuma 500 oomishuuf dandeettii kan qabu ta’uu, hoji gaggeessaan olaanaansaa himan.

Suuraaleen saatalaayitii yeroo baayyee miidhaa caasaa adda baasuu keessatti murteessaa miti.

Fakkeenyaaf, suuraaleen BBCn mirkaneessine naannoo buufata Ittisa Qilleensaa Birgeedii Haazraat Amiir irraa aarri ol ka’aa yoo mulatu agarsiisu, kunis haalaan irratti xiyyeeffatamuusaa kan agarsiisudha.

Haata'u malee, suuraaleen saatalaayitii naannoo sanarraa Dilabata kaafaman naannicharra miidhaa qaqabee mirkanneessuudhaaf gaaddidduuwwan baay'ee waan qabuuf mirkaneessuuf hin danda'amu.

Iraan bara kana keessa yeroo lammataatiif jalqaba baatii Onkololeessaatti Israa’el irratti haleellaa misaa’elaa kan raawwatte yoo ta’u, isaan duras ji’a Eblaa keessa misaa’elaa fi diroonii 300 dhukaasuun ishee ni yaadatama.

BBC Verify